Bu'aaleen nama biraatiif gaarummaa raawwachuu maal fa'i?

Harka daraaraa walitti kennu

Madda suuraa, BBC 4

Waggoota dhiyoo keessatti ogeessooti xiinsammuu wa’ee gaarummaa dhala namaa fi bu’aa isaa irratti hubannaa gadi fageenyaa argataniiru.

Garuu Kilaawudiyaa Hammoond akka barreesitetti, ammayyuu dhimmicha ilaalchisee wanti gutummaan hin baramne hedduu jira.

Erga weerarri koronaavaayirasii eegalee booda, namoonni caalaatti waa’ee gaarummaa yaadaa akka jiran natti himu.

Kanaan dura gaarummaan akka mata duree salphaatti fudharamee ture, qorannoo barnootaa irratti garuu akka dubbii ijootti fudhatamuu eegaleera.

Yeroo ogeessi xiinsammuu Roobin Banarjee, kan qorannoo gaarummaa BBC waliin gaggeessaa jiru, qorannoo durii ilaalu, bara 1980’n keessa dhimma gaarummaa irratti qorannoon xiinsammuu gaggeefamee galma’eeru 35 qofa ture.

Waggootii kurnan darban keessatti garuu qorannoowwan 1,000 ol gaggeeffamaniiru.

Garuu ammayyuu wanti hin baramne hedduutu jira, kanaaf BBC’n piroojektii saayinsii guddaa qorannoo gaarummaa (Kindness Test) jedhamu inteerneta irratti gartuu Yunivarsitii Saseeksi UK, waliin eegale.

Piroojeektiin kun addunyaa guutuuf banaa yoo ta’u ammatti namootni kumaatamaan lakka’aman hirmaataniiru. Karoorri piroojektii kanaa addunyaa har’aa keessatti gaarummaan maal fakkaata kan jedhu hubachuuf yaaluudha.

Qorannoowwan kumaataman lakka’aman akka nutti himanii fi wanta ammallee baruu qabnu kunoo: Kan beeksu:

Gaarummaa gochuun miira gaarii nu kenna

Guyyaa tokko, jiraattonni magaalaa Vaankuuvar, Kaanadaa qorannoo oggeetti xiinsammuu US, Elizabeet Daniin qophaa’ee irratti akka hirmaataniif gaafatamani.

Hundi isaanii poostii doolaara 5 ykn doolaara 20 of keessa qabu kennameefi. Walakkaan isaanii maallaqa kennameef ofiif akka fayyadaman itti himame.

Walakkaan kaan ammoo maallaqa kennameef kanaan mana biraaf kennaa akka bitan ykn gargaarsaaf akka gumaachan itti himime. Gareen lamaanu maallaqa kana hojiirra olchuuf hanga waaree booda sa’aatii 11:00'tti kennameef.

Galgala sana, qorattoonni kun namoota hirmaatan kan waliin mari’atani. Gartuun jalqabaa mallaqa kennameefiin waan akka bunaa, nyaataa fi faaya adda adda akka bitatan himani.

Namootni gartuu lammataa keessa turan ammoo maallaqichaan firoottan isaaniif kennaa adda ykn harka qaleeyyi daandiirra jiraniif kennani. Sana booda qorattoonni kun hirmaattoota tokkon tokkoon isaanii miirri itti dhaga’ame maal akka ta’e gaafatani.

Doolara 5 ykn 20 qabaachuun isaanii ykn wanti isaan bitatan jijjiirama hin uumne. Dubbiin ijoo maallaqicha eenyurratti baasani kan jedhu ture.

Namootni mallaqa isaani namoota biraaf kennan ykn waa bitan, namoota maallaqa ofii isaaniif waa bitan caalaa gammaddoo turani.

Kun qoraannoo hedduu gaarummaa namaaf ooluun ykn goochuun fayyummaa ofii keenya akka guddisu kanneen agarsiisan keessaa isa tokkodha.

Qorannoon Neuroscientific akka mirkaneessetti, miirri gaarii yeroo nama tokkof waan gaarii hojjannu nutti dhaga’amu, fakkii sammuu keenyaa irratti ni mul’ata.

Garummaan namarra namatti kan darbudha

Namni tokko gaarummaa hojjete kan jedhu dhaga’uun qofti nutis akkuma sana akka goonuuf nu jajjabeessu danda’a.

Qorannoowwan hedduun namootni gaarummaan rawwatamuuf, darbanii namoota biroof gaarummaa akka raawwatan argateera.

Kan yaadatamuu qabu amalli ykn gochi daddarbu tokko yeroo hunda gaarii akka hin taane qorannoowwan argatan jiraachuu isaanidha.

Namoota ofiisaaniif waan bitan irra kan namoota biraatiif bitaniitu caalaa gammachu qabaata

Madda suuraa, Getty Images

Akkumma gaarummaa, ofittummaanis nama tokkorraa biraatti ni darba. Namni ofittummaan miidhaame tokko darbe nama biraa ofittummaan miidhu mala.

