Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Warri Vaayiking, waggaa 471 Kolombas dursuun Ameerikaa qubatan'- Qo'annoo
Gareen 'Viking' jedhamaniifi bara durii Iskaandineeviyaan keessa jiraachaa turan, Kaaba Ameerikaatti waggaa kuma tokkoon dura qubatanii akka turan qo'annoon mul'ise. Kunis Kiristoofar Kolombas achi gahuun jaarraa hedduun dura ture.
Saayintistoonni akka jedhanitti, teeknika haaraa mukkeen irratti yaalameen Vaayikingonni, Kaanaadaa keessa bakka Newfoundland jedhamutti Dhaloota Kiristoosiin booda bara 1021tti qubachuu bira gahaniiru.
Yeroo dheeraaf warra Awurooppaatu Kolombas dursuun Ardii Ameerikaa gahe jedhamee yaadamaayyu - Kolombas bara 1492 ture kan achi gahe.
Haatahu malee qorattoonni barasaa yogguu himan kun kan jalqabaati.
Warri 'Viking' jedhaman - garee biyyoota Iskaandineeviyaa (Denmaark, Norweey, fi Swiidin) irraa yoo tahan, isaanis jaarraalee 8ffaa haga 11ffaatti biyyoota Awurooppaa keessa bishaanirra deemuun saamichaafi daldala garagaraa kanneen gaggeessaa turanidha.
Qorannoo jornaalii Nature irratti maxxansaniin saayintistoonni kunniin akka jedhanitti, geengoowwan mukaa sadii, kanneen mana ijaaruuf oolan qorachuu isaanii himan. Kunis bakka L'Anse aux Meadows jedhamutti.
Qorattoonni kun mallattoo 'radiocarbon' qilleensaa fayyadamuun, mukti jarri sun wayita sana itti fayyadaman ''bara 1021 jiguu bira geenyeerra'' jedhan. Mallattoo kanas kan kahumsa godhatan waan ''solat storm'' jedhamuufi aduu wajjin waan walarguuni.
Saayintistoonni waanti 'Solar storm' jedhan kun, carallaa aduu guddaa kan dachee rukutu oggaa tahu, kunis bara 992AD mudachuutu himama.
Kana fayyadamuunis tilmaamota amma dura jiraniin caalaatti bara sirrii akka tilmaaman isaan gargaaree jira. Tilmaamni amma dura jiru, bakki qubannaa kun kan hundaa'e bara 1000AD ture kan jedhu ture.
''Odeeffannoowwan kana warra 'Norse' wajjin kan walitti fidne, qorannoo gadi fageenyaan Parks Canada'n amma dura gaggeeffame irratti hundaa'uuni,'' jedha ibsi qo'annoo kanaa.
Dabaluunis, mukti qo'annoof fayyadaman meeshaalee sibilarraa tolfamaniin bobbocamuu yookaan midhaafamuuf ragaan ifa tahe jira jedhan.
Kana malees kaampiin L'Anse aux Meadows jedhamu kun bakkeewwan qubannaan biroo irraa argamanidha
Qo'attoonni kunniin waan jedhan, argannoon kun qorannoo gara fuulduraaf taasifamaniif akka bakka ka'umsaa murtaa'aa tahe bakka bu'a jedhan. Qorannoowwan kanneen akka sosochii galaanarraa, ceehumsa beekumsaa fi madda qaccee sanyiillee asirratti hundaa'uun qo'achuu danda'u jedhu.
Dr Colleen Batey, a Viking specialist associated with the Institute for Northern Studies in Scotland, says the study does not necessarily suggest Vikings were not in the area in 1000AD.
Ogeessi qorannoo Viking Iskootilaandirraa tahan Dr Colleen Batey akka jedhanitti, qo'annoon kun warri Viking dhibbaan dhibbatti bakka sana bara 1000AD hin turre jechuu miti jedhu.
Akkamiin jennaan: ''[Qo'annoon kun] bakki qubannaa yeroof tahe naannoo 1021 keessa akka ture agarsiisa. Mukti bakka kanatti faayidaaf ooleera - tarii ijaarsaaf yookaan doonii ijaaruuf,'' jedhan.
''Akka ogeettii arkiyooloojiitti, dhimma kana akka taatee achi jiraachuu sadarkaa tokkottin ilaala. [Taateen kun] isa jalqabaas miti, isa dhumaas tahuu hin danda'u.''
Kaampiin L'Anse aux Meadows bakka hambaa UNESCO irratti galmaa'e oggaa tahu, fiixee odola Newfoundland gama kaabaan argama.
Bakki kunis iddoo Vaayikingoonni Ameerikaa Kaabaatti itti qubatan isa jalqabaa fi isa kophaa yemmuu tahu, warri Awurooppaa Addunyaa Haaraa 'New World' jedhamuun beekamutti gahuusaaniif ragaa isa duriiti.
Malli 'radiocarbon dating' jedhamu, mala ittiin haftee kaarbanii (carbon-14) wanta tokko keessatti walitti rukkate yookaan kurfaa'e ittiin safaranidha.
Elemntiin carbon-14 jedhamu yeroo keessa kan shamu ykn bosbosaa kan deemu oggaa tahu, haftee isaa safaruun saaamudichi waggaa meeqa akka tahe nutti hima.