Qabeenyi dhoksaa maatii pirezidaantii Keeniyaa saaxilame

Uhuru Kenyatta

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uhuruu Keeniyaataa bara 2018tti BBCtti akka himaniitti malaamaltummaa irratti qabsaa'uufi iftoomina jajabeessuun leegaasii isaanii akka ta'un barbaada jedhaniiru

Maatiin Pirezedaantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa, erga biyyattiin sirna gita bittaa Ingiliiz jalaa walaba baatee kaasee siyaasa biyyattii ol-aantummaan dhuunfataniiru.

Sanadawwan qabeenya dhoksaafi waliigalteewwan icciitii gaggeessitoota, namoota siyaasaafi biliyeenaroota addunyaa miliqee bahe keessatti kampaaniiwwan maatiin Pirezidant Uhuruu Keeniyaataa dhoksaan gaggeessan akka jiran saaxilameera.

Sanada The Pandora Papers jedhamu miliqee bahe kun sanadoota miliyoona 12 kan qabu yoo ta'u, seenaa keessatti sanada guddaa miliqee bahe akka ta'e himameera.

Akka sanada bahe kanaatti Mr Keeniyaataa fi miseensoonni maatii isaanii jaha kubaaniyoota biyya alaa 13 waliin hidhata qabu.

Deebiin pirezidaantii Uhuruu Keeniyaataa maal jedha?

Himata kana irratti deebii pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa karaa Dubbii Himaa Waajira mootummaa isaanitiin kenaniin, ''Pandora Papers qabeenyaa hin ibsamne irraa haguggii icciittii kan kaasuudha,'' jedhan.

Pirezidaantichi erga dhimma kana irratti dawwaanna biyya biraatii erga deebii'aniin booda bal'inaan akka kennan himaniiru. Haata'u malee, ''gabaasi kun iftoomina faayinaansii cimsuufi ifa gochuu nuti Keeniyaafi addunyaarratti eessattuu barbaadamuu waliin kan deemuudha,''

''Sochiin maallaqaa karaa seeraan alaa, adeemsa yakka seeratti dhiyeessuufi malaammaltummaan kan naannoo dhokataafi dukkana ta'e keessatti babal'atuudha," jedhan."The Pandora Papers fi qorannoowwan dabalataa kan icciitiifi dhoksaa qabeenya namoonni hin ibsine irra kan haguuggii kaasuudha," jedhan.

Qoranichi maal jedhe?

Investimantoonni maatileen Keeniyaataa biyyoota alaatii qaban kunneenis, kampanii boondiifi gahee gabaa (stocks) gara doolara miilyoona 30 kan tilmaamamu qaban dabalee, waraqaan The Pandora papers jedhamu kun fuula hedduu baayyatu keessaa ragaan dhabbilee seeraa 14, tajaajiltoota Paanamaa fi Birtish Verjiin Ayilaand (BVI) fi dhaabbileen qaraxa kennan agarsiiseera.

Qabeenyi dhooksaa kun kan ifa baafame qorannoo Dhaabbata Gaazexeessitoota Qorannoo Idil-ddunyaa (ICIJ), Finance Uncovered, Afica Uncensored fi dhabbilee oduu adda addaan maxxanfameedha.

Ragaan kun akka mul’isutti dhaabbatni Varies jedhau Paanamaa keessatti bara 2003 hunda’ee, harmee Keeniyaattaa, Niginaa, ganna 88, akka haadha qabeenya jalqabaatti kaa’ee, pirezdaantii Keeniyaa ammoo akka abbaa qabeenyaa lammataa, kan du’a harmee isaa booda dhaabbaticha dhaalutti isa kaa’eera.

Kaayyoon faawundashinii kanaafi hangi qabeenyaawwan isaa hin beekamu.

Document grab showing president Kenyatta is listed as inheritor of a secret foundation

Madda suuraa, Pandora Papers

1px transparent line

Dhaabbileen Panamaa hedduu kan barbaadaman abbootiin qabeenyaa dhugaan eenyu akka ta’an kaan beeku abukaatota isaa qofa yoo ta’u, mootummaa Paanamaa birrattis maqaa isaanii galmeessuun akka irra hin jiraanne ICIJ gabaaseera.

Qabeenyaan kunneenis gibira malee nama qabeenyicha dhaalutti dabarfamuu danda’a.

Qabeenyi maatii Keeniyaataa hagam akka ta’e tilmaamni mirkanaa’aa hin jiru, ta’us garuu daldaloota akka geejjibaa, inshuraansii, hoteelota, qonnaa, lafa dhuunfatamuufi dhabbilee fayyaa Keeniyaa keessa qaban kan of keessatti qabatudha.

Bara 2018tti Pirezidaant Keeniyaataan, qabeenyi maatii isaa uummata biratti kan beekamu akka ta’ee fi akka seeraatti qabeenya isaa galmeessisuu BBC Hardtlalk'tti himee ture.

Gaaffiifi deebiidhuma walfakakatuun ture My Keeniyaataan malaamaltummaa irratti qabsaa'uu fi leegaasii iftominaa jajabeessuu akka barbaadan dubbatanii kan turan.

Akkasumas paarilaamaa waliin ta'un seera qondaaltoonni motummaa akka qabeenyaasaanii beeksiisaniif diriqsiisuu baasuuf kan dubbatan. Garuu seerri kun gabaa hinbaane.

The Pandora papers ifa taasifame keessatti hoggantoonni biyyoota biroo kan akka Mootii Joordaan Abdullaah II, Ministira Muummee duraanii UK Toonii Bileer, Pirezdantii Gaabon Alii Boongoo Ondimbaa fi Pirezidaantiin Koongoo-Biraazaviil Deeni Sassoo-Niguweessoo maqaa dhahamaniiru.

