Argannoo Saayinsii: Daaynoseriin ilkaan maleessaafi quba lama qofa qabu argame

Gosti daaynooserii ilkaan hin qabneefi harka lamaanirraa quba lama lama qofa qabu Mongooliyaa Gammoojjii Goobii keessatti argameera.

Qorattoonni Yunivarsitii Edinburg lafee gosa daynoosarii kanaa, Oksoko Avarsan jedhamuu hedduu argataniiru.

Bineensi baallee qabu kun, kan waggaa miiliyoona dhibba tokko dura jiraataa ture, afaan guddaa ilkaan hin qabne qaba.

Gartuun kun waan jedhan, argannoon kun bineensootni jijjiirama keessa akkamiin quba harkaa ykn miilla dhabaa dhufan baruuf gargaaruu danda’a.

Bineensi kun gosa bineensota biroo sanyiin wal fakkaatan irraa quba muraasa kan qabu yoo ta’u, kun yeroo Late Cretaceous keessatti jijjirama bineensotni baayyachuuf taasisan agarsiisuu mala.

Bineensi dheerina hanga meetira lamaa qabu kun, huruun isaa kan simbira paarotii waliin wal fakkaata.

Gosa daaynosarii, Oviraptors jedhamanii fi quba sadii qaban keessatti kan quba tokko hir’atee jiru jiraachuu isaaf kun ragaa isa jalqabaadha.

Dabalataanis gartuun qorattootaa kun bineensi Oksoko avarsan jedhamu kun, akkuma bineensota bara durii hedduu, hawaasummaan kan jiraatan turani.

Hambaan lafee daayinoosaroota afurii wal biratti argame.

Yunivarsitii Edinburg irraa Dr Girigorii Fuston, argannoon kun waggoota miiliyoona 68 ol dura bineensotni paarotii fakkaatan jiraachaa turuu mul’iseera jedhu.

''Oksoko avarsan nama dinqisa, sababiinsaas lafeen isaanii kan argame guutuu ta’eefi wal biratti waan ta’eef bineensoti kun gartuun akka jiraachaa turan agarsiisa.

''Garuu caalatti, harki isaa quba lama qabaachuun isaa oviraptarii irraa jijjirama tirannaan dhufe keessa geddaramuu kan agarsiisu yoo ta’u, kun ammoo waan hanga ammaatti kan hin qoratamnedha.

“Kun ammoo daaynosarootni addunyaa irraa baduu isaaniin dura, maaliif gosti oviraptarii adda adda turani kan jedhu irratti hubannoo haaraa fideera,” jedhu.

Qorannoon kun kan maxxanfame barreessaa Royal Society Open Science jedhamu; kan hawaasa The Royaalii fi Waldaa Saayinsii uumaafi Injinariingi Kanaadaan deeggaramuuni.

Argannoo kanaratti qorattoonni Yunivarsitii Albertaa fi Godambaa Daaynooserii Filip J Karii Kaanaadaa, Jaappaan irraa Yunivarsitii Hakkiyadoo fi Manni Barnoota Saayinsii Mongooliyaa hirmaataniiru.