Apple Chaayinaatti appii Qur'aanaa beekamaa haqe

Madda suuraa, Getty Images
Appii Quraanaa beekamaa addunyaa Chaayinaa keessattii gaaffii qondaalota biyyattiin akka faayidaarra hin oolle gochuu Apple hime.
Quran Majeed kuusaa appii bilbila Apple irra kan jiru yoo tahu yaada fayyadamtootaa 150,000 oliis qaba.
Haa tahu malee Apple qondaaloti mootummaa Chaayinaa barreeffama amantii seeraan ala tahe dha waan jedhaniif haqeera jedhe.
Mootummaan Chaayinaa dhimma kanarrattii deebii hin kennine.
Paartiin Kooministii Chaayinaa amantii Islaamaaf beekamtii ni kenna.
Haa tahu malee Chaayinaan sarbama mirga namoomaa fi ajjeechaa jumlaa saboota Musliimaa biyyattii Uyghur jedhaman irraan geesseen himatamti.
Jalqaba bara kanaatti imaamotni Uyghur naannoo Zyiinjiyaang keessatti tarkaanfiin irratti fudhatamee ture.
Imaammatni Mirga Namoomaa Apple,’’seera biyyattii akka kabajnu nurraa eegama, takka takka immoo dhimmootni mootummaa waliin irratti walii hin galle jiru,’’ jedha.
Haa tahu malee appiin Quraanaa kuni Chaayinaa keessatti seera attamii akka cabse hin ibsamne.

Quran Majeed,’’akka addunyaatti Musliimota miiliyoona 35 tahaniin tajaajila amanamaa tahe dha,’’ jedha.
Chaayinaan lafa gabaa Apple ishee guddoo dha. Cancalli dhiyeessi dhaabbatichaas oomisha Chaayinaa irratti sadarkaa olaanaadhaan kan hirkate dha.
Hogganaan Apple Tim Cook qondaalota Ameerikaa qeeqee kan Chaayinaatti dubbachuu dhiisuutiin oftuulaa jedhamuun komatamaa ture.
The New York Times jalqaba bara kanaatti Apple mootummaan Chaayinaa daangaa darbeera jedhee yoo yaadeenii appiiwwan haqa jedhee ture.
BBC’n kalaqxoota appii Quran Majeed quunnamuu yaaluus hin milkoofneef.
Appiin beekamaa Macaafa Qulqulluus torban kana haqameera, Apple garuu dhaabbata dhuunfaatu haqe jedhe.
Gaafa Kibxataa Maayikiroosooft miidiyaa hawaasaa isaa LinkedIn, Chaayinaa keessatti dalagu mootummaa Chaayinaa waliin galuun rakkisaa tahaa waan dhufeef akka cufu ibseera.
Dhaabbatichi odeeffannoo dhuunfaa(profile) gaazexeessitoota 'block' goonaan danqaan isa mudachuu himeera dhaabbatichi













