Keenyaa: Manni Murtii Olaanaa Komishinii Filannoo qeeqe

Abbootii seeraa Mana Murtii Olaanaa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abbootiin seeraa sagalee 4 -2 tahuun bu'aa filannoo kuffisan

Manni Murtii Olaanaa Keenyaa pirezidaantummaa Uhuruu Keenyaataa haquun, murtii filannoo irradeebii kan muurteesse, sababa Komishinii Filannootiin (IEBC) ta'usaa eeruun, Komishinicha qeeqe.

Abbootiin seeraa, filannoon Hagayya 9 taasifame, ''ifas miti, mirkanaa'uus kan hindandeenyedha.'' jedhan.

Haati Seeraa Itti Aantuu Filoomeenaa Miwiiluu waan jedhan: IEBC'n bu'aa filannichaa osoo hin mirkaneessin, mo'ataa pireezidantii beeksise.

Obboo Keenyaattaan sagalee %54 yommuu argatu, morkataan isaa Raayilaa Odiingaa %44 argate.

Obboo Odiingaan, 'akkan hin mo'anne taasifameera, akkasumas IEBC'n filannicha irratti seera barbaachisu hin hordofne,' jechuun gara mana murtii qajeele.

Aaddee Miwiiluu dabaluun, komishinichi sirna filannoo elektroonikaa isaa akka sakkatta'u ajaja dabre hin fudhanne jedhan.

Ajaja fudhachuu dhiisuun komishinichaa, manni murtichaa iyyannoon Obboo Odiingaa 'sirnichi hatameera' jedhu sirrii akka ta'e amansiiseera.