Wiiliyaam Ruutoo: Pireezidantiin itti-aanaa Keeniyaa kan eegdonni jalaa jijjiiramuun yaaddahan, eegdota 257 qabu

Madda suuraa, William Samoae Ruto
Pireezidantii itti-aanaan Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo kan eegdota isaanii mootummaan jalaa jijjiiruun nageenya isaaniif yaaddessaa ta'uu komatan, eegdota 257 akka qaban ibsame.
Mootummaan komii isaanii kanaaf deebii yoo kennu aanga'aa olaanaa kanaafi qabeenya isaanii, bakka horsiisa lukkuu isaanii eeguuf poolisoota ramadaman afur dabalatee poolisootni 257 ramadamuu himeera.
Ministirri nageenya biyya keessaa Fireed Maatiyaangii koree nageenyaa paarlaamaaf yaada kennaniin mana jireenya Wiiliyaam Ruutoo qaamolee nageenyaa eegan irratti jijjiirraan godhame adeemsa idileeti jedhan.
Eegdota Ruutoo keessaa 74 miseensota poolisii pireezidantoota eegan 'elite presidential unit' jedhaman ta'uu beeksisaniiru.
Miseensonni Poolisii gariin bakka qubannaa xiyyaaraatti hiliikooptaroota Ruutoo lama eeguuf ramadamanii achi buufataniiru jedhan Maatiyaangiin.
Pireezidantii Itti aanaan Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi deeggartootni isaanii jijjiirraan eegdotaa dhiyeenya godhame nageenya isaaniif kan yaadessuufi daba siyaasaa qaba jechuun komataniiru.
''Ragaa kaahameefi faallaa komii dhiyaateen Kabajamoon Pireezidantii Itti aanaan aanga'oota aboo walfakkaatu qabatanii turan wajjiin walbira yeroo qabamu seenaa biyyattii keessatti aanga'aa hedduu eegamaniidha'' jedhan Maatiyaangi.
Xiinxaltootni garuu eegumsi Ruutoof godhamu ibsamuun isaa isa aanga'icha akka nama idilee kam waliinuu keessaahuu warra hiyyeessa waliin walitti dhiyaachuuf akka rakkoo hin qabnetti (hustler) of ibsaan ni faallessa jedhu.
Deeggartootni Ruutoo Maatiyaangiin akkuma kan Ruutoo lakkoofsa eegduuwwan namoota baayyee beekamoo VIP akka ifa godhanis gaafataniiru.
Ruutoo fi Pireezidant Keeniyaattaan akkaan waldhabanii jiru. Akka xiinxaltootni jedhanitti ammoo sababni Keeniyaattaan filannoo dhufaa jirutti itti aanaa isaanii deeggaruuf waliigaltee galanii turan irraa boodatti jechuudha.
Keeniyaattaan filannoo darbe irratti morkataa isaanii kan turan Raayilaa Odiingaa deeggaraa jiru.
Keeniyaattaan dhiyeenya Ruutoon hojii irraa eegamu haalaan hojjechaa hin jiran jechuun aangoo akka gadhiisan gaafatanii ture.
Akka heera Keeniyaatti Pireezidantii itti aanaan barri baallii isaanii osoo hin dhumiin aangoorraa hin ari'aman.














