Keeniyaa: Daandii baaburaa biiliyoona tokkoon hojjachiifte banuuf

baabuura Keeniyaa

Keeniyaan daandii baabuuraa marsaa lammaffaa xumuruun tajaajila geejjiba ummataatiif qofa saaqaa gochuuf qophaa'u beeksiifte.

Sararri baaburaa Keeniyaa kunis magaalaa guddittii Naayiroobii irraa ka'uun gara Naayivaashaa kan imalu yoo ta'u, guyyaa harraa tajaajila eegala.

Sararichi yeroof tajaajila geejiba namootaa qofaan kan eegalu yoo ta'u, fe'umsa meeshaaleetiif ammo hanga buufanni mii'aa ijaaramuutti ni tura jedhameera.

Ijaarsi kunis yeroo dheeraa akak fudhatu tilmaamameera. Kanaafis akka sababaatti kan eerame ammoo hawaasni Masaayi naannichatti argaman ijaarsicha mormuun dhimmicha mana murtiitti waan geessaniif jedhameera.

Daandiin baabuuraa kubaaniyaa ijaarsaafi Komunikeeshinii Chaayinaatiin ijaarame kunis, dheerina km 120 kan qabu yoo ta'u baasiin doolaara biiliyoona 1.4 akka itti bahe barameera.

Tajaajila geejiba namoota kanas bufataalee 12 keessaa afuriin hojii kennuu kan eegalu ta'usaa gaazexaan 'The Business Daily' jedhamu ittigaafatamaa tajaajila baaburaa biyyattii Filiippi Maayingaa eeruun gabaasera.

Daaandiin baaburaa kan jalqabaa Naayiroobii irraa gara Mombaasaatti geessuu waggoota lamaan dura 2017tti wayita heebbifameetti, gammachuu olaanaan kan ture yoo ta'u, sarariichi akka jalqabiisaa hintaane jedhameera.

Daandiin baaburaa sunis baasii doolaara biliyoona sadiitiin kan ijaarame yoo ta'u, wayita biyyattiin filannoof qophooftu hojiif banaa taasifame ture.

Baasiin daandiin baaburaa haaraan kunis kan sadarkaa addunyaatiin wal birra yoo qabamu dachaa sadiin, kan dura karoorfameen ammoo dachaa afuriin caala jedhameera.

Motummaanis sababii baasiin ol ka'eef haalli taa'umsa lafaa rakkisaa ta'usaa fi riqichiifi yaa'aan bishaanii itti baayyachuun baasii hinyaadamneef isaan saaxilu himaniiru. Kana malees lafaa beenyaan kanfalameera jedhaniiru.

Baasii ijaarisichaaf olee keessa %80 kan ta'u deegarsa liqaa Chaayinaarraa argameen.

Karoorri daandii baabura kanaa jalqabaas Mombaasaa ka'ee karaa Kisumuun kutee Yugaandaa ni gaha jedhamee ture. Biyyattinis gutummaatti ijaara sarara baaburaa kana xumuruuf baasii doolaara biliyoon 3.3 tu barbaachisa jedhameera.