Haleellaa Marsabiitiif mootummaan xiyyeeffannoo akka kennu gaafatame

Mannee jiraattotaa gubatan

Madda suuraa, Wario J. Wario

Jiraattotni, aanga'oonnii naannoofi Miseensonni paarlaamaa Keeniyaa haleellaa Marsabiitiifi Isiyooloo keessa horsiisee bultoota nagaarratti raawwataa jiruuf mootummaan fala akka kennu gaafatan.

Bulchiinsota Keeniyaa keessaa tokko kan taate Kaawuntii Marsabiit keessatti walitti bu'iinsa deddeebii'ee ka'aa jiru tibba kanas irra deebiin dhalatee qabeenyi manca'uufi lubbuun namootaa darbuu Jiraattotni BBC'n dubbise himan.

Kaawuntii Marsabiit keessa gosa Booranaafi Gabraa kan lafa margaa fi bishaan irratti darbee darbee waldhabuu jiraatus erga yeroo dhiyoo as milishoota hidhannoo guutuu qaban hirmaachisuun haleellaan ammaan dura argamee hin beekne raawwatamaa jira jedhu jiraattotnii fi bakka buutotni uummataa naannichaa.

Haleellaa magaala Saakuu keessatti guyyoota sadii dura dhalateen manneen hedduu gubachuu, horiin saamamuufi lubbuun namaa darbuu jiraattatni BBC'n dubbise himaniiru.

Aanga'aa ardaa Mata Arbaa kan ta'an aab Adan Waaqoo gosti Gabraafi Booranaa barootaaf olloomee walirraa horee jiraatus guyyoota dura haleellaa raawawachuu eegalameen manneen gosa Booranaa hedduu fi kan Gabraallee gubachuu himan.

Haleellaa warri Gabraa dura eegalan jedhan kanaan namni tokko du'uufi manneen 14 ta'an gubachuu himan.

Aanga'aan ardaa biroo lolli keessatti ka'ee jirmee jedhaniin kan ta'an Heenook Kaloo gama isaaniin uummatni barootaaf firoomee afaan tokko dubbachaa jiraachaa ture maaliif walirratti ka'e kan jedhu deebiisuun ni dhibaa jedhan.

Namni hedduun garuu sababuma siyaasaaf gosti lameen walhaadhaa jira jedhee amanaa jedhan.

Sababa lola Marsabiit keessatti hammaate kanaan manneen barnootaa afur cufamuu fi haalicha tasgabbeessuuf qaamoliin nageenyaa bobbaafamuu aab Heenook dubbataniiru.

Namoota manneen jalaa gubatan keessaa tokko kan ta'e aab Guyyoo Sooraa, ollaan isaa gosa biraa ta'e dursee odeeffannoo kenneefiin maatii isaa waliin baqatus, manniifi qabeenyi isaa jalaa mancaafamuu BBC'tti hime.

''Akkuma namni hamaan jiru namni dansaas jira. namni tokko dursee nu himee halanuma baqannee, maatii baafanne. Guyyaa tokko nu hadhee. Nama tokko nurraa ajjeesee, qabeenya keenya cufa saamee, kan hafu gubee. amma nu lubbuu keenya malee homaa hin qabnu'' jedha.

Uffata uffatanii turaniiin baqachuu kan himu namni kun, horiin isaa 13 saamamuu dubbata.

Namni biraan manni jalaa gubate aab Roobaa Elemaa manni isaanii gubachuu osoo Naayiroobii jiranii bilbilaan itti himamuu dubbatu.

Manni qabeenya guddoo waliin jalaa gubachuufi lukkuufi re'oonni saamamuu himan.

Bulchaan ardaa saakuu Abdii Darasoo rakkoo nageenyaa kana Paarlaamaa dabalatee aanga'oota olaanoo mootummaaf iyyataniis deebii gahaan akka hin kennamne BBC'tti himan.

Dhiyeenya amma walhaadhinsi jirutti qaamoleen nageenyaa mootummaa jiruu kan jedhan aab Abdiin, ''fulaan kuun yoo nagaa hin qabaatiin fulaa kamitu nagaa qabaata?'' jedhanii gaafatu.

Lubbuun namaa darbaa jira jedhanii qaama nageenyaatti yoo iyyatan ''warrumaatu walhaadha'' jedhanii dhiisuu jedhan.

Waajirri qorannoo Tajaajila Poolisii Biyyaalessaa ibsa Jimaata baaseen Kaawuntii Marsabiit keessatti walitti bu'iinsa dhalateen lubbuu namaa darbuu, qabeenyi manca'uu, horiin saamamuufi nageenyi boora'uutti gadduu ibseera.

Rakkoo kana tasgabbeessuufi nageenya bakkatti deebisuuf humni nageenyaa jabaan qaamolee garaagaraa irraa babahe ajaja keessa deebii hin qabne fudhatee bobbaafameera jedha.

Qaamoleen uummata walitti buusan kun poolisii dhiyeenya isaanii jiranitti harka akka kennatan ta'uu baannaan garuu tarkaanfiin seeraa irratti akka fudhatamu akeekkachiise.

Miseensonni Paarlaamaa qaama mootummaa keessa jiru himatan

Miseensonni Paarlaamaa Kaawuntii Marsabiitiifi Isiyooloo bakka bu'ani yaa'ii paarlaamaa Kamisa gaggeefamee ture irratti aanga'ootni olaanoon mootummaa Keeniyaa keessa jiran rakkoo nageenyaa kana keessaa harka qabu jechuun himatan.

Kaawuntii Isiyooloorraa teessoo paarlaamaa kan qaban aadde Raahimaa Jaldeessa Diidaa Marsabiitii fi Isiyooloo keessatti haleellaan irra deddeebiin dhalatu kaayyoon isaa ''Boorana lafa sana kaasuuf'' jedhan.

Aanga'ootni mootummaa olaanoon kana keessaa harka qabu jedhanii amanuuf ragaaleen gahaan jiraachuus dubbatan.

''Nuti Lammiilee Keeniyaati bakka biraa deemnu hin qabnuu'' kan jedhan aadde Raahimaan, mootummaan rakkoo ''shira siyaasaati'' jedhaniin kanaaf furmaata akka godhu gaafatan.

Miseensonni Paarlaamaa Marsabiit, bakka amma rakkoon nageenyaa keessatti dhalatees milishoonni haleellaa kana raawwatan meeshaalee waraanaa gaarii, konkolaataa fi wantoota biroo qabaachuun deeggarsa loojistiksii qaama mootummaarraa qabaachuu agarsiisaa jedhan.

Mootummaan atattamaan furmaata akka itti godhus gaafatan.