Jaalala Uhuuruu Keniyaataa fi Wiiliyaam Ruutoo qorre lammilee Keeniyaa gatii baasisuu malu

Pirezedantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa fi Pirezedantii Ittaanaa Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii Keeniyaa Uhuuruu Keenyaataa fi Pireezidantii itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo

Xalayaa gaazexeessitoota Afrikaarra nu gahu keessatti leenjisaan dhimma kominikeeshinii Joosef Waarunguu gaa’illi siyaasa pireezidantii fi Pireezidantii itti-aanaa Keeniyaa gidduu ture cabee, namni sadaffaan gidduusaanii akkatti seene hima.

Short presentational grey line

Pireezidant Uhuruu Keenyaataa fi Pireezidantii itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoon akkuma misirroota reefu cidha godhatanii, waliin waltajjiitti yoo bahan fuula isaaniirra seeqni hin dhabamu.

Paartiin Jubilee waloon ijaaran Bitootessa 9 bara 2013 filannoo pireezidantummaa injifachuun guyyaa itti labsame ture.

Wiiliyaam Ruutoon injifannoo argatan sana dinqisifachuun, Waaqayyoo gufuu hin ce’amne riqicha waltumsuutti nuuf geeddare jedhanii turan.

Gaa'illi siyaasa giddusaaniitti uumame himannaan manni murtii yakkaa idil-addunyaa jeequmsa siyaasaa bara 2007 Keeniyaa keessa tureen walqabatee lamaan isaanii himate erga kufaa ta'ee booda ture. Kunis injifannoo isaanii milkii dachaa taasiseef.

'Warra ammayyaawoo'

Jalqabarratti jaalala isaanii jidduu qilleensi hin seenu ture.

Jarri lachuu waliin deemu, yeroo kaan sirumaa harka walqabatanii deemu, tarkaanfiin isaanillee wal sima, gaaf gaaf akka waliitti uffatu turan.

Hawaasa keessatti waliin Waaqayyoon kadhatu, waliin baay'ee kolfaa turan, namoonnis gammadanii isaan waliin kolfu.

Jiruun gaariidha ture, hariiroon giddusaanii cimaadha, fuuldurri isaanillee ifa, abdii qabu fakkaata ture.

Ruutoon marroo lama wayita Uhuuruun aangoof dorgomu waahila isaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ruutoon marroo lama wayita Uhuuruun aangoof dorgomu waahila isaa ture

Keenyaataan wayita aangoo pireezidantummaa qabatan umriin isaanii ganna 51, Ruutoon immoo ganna 47 turan.

Namni isaan waliin dorgomanii injifatan Ministirri Muummee duraani Raayilaa Odingaan immoo yeroo sanatti nama ganna 68 turan.

Wayita sanatti Odingaan ‘dulloomaadha’ jedhame. Isaan lamaan ammoo ‘’dargaggeeyyii’’ jedhamuu qofa osoo hin taane, ammayyaawoo jedhamanii maqaa masoo ’digital couple’ jedhu argataniiru.

Filannoo pireezidantummaa lamaa fi ganna saddeet booda gaa’illi siyaasa isaanii dhadhaa abidda buute taate, waltumsi isaan gidduu tures cabe.

Harka wal fuudhuu siyaasa geeddare

Mallattoon walii hiikuu giddusaanitti kan mul’ate Bitootessa bara 2018, pireezidantichi morkataa isaa Aab Odingaa akka michuu sadaffaa gartuu siyaasaa tokko keessa waliin jiraniitti wayita ibse ture.

Gartuu siyaasaa ‘National Super Alliance' (Nasa) jedhamu hundeessuun filannoo bara 2017 irratti kan morkatan Aab Odingaan, bara sana filannoon haqa qabeessaa fi bilisa hin turre jedhanii mormii uummataa kaasan.

Mormiin kun milkii bara pireezidantummaa isaanii kan xumuraatti danqaa akka itti hin uumneef jecha pireezidant Keenyaatan, Aab Odingaa uummata keessatti harka fuudhanii nageenya labsan.

