Masiriin lafee arraba warqee qabu waggoota kuma 2 lakkoofsise argatte

Qorattoonni Masirii ambaalee lafa keessa awwaalaman irratti hojjetan lafee waggoota kuma 2 lakkoofsisan argatan.

Lafeen isaan argatan kun akka biyyootti hin jijjiiramneef ogummaa qorichaan goganii akka tursiifaman kan taasifaman yoo ta'u, kan adda isaan taasisu ammoo arrabni isaanii warqeedhaan bakka bu'eeraaf.

Gareen Masiriifi Dominikaan magaalaa Aleksaandeeriyaa, naannoo mana qulqullummaa Taappoosiriis Maaginaatti lafee 16 qorichaan gogfamanii awwaala kattaa irraa hojjetame keessa akkuma jiranitti bira ga'aniiru.

Naamoonni sadarkaa ol-aanaarra jiran haala kanaan qaama isaanii keessaa tokko toko warqeedhaan bakka buusanii awwaaluun bara mootummaa Giriikiifi Roomaa keessa kan barame ture.

Tarii arrabni warqee kan hojjetameef du'aan booda ni jiraatu jedhamee waan amanamuufidha.

Yeroo du'aa ka'an sanattis waaqa tolfamaa Oriyoos jedhamu sirriitti akka dubbisuu danda'aniif jedhameeti.

Waaqni tolfamaa Masirii durii Oriyoos addunyaa lafaa gadi jiruufi warra du'anitti faradu akka ta'etti yaadama.

Arrabawwan warqeen itti maxxanfame qarqara isaaniirratti mallattooni gonfoo itti tolfamee argameera. Kanamalees, mallattoon bofa Kobiraa jedhamuus argameera.

Itti-gaafatamaan Qorannoo Ambaalee Lafa Jalaa Aleksaandeeriyaa Kaaliid Aboo El Hamiid barbaacha kana yeroo taasisanitti aguuggiiwwan fuulaa lafeewwaniis argamuu isaanii dubbataniiru.

Aguuggiiwwan fuulaa kunneen kan umurii kuma lamaa qabanidha.

Obbo Kaaliid dabalanii akka isanitti, bakka mana qulqullummaa kanatti saantiimawwan fakiin mootii beekamtuu Kiliyooppaatiraa 7ffaa irra jiran argamuu isaanii yaadatu.

Kiliyooppaatiraa 7ffaa sirna mootummaa Telemaatiik Giriik isa dhumaa akka taate ni beekama. Barri mootummaashees Dhaloota Kiristoos dura 51 hanga 30tti ture.

Mootittiin Kiliyooppaatiraa 7ffaa kun du'uu ishee hordofee ture Masiriin durii kan harka warra Roomaa jalatti kufte.