Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaala Kaayiroo piraamidoota Saqaraa keessatti awwaalchi luboota turan waggoota dheeraan booda argaman
Qorattootni awwaalcha dinqisiisaa lubootni gaafa du'an keessa kaa'aman waggoota 4,400'f osoo hin tuqamiin ture argatan.
Barreessaa olaanaan mana maree olaanaa hambaawwanii Masirii, Musxafaa Waazirii, argannoo adda tahe waggoota kurnan booda galmaa'e jechuun ibse.
Suuddoowwan yookaan awwaalchi kunneen piraamidoota walxaxoo Saqaaraa magaalaa Kaayiroo cina jiran keessatti kan argaman yoo tahu barreeffamoota Haayirogiloofiksii fi siidaa Fara'oon ofirraa qabu.
Suuddoowwan halluu fi suuraa garaagaraan mimmiidhakfamanii argaman kunneen abbaa qabeenyaa awwaalichaa kan tahan maqaa luba kabajamoo Waatiyee jedhamu fi haadha warraa, harmee fi firoota isaan moggaafameera.
Qorattootni hambaa Mudde 16 naannicha qotuun qorannoo gaggeessuun wantoota hin argamiin biroo kan barbaadan yoo tahu, lafee luba achitti awwaalamees argachuu danda'u jedhameera.
Wantootni qorattootni argatanis kana fakkaata.
Suuraaleen hunduu mirgi isaanii kan eegamedha.