Uhuru Kenyatta and Raila Odinga

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aab Odiingaa fi Uhuuruu Kenyaataan harka wal-fudhuun nagaa labsan

Suutuma suutaan Aab Ruutoon gaa'ila siyaasaa isaanii keessatti namni hedduummachuu komachuun, hiriyaa isaa ganna shanan darbaniirraa fagaachaa adeeme.

Amma wal-diddaan giddusaanii jiru ifatti mul’ata.

Karaa walii gadhiisu, hariiroon ykn gaa’illi siyaasaa isaanii qorruu miira isaaniirraa hubachuun ni danda'ama.

Hariiroon Aab Ondingaa fi Keenyaataa giddutti cimaa adeeme ifatti Aab Keenyaataan Odingaa galateeffachuu eegalan.

Waxabajjii 1, bara 2021 Aab Keenyaataan bara hojiisaanii gama guddinaatiin Aab Ruutoo caalaa Aab Odingaa waliin milkaa'uu isaanii dubbatan.

Aab Ruutoon pireezidant Keenyaataan akka waan ganameetti ilaala.

Wayita humna walitti dabalatan waadaa hin barreeffamne kan ganna 20 turu fakkaatu, Aab Ruutoon pireezidant Keenyaataan marroo lamaaf aangoorra akka turan tumsuuf ture.

Sana booda Aab Keenyaataan pireezidantii itti-aanaa isaanii akka filannoo pireezidantummaa bara 2022 injifatu gargaaruun marroo lamaa (waggoota 10) gargaarutu irra ture.

Haata’u malee, Amajjii bara 2021 pireezidantichi waliigalteen sun diigamuu waan ibsu ifatti dubbatan.

‘’Pireezidantummaan kan saba lama qofaa miti’’ jechuun ummata walitti qabametti himan. Itti dabaluunis saboota biyyattii keessa jiran 42 keessa tarii yeroon kan sabni biraa aangootti dhufu ta'uu akka malu akeekan.

Pireezidantichi miseensota saba lamaa Kikuyyuu fi Kalenjin keessaa bahan qofatu teessoo olaanoo biyyattii dhunfate jedhan.

Wiiliyaam Ruutoo wayyaa Aadaa Booranaatiin faayamanii, bulchaa Marsabiit walin

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Wiiliyaam Ruutoo wayyaa Aadaa Booranaatiin faayamanii, bulchaa Marsabiit walin

Aab Keenyaataan sabaan Kikuyyuu wayita ta’an, Aab Ruutoon immoo Kalenjiinidha. Aab Odingaan immoo saba Luwoo yeroo dheeraaf aangoorraa qoollifamne jedhanii komatan irraa dhalatan.

Aab Ruutoon sabni Kaalenjin deebi’ee Keeniyaa bulchuu hin danda’u ykn immoo biyyattii tokkoomsuu hin danda’u yaada jedhu hin fudhatan.

Gaa'ila siyaasaa diigame itti dhiisuun ijoollee - lammilee Keeniyaarratti fuulleffatanii deeggarsa argachuuf dhama'aa jiru.

Wal-dhibdeen namoota siyaasa kana lamaan jidduutti uumame lammilee biyyattii gamanumaan yaaddessee jira.

Ruutoon wayita Keenyaataan Odiingaa waliin hasa'an ilaalaa jiru

Madda suuraa, AFP

Dhaabbileen faayinaansii addunyaa kanneen akka IMF fi Baankiin Addunyaa hanqina baajata biyyatti haguuguuf liqii kennaniiru. Deebisanii kaffaluun garuu ni cima.

Dhaabbileen kunneen baasiin dhaabbilee hawaasaa kanneen akka yuunivarsitotaa fi daandii qilleensaa fa’aa irra deebiin akka caaseffamu barbaadu.

Gatiin boba’aa, daataa moobayilii fa’aalle otoo hin hafiin dabaleera.

Kanaafuu garaa garteen pireezidanti Uhuruu Keenyaataa fi pireezidantii itti-aanaa Ruutoo gidduu salphaa miti.

Gartummaan siyaasaa gidduusaanii diigamuun lammilee biyyattii caalatti miidhuu mala yaaddoo jedhu uumeera.

Filannoo bara itti aanu gaggeessuuf yaadame, foyya’iinsa heeraa fi hamma kaabinee dabaluuf jecha yeroo biraattuu darbuu hin hafu jedhamee yaadama.