Manneen Amantaa Keeniyaa maaliif namoota siyaasaa waltajjii isaaniirraa dhorkan?

Madda suuraa, AFP
Namootni siyaasaa yemmuu konkolaataa qalii fi takka takka kaameeraa waliin sagantaa irratti hirmaachuuf Dilbata gara waldaa dhufan arguun, miseensota waldaa Keeniyaa jiraniif waan baramedha.
Abbotiin siyaasaa kun maallaqa gumaachaa – kan gargartoonni isaani korojoon baatanii dhufan – ijaarsa waldaalee amantaa gurguddaa fi meeshalee muuziqaa sagalee guddisanfaa qabatanii dhufu.
Gumaacha godhan kanaafi immoo, sagantaa jidduutti, namootni siyaasaa kun waltajjii fudhatu, kanaan ammoo miseensonni waldaa, ergaa isaanii yeroo hedduu dhimma macaafa qulqulluu hin taane dhageeffachuuf dirqamu.
‘Sagantaaleen’ waldaa kun, boodarra TV irratti feedhii uummanni waa'ee kaadhimamtoota filannoo ji’a sagal booda taasisamuuf jiru irratti hirmaatanii baruuf qabuuf guutuuf mul'atu.

Madda suuraa, AFP
Gariin isaanii waldaa gageeddaruun naannaa’u, kun ammoo abbootiin siyaasaa kunneen bakka ani qabadhe dhufte jechuun mana amantaa keessatti waldhabdee akka uuman taasiseera.
Waldhabdee daangaa kana furuuf akkasumas “dhimma guddina hafuuraa” irratti mar’ichuuf jecha lubootni gara mana jireenya namoota siyaasaa kanatti akka affeeramanis ni himama.
Dabalataanis, himannaan mallaqi isaan gumaachan kun kan karaa seeraan alaan argatanidha jedhus jira – garuu kana ni haalu.
Amma hoggantoonni waldaalee amantaa bebbeekamoo nu ga’a jedhu. Ergaa 'gowwomsaa fi bu’aa hin qabne’ dabarsuun 'kabaja waldaa xuqaniiru’ himata jedhuun namootni siyaasaa akka waltaajjiitti ol hin baaneef dhorkaniiru.

Madda suuraa, AFP
Akkasumas, xiyyeeffannoo miidiyaa akka hin arganneef, waldaaleen gumaachaa maallaqaa namootni siyaasaa hojii waldaaf kennaan ifa hin godhani.
“Waldaaleen amantaa namoota siyaasaan to’atamuu isaaniif gar tokko kan itti gaafatamu lubootadha. Shakala qulqullummaa waldaatti deebisuun barbaachisaadha,” jechuun lubni Waldaa Kaatoolikii Antooni Muheriyaa BBCtti himaniiru.
Hogganaan Waldaa Angelikaan Keeniyaa, Lubni Jaakson Olee Saapit, jalqabumayyuu namoota siyaasaaf waldaa keessatti waltajjii kennuun “dogoggoradha” jedhaniiru.
“Balleessakoo %100 nan amana. Ta’us garuu balleessa walfakkaata yeroo dheeraaf itti fufuu hin qabnu. Yeroon itti qalbii jijjiirranu ni barbaachisa,” jechuun yeroo dhorkiin kun ji’a darbe labsame dubbataniiru.
‘Namootni siyaasaa namoota ofittoodha’
Murteen kun namoota hedduun simatameera – keessumaa miseensonni waldaa magaalaa gudditti Naayroobii jiran akka gammadan BBCtti himaniiru.

