Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa karoora pireezidantichi heera mootummaa fooyyessuuf qaban kuffise

Madda suuraa, Getty Images
Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa sanada Heera Mootummaa fooyyessuu mootummaan deeggarame seeraan alaafi heeraan ala jedhee kuffise.
Kana malees Pireezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataan heera mootummaa cabsuun, sanada kana jalqabsiisaniiru jedhan. Akka mana murtichaatti silaa adeemsi kun kan eegaluun irra ture lammiilee biyyattiin ture.
Sanadni heera mootummaa fooyyeessuu kun namoota hedduu biratti 'BBI - Building Bridges Initiative' jedhamuun beekama. Sanadni kun mana maree bakka bu'oota uummataafi qaama raawwachiiftuu lakkoofsaan dabala.
Murteen ammaa kun tarii 2017tti erga manni murtii filannoo injifachuu Pirezidant Keeniyaataa kuffisee booda, murtee guddichadha jedhamuu mala.
Murtee kana dura Keeniyaan filannoon waliigalaa bara dhufu gaggeessitu osoo hin gahiin, rifarandamiitti adeemaa turte.
Rifarandamiin kunis bajatuma mootummaatin gaggeeffamus kan karoorfame wayita tahu, pireezidantichaafi namni siyaasaa cimaan Raayilaa Odiingaa deeggarsa godhuuf.
Garuu abbootiin murtii shanan adeemsi heera fooyyessuu seeraan ala jechuun sagalee guutuun kuffisan. Pireezidantichis qormaata hooggansaafi amanamummaa hojii kufaniirus jedhan.
Akka abbootiin murtii kunniin jedhanitti, Pireezidant Keeniyaataan adeemsa heera fooyyeessuu eegaluu isaaniitiin, humna lammiileen biyyattii qaban harkaa fudhataniiru jedhan.
Labsiin mana murtii kunis seera Keeniyaatin aangoorraa buqqaafamuuf haala kan mijeessudha. Haa tahu malee, paarlaamaan sanadasaanii kana raggaasise, pireezidanticha aangoorraa buqqaasuuf waan ija jabaatan hin fakkaatu.

Madda suuraa, Reuters
Jijjiiramoota BBI dhiyeesse keessaa tokko ministeera muummee duuraan ture deebisanii fiduu, aanaalee bakka bu'ootaa haaraa 70 uumuu fi haala jajjabeessuun miseensota hin filatamne 300 paarlaamaa kan galchudha.
Rifoormiiwwan kana duuba kanjiraniifi haalaan kan deeggaran Pireezidant Keeniyaataafi Raayilaa Odiingaa, yaadni fooyya'insa heera mootummaatif dhiyeessan kun, siyaasa biyyattii keessatti aangoo qooddachuu beeksisuun, hokkora filannoo booda yeroo mara dhalatuuf fala fidee dhufa jedhu.
Qeeqxoonni garuu BBI kaka'umsa ofittummaan maatiiwwan siyaasaa biyyattii keessa jiran fayyaduuf kan dhufedha jedhu.
Kunis lakkoofsa paarlaamaafi hojii raawwachiiftuu biyyattii humnaa ol dabaluun, biyya liqee guddaa jala jirtuuf mataa dhukkubbii biraa dhala jedhu.














