Namichi Keeniyaa harkaan qotee jiraattotaaf daandii tolche 'goota' jedhame

Nikoolaas Muchami

Madda suuraa, Philip Kinyungu

Ibsa waa'ee suuraa, Hojii kana bilisaan hojjechuun isaa jiraattoota ganda isaa dinqisiisee jira.

Namichi lammii Keeniyaa kun bosona yabbuu naannichaa ciree, lafa harkaan qotee daandii ganda isaa suuqiiwwan dhiyeenya jiraniin qunnamsiisu kana kan ijaare darara namoota ganda isaa hambisuuf akka ta'e BBC'tti himeera.

Meeshaalee ittiin lafa qotan manaa qabu fayyadamuun guyyoota jaha keessatti daandii kiiloomeetira 1.5 tolcheera - xumuruuf waan xiqqootu isa hafa.

Laftisaa daandiidhumaaf kan yaadamee dhiifame ta'us bulchitoonni ijaaruu dadhabuu isaanii hima.

Ganda isaa Kaganda keessatti gocha isaa kanaaf 'goota' jedhamee faarfamaa jira.

Jiraattonni ganda kutaa biyyaa Muraangaa jedhamu kan Nayiroobii irraa gara Kaabaatti km 80 fagaattee argamtu kanaa suuqii argachuuf km 4 imalaa turan.

Karaan qaxxaamuraa miilaan qofa deemsisu ammoo dhiyeenya kana dalleeffame. Obbo Nikoolaas hojii kanaaf kan kakaases kanuma.

Daandii Nikoolaas Muchaamii

Madda suuraa, Philip Kinyungu

Ibsa waa'ee suuraa, Daandichi konkolaataa deemsisuu danda'a

"Wayitan daandii kana tolchu namotni siif kafalameetii jedhanii na gaafataa turan" kan jedhu Nikoolaas, "humna waanan qabuuf tola ooltummaan hojjechuun murteesse" jedheera.

Torbee darbe Wiixataa hanga Sambataa ganama sa'aatii 1 hanga 11 hojjetaa akka tures himeera. Kunis osoo roobni hin eegaliin xumuruufi.

Nicholas Muchami

Madda suuraa, Philip Kinyungu

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaatti sa'aatii 8'f hojjeta

Daandicha xumuruuf walakkaan kiiloomeetiraa kan hafu ta'ullee daa'imman mana barumsaa sadarkaa duraafi lammataa dhiyeenyatti argamutti baratan dabalatee jiraattonni daandicha fayyadamuu eegalanii jiru.

"Namoonni gammachuu qabu, sun ammoo anas na gammachiisa. Hojiin koo namoota hunda gargaareera" jedha manguddoon ganna 45 kun.

Namootni isa gargaaran dhabamanillee waan jalqabe akka fiixaan baasu dubbata.

Hojiin manguddoo kana jalqaba nama Kinyungu Micheke jedhamuun Facebook, irratti himamee, achiis xiyyeeffannaa miidiyaalee hedduu hawwachuu danda'e.