Maamila 13173

Pirezdaanti Keeniyaataa, kan waggaa 10 booda bara dhufu aangoo gadhiisu, waa’ee dhaabbata jijjiruu kanaa quba qabu yoo ta’e hin beekamu, ta’us garuu yeroo itti dhaabbati kun baname shakkii ni uuma.

Dhaabbatichi banamuu ji’oota toraba dura, filannoo pirezdaantummaa bara 2002 injifarame ture.

Yeroo sanatti, maatiin Pirezidaantii yeroo sanaa Daani’eel arap Moi, hiriyaa Keeniyaataa kan ta’an, maallaqa qaban gara biyya biraatti sochoosanii ture, akka ragaa dhokataa bara 2014'tti ifa ta’e tokkootti.

Maatiin Keeniyaataa fedhii aango siyaasaa fi daldala keessatti qaban kan guddifatan, wayita bulchiinsa pireezidaantii Keeniyaa jalqabaafi abbaan Uhuuruu kan ta'an Joomootti ture. Isaanis aangoo isaatti fayyadamuun qabeenya hedduu horachuun himatamu.

Joomoo Keniyaataa Waxabajjii 01, 1963 Keeniyaa Naairoobiitti MM bulchiinsa Keeniyaa ta'uun waadaa galaniitti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Joomoo Keeniyaataan daldala maatii kan hundeessan qabeenyaa waggoota 15 aangoorra turaniitti saamanii jedhamu

Erga bara 1978'tti du'anii booda, haati warraa isaa arfaffaa Niginaa Keeniyaattaa, daldalaa fi qabeenya maatii isaani babal’iuu keesatti ga’ee guddaa bahan.

Ragaa waraqaaleen the Pandora Papers kan BBC’n ilaale keessatti akka ifa baasetti, bara 1999tti, haatii warraa Joomoo fi ijoolleen ishee dubaraa lamaan, Kiristiinaa fi Aanaan, biyya alaatti dhaabbata Milruun International Limited jedhamu kan BVI waliin haariroo qabu hundeessani.

Akka ICIJ gabaasetti, Aadde Niginaa fi ijjoolleen ishee lamaan gorsa kan argatan ogeessota qabeenyaa idil addunyaa Swiss bank Union Bancaire Privée (UBP) irraa akka ta’eefi isaanis, dhaabbata seeraa Paanamaa Alcogal jedhamu kan dhaabbilee biyya alaa hundeessuu fi hogganuun gargaaru qacaraniiru.

Ragaaleen Alcogal irraa gara baankiitti ergaman akka agarsiisutti maqaan maatii Keeniyaattaa “maamila 13173” jedhamuun galmaa’ee jira.

Kenya former president Mwai Kibaki (3rd-L) and Ngina Kenyatta

Madda suuraa, Getty Images

Kun kan godhameef dhaabbatichi maatii Keeniyaa waliin hidhata akka qabu akka hin mul’isneef ture.

Dhaabbata kana fayyadamuun Aadde Niginaa fi ijoolleen ishee lamaan. mana jireenyaa Landan keessa jiru bituu isaanii ragaan Galmee Lafaa UK akka agarsiisy Finance Uncovered ilaaleera.

Manni kun kan amma dhiyootti Miseensii paarlamaa Eemaa Aan Haardii kireeffattee turte, gara doolaara miiliyoona 1.3 baasa jedhame tilmaamama.

Dubbii himaan Haardii, abbaan qabeenyummaa manicha eenyu akka ta’e mieensii paarlaamaa kun “tasumaan akka quba hin qabne,” ibsaniiru.

Akka gabaasa Finance Uncovered’tti, maatiin Keeniyattaa dhabbilee biyya alaa fayyadamuun UK keessatti maneen hedduu bitaniiru.

Gorsitoonni qabeenyaa UBP dabalataanis obboleessi Keeniyaattaa, Muhohoo, bara 2003tti dhaabbata Criselle Foundation jedhamu Paanamaa keessatti akka hundeesuuf gargaaraniiru.

Dhaabbati kun waajjira Alcogal Paanamaa Ciitiin kan galmaa’ee yoo ta’u, hogganamaa kan tures miiseensota boordii dhabbilee seeraa Paanamaatiin ture.

Dhaabbatichi kan hundeeffame bu’aa Muhoho Keeniyaattaa fi ilma isaa Jomo Kamawuu Muhohoo akka nama dhaalutti goochuuni.

Dhaabbati BVI biraa kan abbaan qabeenyummaa isaa Muhohoo ta’e, Sadaasa 2016 irraa eegalee istookii fi boondiitiin qabeenya miiliyoona 30tti tilmaamamu qaba.

Dhaabbata dhorkaa hundeessuun seera kan cabse miti, ta’un garuu namootni tokko tokko gibira kaffaluu dhiisuuf, maallaqaa karaa seeraan alaa sochoosuu fi maallaqa miliqsuuf itti fayyadamu.

Ta’us garuu Pandora Papers, maatiin Keeniyatta maallaqa biyyaa kamuu hatanii ykn dhoksanii dhabbilee biyya alaa keessa kaa’u isaani ragaa mul’isu homaa hin dhiyeessine

Pandora Papers ragaalee miiliyoona 12 ta’an kan qabeenya dhorkaa fi waligalteewwan hoggantoota addunyaa, namoota siyaasaa fi dureessotaa kan saaxiledha.

Qabeenya dhokataa namoota ciccimoo addunyaa kana biyyootii 117 irraa gaazexeessitoonni 600 ol ta’an arganiiru.

BBC Panoraamaa fi The Guardian qorannoo UK keessatti gaggeeffamu hogganu.