Barattoonni Keeniyaa 'nam-fakkii oyiruu keessa dhaaban' tolchaa jedhamuu maatiin komatan

Madda suuraa, Getty Images
Kaarikulamiin haaraa barattoonni wantoota ulfaatoo tolchuu akka shaakalan taasisu, maatii barattoota Keeniyaa biratti komii kaase.
Maatiin barattootaa mufatan marsaalee hawaasaa irratti ijoollee isaanii hoji-manee irratti gargaaruuf rakkataa akka jiran barreessaniiru.
Kaarikulamii barnootaa haaraa 'Competency Based Curriculum' (CBC) jedhamuun ijoolleen umuriin isaanii 10 fi 11 wantoota ulfaatoo akka tolchan shaakalu.
Ijoolleen tokko tokko nam-fakkii qonnaan bultoonni oyiruu keessa dhaaban (scarecrow) akka tolchan, gariin ammoo sa'aatii keenyan irratti fannifamu, kaan ammoo gaarii gommaa tokkoo harkaan dhiibamtufaa akka tolchan gaafatamaniiru.
Maatiin wanta kana komatan hashtag #CBCMustFall, (CBC kufuu qaba) jedhu fayyadamuun suuraa ijoolleen isaanii akka tolchan gaafataman waliin marsaalee hawaasaa irratti maxxansaa jiru.
"Kaarikulamii ittiin bariisonni barattootaaf osoo hin taane maatii isaaniif hoji-manee kennanidha, ijoolleen qindeessitoota. Nuti rakkanne" jedhe maatiin tokko tiwiitarii irratti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Maatiin kaan komii kanarra jabaa ta'e kaasu. Hojiirra oolanii dadhabii erga galaniin booda yeroo itti wantoota kana ijoollee isaaniif itti tolchan hin qabnu jedhu.
Gariin ammoo yeroo gatiin qaala'aa jiru kanatti maallaqa meeshaalee wantoota kana tolchuuf barbaachisan ittiin binnus hin qabnu kan jedhan jiru.
Hoji-maneen ijoollee kanaaf kennamu wayita ijoolleen shubbisan viidiyoo waraabanii erguu dabalata, gariin ammoo piriintara qabaachuu feesisa.

Madda suuraa, Getty Images
Kaarikulamiin kun barattoota baadiyyaa manneen barnootaa isaanii meeshaalee bu'uuraa baruu fi barsiisuuf barbaachisu hin guuttanne kan dagatedha kan jedhanis jiru.
Ijoolleen kun mana baruumsaa dhaquu fi deebi'anii galuuf sa'aatii dheeraa miilaan deemu, maatiin isaaniis intarneetii hin qaban, kafalanii erguus hin danda'an.
Namni Mombaasaa jiraatu kan ijoollen isaa dinnicha irratti barreeffama bocanii akka fidan gaafataman tokko, "biyya sababa hongeen namni beela'aa jiru keessatti, dinnicha irratti boca kaasaa jirra" jechuun barreesse.
Sirni barnootaa kun ijoollee sooreyyii fi hiyyeeyyii jidduutti garaagarummaa bal'isa sodaa jedhu uumeera.
Muffiin biraa ammoo ministiroota kariikulamii kana bocan kan ijoollee isaanii mana barnootaa dhunfaatti barsiifatan hin ilaallatu. Isaan hagam ulfaataa akka ta'e hin hubatan jedhu maatiin.

Madda suuraa, AFP
Kaarikulamiin barnootaa Keeniyaa duraanii qormaata irratti kan xiyyeeffatedha, baratoonni ogummaa jireenya keessatti isaan barbaachisu horachuu caalaa qormaata darbuu qofaaf akka baratan godha jedhamee qeeqameera.
Rakkoo kana furuuf ture kaarikulamiin haaraan CBCn bara 2017 kan hojiirra oolfame. Ijoollee umurii gadii irratti dandeettii waa tolchuu akka horatan gochuuf.
Sirni barnootaa kun biyyoota akka Awustiraaliyaa fi Finlaandi keessatti milkaa'eera jedhu warri deeggaran.
Dabalataan hanna qormaataa mootummaan keeniyaaf mataa dhukkubbii ta'e hambisuufis ni gargaara jedhu.
Maatiin barnoota ijoollee isaanii keessatti qooda fudhachuun milkaa'ina barnootaa barattootaaf gumaacha olaanaa qaba jechuunis falmu.
Kaarikulamii barnootaa kana kan komatu garuu maatii hunda miti. Ijoolleen amma caalaatti waan baratan maatiif qooduutti cimaniiru kan jedhan jiru.
Abbaan tokko amma caalaatti jabinaa fi dadhabbina ijoollee baruuf carraa argachuu himeera. Duraan hoji-manee isaanii hojjechuu mirkaneessuu fi barrulee isaaniirratti mallatteessuu qofa ture jedha.
Abbaan seeraa tokko dhimma kaarikulamii haaraa kana gara mana murtii geessuuf mallattoo walitti qabaa jira.
Ministeerri barnootaa Keeniyaa garuu kaarikulamii haaraa kana dhaabsisuun guyyaan akka abjoochuuti jedhe.














