Keeniyaa: Barattoonni pirimiyeer liigii daawwachuu dhowwaman ‘kutaa ciisichaa isaanii guban’

Moo Saalah tapha Dilbataa irratti sadii galchuun riikardii baay'ina galchii taphataa Afrikaan Pirimiyeer Liigii irratti gale cabseera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Moo Saalah tapha Dilbataa irratti sadii galchuun riikardii baay'ina galchii taphataa Afrikaan Pirimiyeer Liigii irratti gale cabseera

Barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Keeniyaa tapha Pirimiyeer Liigii Ingilizii akka hin daawwanne dhorkaman kutaa ciisichaa isaanii gubuun gabaafame.

Taphi barattoonni akka hin ilaalle dhorkaman jedhamee gabaafame tapha Dilbata galgala Liivarpuuliifi Maanchistar Yunaayitid taasisanidha.

Akka gaazexaan Keeniyaa Deyilii Neeshin gabaasetti barattoonni hidhaa bu'anii dhimmi isaanii ilaalamaa jiru afuridha.

Akka gabaasa kanaatti barattoonni kunneen barattoota 14 biroo qorataman keessaati.

Barattoonni Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Dr Krapf bulchiinsa Kilifii kunneen gaafa Roobii beekaa qabeenyatti ibidda qabsiisuun himatamu.

Akka Komaandara Poolisii kutaa bulchiinsa Raabaayi Firederiik Abugaatti mana barumsichatti barattoonni gaafa Sambataa qofa tapha daawwachuun eeyyamamaaf.

Taatee gaafa Dilbataa booda manni barumsichaa cufameera.

Barattoonni kunneen tapha eegamaa tureefi Liivarpuul 5fi 0'n Maanchistar Yunaayitid itti injifate kana ilaaluu barbaadu ture.

Mohaammad Saalah tapha Dilbataa irratti sadii galchuun riikardii baay'ina galchii taphataa Afrikaan Pirimiyeer Liigii irratti galmaa'e cabseera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Mohaammad Saalaa, Mohaammad Saalaan yoo wl-argu