Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awwaalchi daa'imaa waggaa 78,000 lakkoofsise Afrikaatti argame isa jalqabaati jedhame
Daa'ima tokko waggaa 78,000 dura lubbuun dhabuu kan agarsiisu qorannoo bakka awwaalchaa durii Afrikaatti gaggeeffameen argame.
Argannoo kun bara sana keessa dhalli namaa akkamitti akka gaa isaa ibsatuufi jireenyi isaa maal akka fakkaata turellee ni agarsiisa jehameera.
Bara dhagaa gidduugaleessaa- kan mucaan waggaa sadii holqa Keeniyaa tokko keessatti argame.
Barruu joornaal necher [journal nature] jedhamu irratti qorattootni lafee caccabaa, haftee isaa qoratan mataan isaa boraatii irra taa'uu ibsan.
Saayintistootni kunneen mucaa kana afaan Kiswaahiliin 'Mtoto' jechuun daa'ima jechuun moggaasan.
Gareen arkiyolojistootaa idil-adunyaa caccabaa lafee isaa hafe ol kaa'uuf jecha guutummaa awwalchichaa pilaastikaan qabanii baasan.
Kun qaama isaa karaa nagaa qabuun hanga bakka qorannootti geessuuf isaan gargaareera.
'' Kun akka waan gaaddidduu qotuuti,'' jedhe pirofeser Maartinoon Toores-daarikterri gidduugala qorannoo tirannaa dhala namaa biyyaalessaa Ispeen.
''Yeroo achi keessaa baasnu, daa'ima kaasuu keenyatti baachuu keenya hin beeknu ture,'' jechuun sagantaa saayinsii BBCtti himan.
Qorattootni kunneen ilkaan isaa qorachuun lafee dhala namaa xiqqaa yookaan ijoollee waggaa lamaa fi sadii gidduu tahuu adda baasan.
Qorannoon carallaa akka mul'isetti ammoo mucaan du'ee ture kun akkaataa ciisicha daa'ima gadameessaa keessaa jiruutti kaa'ame.
Lafeen isaa yeroo qotamee bahe akkaataadhuma qaamni isaa cimsamee hidhamee turetti bahuu agarsiisa. Mataan isaa waan akka boraatii baalaa fakkaatu boossoseeru irra kaa'ameera.
"Akka yaadnutti mucaan kun waan akka andaqii baala irraa hojjetame yookaan gogaa horiin marame. Akka hirriba isaa isa dhumaa keessa jiruutti,'' jedhan Pirofeser Martinoon.
''Garee yeroo sana jiraataa ture du'a mucichaaf miira isaanii ibsachuf jecha yaadniifi gaarummaan akkasii jiraachuu agarsiisa.''
Qorannoo bal'aa saayintistootni kunneen hammaafi boca lafee mucichaa irratti gaggeessaan Mtoton yookaan daa'imni sun dhiira tahuu hin hafne jedhan.
"Holqa keessatti awwaalame- bakka namootni jiraataa turan,'' jedhe pirofeser Martinoon Toores,
Amalli kun hunduu waa agarsiisa- gadda isaanii yookaan ammoo akka inni deemu barbaaduu dhabuu isaaniiti.''
Afrikaan bakka argaminsa dhala namaa ammayyaa jedhamtee amanamti. Garuu ragaaleen meeshaalee dur namootni fayyadaman ammoo tirannaa dhala namaa baayee barbaachisaa hin argamiin hafe tahuu agarsiisa.
''Awwalchi dulloomaan biraa lammaffaa irra jiru biraan ammoo kan waggaa 74,000 dura argamedha'' jedhan Dr Luusii Haamfiree, Muuziyeemii seenaa Uumamaa Landan irraa.
Kan nama dhibu ammoo kan isaas ijoolleedha. Garuu waggaa 50 dura haala qulqullina hin qabneen qotamee bahe. Kanaafuu waa'ee isaa hagas mara hin beeknu jedhu.
"As dhugumatti dhala ofii tokko akka dhaban kan himu jira,'' jette. Kun ragaa mallattoo adunyaa kana bakka bu'an qabaachu agarsiisudha.''