Waraansoo-Miillee: Hambaan dhala namaa umrii miiliyoona 3.8 Affaaritti argame

Gareen saayintistootaa idil-addunyaa Naannoo Affaar Aanaa Miillee keessatti hambaa buqqee mataa kan ganna miiliyoona 3.8 lakkoofsise argachuusaanii beeksisan.

Hambaa kana waggaa sadiif qorachaa erga turanii booda, bu'aa qorannoo isaanis barruullee saayinsii idil-addunyaa 'Nature' gubbaatti guyyaa har'aa -Roobii maxxanfameera.

Piroojektii Waraansoo - Miillee kana olaantummaan kan hoogganan Dr. Yohaannis Hayilasillaasee waan jedhan, argannoon haarayaa kun garee dhala namaan dura ture Awustiraalooppitikas Anaamansis jedhamu keessatti akka ramadamu dubbataniiru.

Argannoon kunis waa'ee garee kanaa wantoota haga ammaa hin beekne - kanneen akka boca fuulaafi mataa kan nutti agarsiisedha jedhaniiru.

Ogeessi kun dabaluun hambaan buqqee mataa kun guutuumaatti argamuunsaa argannoowwan amma dura argaman irraa adda akka taasisu BBCtti himaniiru.

Gosti dhala namaan durii - Awustiraalooppitikas Anaamansis jedhamu kun haga ammaa kan beekamu umriinsaa miiliyoona 4.2 hanga 3.9tti akka tahu wayita tahu, buqqeen mataa gosa MRD jedhamu kun umriinsaa miiliyoona 3.8 akka tahe barameera jedhan Dr. Yohaannis.

Umriin kun akkamiin barame?

Umruun haftee kanaa akkamiin akka barame kan ibsan Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa pirofeesara ka tahan Dr. Muluugeetaa Allaneedha.

Akka isaan jedhanitti, tekinooloojii addunyaan bira gahetti fayyadamuun, saamuda dhagaawwan walirra tuulaman iddicharra argamaniifi odeeffannoowwan arkiyooloojii biroo walitti ida'uun umriin hambaa kanaa miiliyoona 3.8 tahuunsaa barameera jedhan.

Itoophiyaa - iddoo argama dhala namaa

Argannoon kuniifi kanneen biroon maddi dhala namaa addunyaa kanaa Itoophiyaa tahuushee kan cimsudha jedhu qorattoonni kun.

Naannoo Affaar fi iddoowwan Suluula Qiinxamaa biroo keessatti hafteen dhala namaan duraa hanga umrii miiliyoona 6 gahan argamuun isaanii Itoophiyaan maqaa 'Cradle of Humankind' jedhu kan irra deebiin cimsudhas jedhaniiru.

Argannoowwan haftee dhala namaan duraa digdama keessaa, 13 kan tahan Itoophiyaa keessatti argaman.

Kanneen Itoophiyaa keessatti argaman keessaa hedduun keenya ka beeknu haftee maqaa Luusii jedhamuun beekamtudha.

Umriin Luusii ganna miiliyoona 3.2 wayita tahu, kan amma argame kunis ganna 600,000'n angafa Luusiiti jechuudha.