Weellisaa Sayyoo Dandanaa: Aartiidhaan yeroo 'Oromoo ka'i ' jennee sirbinu bira darbineerra

Weeellisaa Sayyoo Danda'aa

Haala siyaasa Oromiyaa fi biyyaa akkasumas badhaafamuu Dr. Abiyyi ilaalchisuun BBC waliin turtii kan taasise weellisaa Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoon), Oromoon amma bilisoomeera jedheen amana jedha.

"Ani Bilisummaadha jedhee kanin beeku bilisummaa sammuuti. Oromoon har'a bilisoomeera. Maaliifi yoo jette waggaa 30 dura ati Oromoodha jettee yoo namatti himte namni Oromoo kuni tole siin hin jedhu.

''Oromoon waa gochuu ni dandahaa? Biyyasaa bulchuu dandahaa? Aangoo qabachuu ni dandahaa? Jedheeti deebisee namaan morma ture," jedha.

Har'a Oromoon ilmaansaa barsiifatee eenyumaan olitti hojjetanii agarsiisaa yeroo jiranirra waan geenyeef bilisummaa keessa akka jirruttin yaada jedha Sayyoon.

Bilisummaa sammuu erga argannee kan hafe harkatti galfachuun ulfaataa miti, kanaafuu kanaan booda wanti hafu bilisummaa diinagdeefi kaan cimsuudha jechuun ibsa.

Oromoon akka armaan duraa amantiifi kutaadhaan walqooduun hafee amma Oromummaan qofti ulaagaa tokkummaa ta'uus ni hima.

"Duraan kan nurakkisu inni tokko kutaa inni tokko paartiidhaan adda adda hiramaa turre. Har'a wanti akkanaa hin jiru. Ati Oromoo ta'uu qofatu gaha, " jedha.

Tokkummaan ilaalchaa kuni akka dhufuufis aartiidhaan hojiin hojjetamaa ture bu'aan argame mul'achaa jiraachuus kaaseera Sayyoon.

"Akka kiyyatti karaa aartiitiin 'ka'i' kan jennu miti kan amma irra geenye. Ka'i jechuudhaaf Oromoon qaata ka'ee dursee deemeera. Amma Ijoollee xixiqqaafi Qeerroon nama gurguddaa caalaa Oromummaa isaanii irratti dursanii deemaniiru.

''Oromoon har'atti Oromummaasaa haala kamiinuu sadarkaa dabarsee hin kenninerra geenyeerra," jedha. Dhaloonni Oromoo amma jiru kanaaf qawween jiraachuufi dhiisuun diinni cimuufi dadhabuun yaaddoo hin ta'us jedha.

"Kanaan booda qawween jiraatee jiraachuu baates, diinni cimees laafes ijoollee Oromoon amma jalaa guddifachaa jiru kuni Oromummaa dabarsanii hin kennan,'' jechuun ibsa.

Jijjiirama amma dhufe kanas Oromoon waan keessa darbee dhufe yaadachaa waldhageettiidhaan gara bakka yaadeetti imaluu akka qabus dhaama.

"Oromoon waljaalachuu, waan tokko godhe waliif faarsuu, walgorfachuu, waan kaleessa darbe sana yaadachuu qabna.''

Sabni kuni waggaa kana hunda cabee kan ture diinaanii miti kan jedhu Sayyoon. Kan kaleessaa boruuf nama akeekkachiisa jedha.

Ummanni kun waan ta'ee kaleessa walcabsee diina jalatti ittiin kufe yaadatee waliif obsuufi waljaalachuun jiraachuu qabas jedheera.

Dr. Abiy Badhaasa Noobeelii argachuu isaanii kan ilaaleenis, badhaasichi guddummaa Oromoo addunyaatti kan mul'isu waan ta'eef daran itti gammaduu hima.

"Sirni Gadaa UNESCO'tti galmaa'utti dabalee Dr. Abiy badhaafamuun kuni Oromoon eenyu akka taane addunyaatu nubara. Sirni Gadaa keenyas daran qoratama. Kanaafuu, badhaasichi guddina saba Oromootiif waan guddaadha jedheen yaada," jedhe.

Yeroo badhaasa kana injifachuu isaanii dhagahuttis ofitti amanamummaan keenya dabalee saba guddaa ta'uu keenyaaf ragaa dabalataa akka argannetti natti dhagahame jechuun BBC'tti hime.