Keeniyaatti daandii maqaa qondaala mootummaan moggaasuun maaliif mormii kaase?

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti sababii daandiin maqaa hoogganaa jaarmiyaa hojjettootaan moggaafameef hawaasi mufate.
Aanga'aan mootummaa Firaansis Atwoli jedhaman kun bara 2001 irraa eegalanii Yuuniyenii Hojjettootaa hoogganaa jiru.
Daandiin duraan maqaa gosa warabboo xixiqqoo Keeniyaa keessatti beekamtuun moggaafame gara maqaa qondaala kanaatti geeddaramuu namoonni mufatan, barjaa maqaa haaraa qabu burkuteessuun isa durii bakkatti deebisan.
Keeniyaa keessatti maqaan daandiiwwan moggaafaman haga kana xiyyeeffannaa argatanii hin beekan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Firaansis Atwoli nama waggaa dheeraaf damee dhimma hojjettootaa hoogganaa turan ta'anis garuu fooyya'iinsa waan hin fidneef kabaji hin maluuf jechuun qeequ namoonni.
Rogeeyyiin akka jedhanitti maqaa kana jijjiiruuf hawaasi akka yaada irratti kennu carraan hin kennamneef waan ta'eef jijjiirraan maqaa kun seeraan ala.
Akka seera biyyattiitti wayita daandiin moggaafamu hawaasi yaada irratti kennuuf mirga qaba, jijjiiruufis hawaasa waliin mari'atama.
Sababni isaa maqaan daandii waan seena qabeessa ta'een moggaafama waan ta'eef.
Bu'uura seeraa kanaan namoonni Naayiroobii keessa jiraatan tokko tokko himachuuf akka jiran ibsaniiru.
'Maqaan kiyya yoomuu badhaadhinaan ka'a'
Firaansis Atwoli mataansaanii barjaan maqaasaaniin dhaabbate diigamuutti akka mufatan ibsaniiru.
"Maqaa kiyya addunyaatu beeka. Namni akka na baruuf maqaa kiyya barjaadhaan dhaabuun hin barbaachisu,'' jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.
"Jireenya kiyya gara caalaa dhimma hojjettootaa irrattin dabarse, ofii kiyyaa dhiiseen hojjettoota Keeniyaa fi addunyaarra jiraniif hojjechaa ture. Kanaafuu maqaan kiyya yoomuu badhaadhinaan yaadatama,'' jedhan.
Dhimma daandiin kun maqaasaaniin moggaafamuu keessaa akka ga'ee hin qabne kan dubbatan Francis Atwoli, osoon keessatti hirmaadheera ta'ee kan maqaa kiyyaan walsimun filadha jedhan.
"Daandiin akka maqaa kiyyaan moggaafamu kan eere ana miti waan ta'eef kun anaan na hin miidhu. Osoon keessaa qabaadhee daandii Naayiroobii keessa jiru keessaa kan sadarkaasaa eeggatee fi beekamaa ta'en filadhan ture-Kan amma jedhame kana kan caalu,'' jechuun miidiyaa biyyattii NTV jedhamutti himan.
Bulchaan yeroofii Naayiroobii Ann Kanunu daandiin''kutannoo fi jaalala'' Aab Atwoli ibsuuf moggaafame maaliif akka hawaasa mufachiise hubachuun rakkoo ta'eera jedhan.
Maanguddoon waggaa 72 Francis Atwoliy, karoora pirezidaantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataan heera biyyattii jijjiiruurratti qaban, BBI, akka deggeran ibsaa turan.
Lammiileen biyyattii hedduun kanneen magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii keessa jiraatan, maqaa daandiitiin mootummaan ergaa siyaasaa isaa dabarfataa jira jechuun, tiwiitara irratti mormiisaanii cimsaniiru.
Kanneen dhimma siyaasaatti fudhatanii ilaalan akkuma jiran, kanneen irratti qoosanis jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Barjaan maqaa qondaala mootummaa ofirraa qabu kun ji'a tokko dura kan moggaafame yoo ta'u, erga gareen qindaa'an isa jalqabaa abiddaan gubanii daaraa godhanii booda haaraan ijaarameera.
Kan haaraa ijaarame kunis akkaataa salphaatti diigamuu hin dandeenyeen akka dhaabametu himama.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3

Gareen kaan ammoo Baha Afriikaa keessa daandii fi bakkeewwan seena qabeessa ta'an hedduun kan maqaa namoota gocha badaa raawwatanii darbaniin mogga'an hedduun akka jiraniifi kanaan yoo walbira qabamu kabaji kun Francis Atwolif ni ta'a jedhu.
Dhaabbata Amnasatii Internaashinalitti keewwati keeniyaa keessatti hojjetu tokko akka jedhutti, mormiin moggaasa daandiirratti ka'e kun uummatii fi mootummaan biyyatti hagam takka akka gargar jiran mul'isa.
Mootummaan barjaa diigame booda kan jabaa ta'e deebisee dhaabus mormitoonni garuu ammallee dubbii kanarraa hin deebine.
Gonkumaa maqaa Francis Atwoli jedhu daandii keenyarratti arguu hin feenu jechuun mormii marsaa biraa qindeessaa jiru.















