Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Labsii yeroo muddamaa mootummaan Itoophiyaa labse irratti jiraattonni maal jedhu?
Manni Marii Federeeshinii Mootummaa Itoophiyaa balaa walitti bu'insaafi muddama siyaasaa biyyattii keessatti mul’ateen walqabatee labsii yeroo muddamaa ALI Onkololeessa 23, bara 2014 irraa eegaluun guutuu biyyaatti hojiirra oolu labseera.
Labsii kanaan walqabatee mirgoonni hanga yeroon labsii yeroo muddamaa xumuramuutti dhorkaman waan jiraniif lammileen biyyattii miira adda addaan kan dhimmicha ilaalan taasisa.
Kana ilaalchisee jiraattonni magaalaa gara garaa keessa jiran labsii yeroo muddamaa kanarratti yaada akkamii akka qabaatan iyyaafanneerra.
Jiraataan magaalaa Harar nageenyaisaaniif maqaa isaanii hin ibsine, labsiin miilanaa kun miira lama keessa kan nu galchedha jedhu.
“Lolli kaabaa deemaa jiru kun qalbii uummataa guutuutti qabatee jira. Garuu odeeffannoon karaa mootummaatiin kennamu yeroo tokko tokko haala qabatamaa lafarra jiru wajjin yeroo wal hin fudhanne ni mul’ata.
Labsiin kun ammoo mirga odeeffannoo argachuu waan daangessuuf waan kallattii kaaniin jiru beekuurratti daangaa uumuu mala,” jedhan.
“Labsiin kuni furmaata fida jedhee hin yaadu ani. Mootummoonni yemmuu mariin harkaa baate waan akkanaa kan labsu. Kana muuxannoo bara jireenyaa keenya keessatti arginerraa ni hubanna. Labsiin ammaa kunis isa sanarraa adda jedhee hin yaadu,” jedhan.
Labsii kana labsuufi uummata gara lola kanaatti kakaasuun dura uummata ilaalcha adda addaatti qoodamee jiru kana tokkoomsuutu dursuu mala jedhu jiraataan kun.
“Ummanniifi mootummaan ilaalchi amma qaban garaagara. Ummanni ilaalcha mootummaan narra taa’ee na ajjeesaa jira jedhu qaba. Ilaalcha gara lamaanii kana dura walitti araarsanii waan nutti dhufe jedhamu kana waliin dhahuun ni dandahama,” jedhan.
Labsiin kuni sochii uummataa irrattillee daangaa kaa’uu waan danda’uuf, jiruufi jireenya uummataa irratti dhiibbaa qabaachuu mala shakkii jedhus qabu.
Jiraataan magaalaa Amboo nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko ammoo, yeroo kanatti duula waliigalaatu gama lamaan uummata irratti labsamee jira jedhu.
Labsiin yeroo muddamaa amma mootummaan labse kuni ammoo, sochii fi mirga lammiilee kan daangessu waan ta’eef dhiibbaan inni qabaatu laayyoo miti jedhan.
“Furmaata kan fidu labsii kana osoo hin taane, osoo eenyunuu hin tuffatinii fi hin dhiibin mari’atanii nageenya fiduudha.
Qaama dhimmi ilaallatu hundi itti hirmaatee, qaamni walabaa hasofsiisee mari’atamuu qaba. Yoo kana ta’e taayitaan kan paartii yookan kan nama tokkoo akka hin taane mul’isuun ni danda’ama,” jedhan.
Jiraataan magaalaa Adaamaa Dr. Roobsan Margoo ammoo, labsiin yeroo muddamaa yeroo biyyattiin rakkoo keessa seente kanatti labsamuun isaa faayidaa hedduu qaba jedheen amana jedhu.
“Labsiin akkanaa biyya kamittuu yeroo rakkoon mudatu ni labsama. Labsiin akkanaa miidhaafi faayidaas qabaachuu danda’a. Haala qabatamaa biyya keenyaatiin yoon ilaale ammoo faayidaan isaa olaanaadha,” jedhan.
Faayidaalee labsiin yeroo muddamaa kun ni qabaata jedhan yeroo ibsanis, “labsiin kun neetworkiifi tumsa warra TPLF to’achuuf mootummaaf carraa kenna.
Namni bakka bakka jirutti naannoo isaa dammaqinaan akka eegattu, akka of hin dagannes godha. Kanaan alattis daddabarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa to’achuufis ni gumaacha” jedhan.
Ittigaafatamaa waajjiraa fi Miseensi Koree Hojii raawwachiistuu KFO Obbo Xurunaa Gamtaa gamasaaniitiin, labsiin kuni silaa yeroon itti labsamuu qabu ni barfate jedhu.
“Labsiin kuni nibarfate. Amma lubbuun nama hedduu badeera, qabeenyi guddaan manca’eera, namni baayyeen mootummaa aangorra jiru kanatti mufateera. Filannoo irrattis gowwomsaatu ture. Kanaaf osoo rakkooleen kuni hin hammaatin labsamuu qaba ture,” jedhan.
Kutaaleen Oromiyaa hedduun durumayyuu labsii komaand poostii jala turanii kan jedhan Obbo Xurunaan, labsiin akkasii kuni yeroo barbaachisummaa isaa irra kan darbee fi hagas mara bu’aa fida jedhee hin amanu jedhu.
Ammatti biyyattiidhaaf furmaanni qaama qooda fudhattoota, kanneen qawwee kaasanii jiran dabalatee hunduu itti hirmaatee gara marii biyyoolessaatti seenuu qofatu furmaata fidas jedhan.
Odeessaalee kanaan walqabatan biroo:
- Labsii yeroo muddamaatiin dhorkaawwanii fi dirqamawwan kaa'aman maal fa'i?
- Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee 'dararaaf saaxilamaa jiraachuu' himatu
- ‘Mootummaa wajjiin akka kana duraatti itti hin fufnu, TPLF Finfinnee qabachuu ni mormina’- Feeltimaan
- 'Onkoloolessa 24 loltoota osoo hin taane Itoophiyaanuu ajjeefamteetti' - MM Abiy Ahimad
- 'Itoophiyaatti qaamoleen walwaraanan bu'aa biyyaaf jecha mariin furmaata fiduu qabu' - AU