Madda suuraa, AFP
“Dhugaa dubbachuun wanta qalbii nama hatu ture. Hanga hoggantoonni waldaa tarkaanfii fudhatanitti eegaan ture,” jetti Yuuni Waweeru.
Jaaneet Nizilaani hima kanaan walii galuun: “murtoon kun fudhatamuu isaatti gammadeeraa sababiin isaa namootni siyaasaa namoota ofittoo ta’anidha.
"Hamilee namootaa kakaasuuf ykn tokkummaa irratti dubbachuuf miti kan isaan deeman. Ummataaf tasumaa dhimma hin qabani. Paastarootni waldaa keessatti argamuu isaani qofa simachuu irraa kan hafe homaa waan biraa gochuu hin qabani,” jetti.
Filooreens Atiyeeno ammoo namootni siyaasaa kabajamuu qabu, akkasumas sagantaa booda miseensota waldaa akka haasofsiisaniif eeyyamamu qabu jetti.
“Ani rakkoodha kanan jedhu yeroo isaan duula siyaasaa gaggeessaniifi waldaaa keessatti wal loluu eegalan qofa,” jetti.
Ta’us garuu dubartoonni kun hundi miseensota waldaa ivaanjelikaal, kan lubuunni gariin dhoorkii kana hin deeggarreedha.
Dhorkiin kun kan dursame waldaa Angelikaan, Kaatoolikii fi Piresbetiyaaniin yoo ta’u, waldaalee raajii fi tajaajila fayyinaan beekamaniin garuu mormiin irra ga’aa jira.
Daldala guddaa
Keeniyaan harka caalaatti hordooftota amantaa Kiristaanaadha. Akka qorannoo bara 2019tti gaggeeffameen, lammilee Keeniyaa uummata miiliyoona 50 keessaa % 85.5 – kan ta’an baay'inaan waldaa ivaanjeelikaali keessatti hirmaatu. Waldaan Kaatoolikiis mana amantaa beekkamtii qabudha.
Diinagdeen amantaa, daldala guddaadha – gumaachi nama siyaasaa irraa argamu ammoo qabeenya waldaa baay'ee guddisuu danda’a.

Madda suuraa, AFP
Sababa weerara Covid-19 manneen amantaa hedduun hanqina maallaqaan miidhamaniiru, kanaaf lubootni ivaangelikaalii tokko tokko dhorkii waltajjii kana mormuun isaani waan nama ajaa’ibu miti.
“Dhorkiin kun hidda ni qabata jedhee hin yaadu sababiin isaa, manneen amantaa faayidaa baarbaadan waan jiraniifi, isaan namoota siyaasaa maallaqa isaaniif gummaachan barbaadu, yeroo tokko tokko ofii isaani affeeruni,” jechuun oggeessi miidiyaa Baraak Mulukaa BBCtti himeera.
Barreessaa fi hayyuun, Piitar Kimaanii akka jedhutti manneen amantaa akka bara 1990’nii aangoo hin qabani.
“Akka durii humna tokkummaa uumu miti… ivanjelikaalootni hojii maallaqaa hojjatu, namuusa wal tokkummeessu hin qabani,” jechuun BBCtti himeera.
‘Kufaatii’ namusaa
Dhoorkiin waltajjii kun waldaaleen beekkamtii qaban aangoo namoota deebisanii qabaachuuf kan yaalaan fakkaata.
Kanaan dura hoggantoonni amantaa yeroo dhimma uummataa fi mirga namoomaa irratti dubbatan dhageetti qabu ture- bara 1990’n keessa dimookiraasiin paartilee hedduu of keessatti qabatu akka uumamuuf duulanii turani.
Waggotii digdaman darban keessatti garuu ilaalcha falmisiisaa isaan qabaatan irraa kan ka’e dhaggeetiin uummataa hir’iseera.

Madda suuraa, AFP
Dhorkiin koronaavaayirasii gariin Waxabajjii keessa manneen amantaa irraa kaafameera – ta’us garuu hiriirri duula na filadhaa akka dhorkametti jira, kana jechuun manneen amantaa namoota siyaasaaf waltajjii ta’an jechuudha.
Dhiyeenya hordofaa amantii Kaatoolikii kan ta’e pireezidant Uhuuruu Keeniyaataa, , manneen amantaa lakkoofsa namootaa kessuumsiisaan akka dabalaniif eyyameera, duulli na filadhaa garuu ammayyu dhorkamee jira.
Kanaaf dhorkiin waltajjii kun namoota siyaasaa filannoof duula gaggeessaa jiran, kan akka Itti aanaa pireezidantii Wiiliyaan Rutoon, kan pireezdaantummaf dorgomuuf deemuun hin simatamne.
“Akka Kiristaanaatti hojii waldaa deeggaruuf dhufna,” jechuun sagantaa waldaa irratti dubbateera. Waldaa kanaaf ammoo shiliingii miiliyoona lama (doolaara 18,000) akka gummaacheeru ni himama.
Hoggantoonni manneen amantaa, namootni siyaasaa amantaa kana hordofan sagantaa irraa hin dhorkamne jedha.
“Namootni siyaasaa dhufanii kadhachuu danda’u garuu miseensota waldaaf haasaa akka taasisaniif hin eeyyamamuufi,” jechuun Hogganaan Konfiraansii Luboota Kaatoolikii, Feerdinandi Lugoonzoo BBCtti himaniiru.
“Gamoon mana amantaa waqeeffanaaf qofa kan qophaa’eedha.”












