Horteen daayinoosariin irraa dhufe bineensa xiqqoo ta'uu hin oolu jedhame

Daayinoosars lubbu qabeessa guddicha addunyaa kanarra ture booda sanyiin isaa bade ta'uutu himama ture.

Bineensi dachee keenyarraa bade kun horteen isaa jalqabaa xixiqqaa akka ture ragaan qo'annoon haaraan Madagaaskaariitti argame mul'ise.

Hambaan lafee bineensa kanaa umrii ganna miliyoona 237 lakkoofsise biyyatti keessatti argame kun bineensa xiqqaa seentimeetira 10 hin caalleetu hortee jalqabaa akka ta'e agarsiise.

Hambaan lubbu qabeessa kana akka agarsiisetti daayinoosariin jalqabaa hoosiftuu lafarra munyuuqu qofa otoo hin taane, kochoon akka allattiitti kan balali'uu danda'u akka ture akeeka.

Qorannoon achii dhuftee bineensa kanaarratti gaggeeffamuu ammas hin goolabamne, itti fufeera.

Godahambaa Noorz Kaarolinaarraa ogeessi qorannoo Kiristiyaan Kaameerer jedhaman akka jedhanitti, hambaan lubbu qabeessa haaraa argamee kan hortee daayinoosarii akka ta'e amanamu daran xiqqaa ta'usaa himan.

Hambaan lubbu qabeessa lafarraa badee kanaa bara 1998 biyya Madagaaskaariitti garee qo'attoota godahambaa seenaa uumama lubbuu qabeeyyii Ameerikaa jiruun argamuutu ibsame.

Ogessii qorannoo Joon Filiin jedhaman garee qo'annoo kana dursaa turan.

Dayinoosarsii fi Terosool ('Pterosaur') gartuu lubbu qabeeeyyii hortee Ornitoodiyaa jedhaman keessatti ramadamu. Kanaan dura hambaa bineensota kanaa muraasa qofaatu argame.

Hambaan lubbu-qabeessa lafarraa bade kanaa kan gartuu murna simbirroonni, repitaaliyoonni akka naachaa keessatti argaman ''archosaurs' jedhamanittis qabaachuu qorattoonni ibsu.

Hambaan daayinoosarsii Madagaaskaritti argame kanaa ilbisoota akka sooratu kan agarsiisu ta'uusaa ogeeyyiin kun ibsaniiru.