Gaaarummaa raawwachuun dhiphina hir’isa

Yeroo barattoonni namoota waliin ta’uun isaan dhippisu, torban afuriif hiriyyaa isaaniif akka garummaa hojjatan gaafataman.

Miirri dhiphinnii fi fedhiin isaan namoota baqachuuf qaban, barattoota gaarummaa akka rawwataniif hin gaafatamne waliin yemmuu wali biratti madaalamu isaan namoota kaaniif gaarummaa rawwatan irraa dhiphinni hir'ateera.

Yunivarsitii Firaaser irraa qorannoo kana kan gaggeessite Jenifar Tiriiw, gaarummaa hojjachuun barattoota kana karaa gaarii gargaareera jettee amanti.

Yeroo baayyee daa'imman gaarummaa raawwatu

Madda suuraa, Getty Images

Daa’immanillee gaarummaa beeku

Yeroo hedduu daa'imman wayita obbolaan isaanii rakkoo keessa jiraachuu arganiitti homaa socho'an jechuun yaadna ta'a. Ta’us garuu qorannoowwan tokko tokko daa'imman gaarummaa raawwachuu akka danda’an agarsiisaniiru.

Ijoollee fi saafeloonni gaarummaa raawwachuuf dandeetti akka qaban qorannowwan ni argataniiru.

Egaa qorannoowwan gaggeeffamanirraa waa’ee gaarummaa wantoota hedduu beekna.

Ta’us ammayyuu waa’ee gaarummaa wantoonni baruu dandeenyu fi akkamiin gaarummaan namoota gargar ta’uu akka itti danda’u akkasumas akkamiin hawaasa irratti dhibbaa uuma kana jedhuuf qorannoowwan dabalataa ni barbaachisu.

Wantoota beekuu qabnu

Pirojaktiin qorannoo 'the Kindness Test' gaarummaa jireenya guyyaa hunda qorachuun gaaffiiwwan hedduu deebiisuuf yaale: Isaan keessaayis:

Hojiiwwan gaarummaa baramaan namoonni baayyee raawwatan maal?

Tarii gaarummaan baramaan namoonni hedduun raawwatan kan akka waan keessummaan tasa gate kaasuu, dhaabbata tola oltummaaf maalla kennu, nama tokkoof kanfaltii raawwachuu ykn tarii waan biraati? Eenyuuf gaarummaa agarsiisuu barbaadnaa?

Qorataan saayinsii sammuu tokko, sammuun keenya oduuwwan balaa wayita dhageenyuutti bakkee namoonni jiraatan irratti hundaa'uun miirrii deebii kenninu garaa garummaa qaba jedha.

''Nama dhunfaa waliin mana keessa jiraannuu fi kanneen biyya biraa jiraataniin haala walfakkaatu nutti hindhagahamu,'' jedhu Daan Kaampbeel Meklejohn.

Kanaafuu ''dhaabbileen tol-oltummaa fi gareewwan muraasni deeggarsa isaan barbaachisuu argachuuf kanaaf rakkatu,'' jedhu.

Kanaafuu mee of haa gaafannuutii, nuti mataan keenya yeroo hedduu gaarummaa kan agarsiifnu hiriyyoota, maatii, namoota beeknu ykn kan hinbeekneef?

Namoonni walitti yoo siqan gaaruummaa raawwachuun salphaa ta'a

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni yeroo baayyee gaarummaa kan argatan eessaayi?

Mana saaniitii? Ala magaalaa keessaa? Baayidaadhaa? Ykn tarii bakka hojiitii? Gaaffiiwwan kanneen deebiisuu saamuda namoota hedduutuu barbaachisa.

Bakka hojiitti gaaruummaan akkamiin ibsama?

Addunyaa daldalaa keessatti gaaruummaan eddoo qabaataa? Hundi keenyayyu namoota gaarii waliin akka hojjannee abdanna.

Kanaafuu gochaan gaarummaa bakka hojiitti raawwatamu akka danda'u ni beekna. Baayyeen keenyas osoo hiriyyoonni keenya daandii nu hinagrsiifne ta'ee hojii keenya irra hinturru ture.

Garuu ammoo gaarummaan akka hojirratti cimaa ilaalamuun kan jajabeefamuudhaa? Ykn akka dadhabbiittii ilaalamuun daangaa dorgommii kee kan dhiibuudha?

Akka gaarummaa hinqabaanee maalt nu dhorka?

Gaarummaan waan barbaachisaa akka ta'u hundi keenyaa ni beekna. Wayita nuuf danda'ameettis gaarii ta'us akkasuma ni beekna.

Garuu ammoo yeroo hunda waan salphaa miti. Akka gaarii hintaanee maal fa'itu nu dhorkaa? Waan yeroo nama tokko waa barbaachisu hinbeekneefii? AKka dadhabduu taaneetti akka hinilaalamneefii? Ykn tarii keessummaaf deeggarsa kennuu waan qaanneessaadha? Ykn haala isaanii hinhubannee laata? Ykn dubbachuuf waan qaanoofneef?

Tarii Covid-19 naannoo keenya jiruuf fageenya keenya eeggachu barbaadna? Tarii isaan kun hundi sababiiwwan akka nuti waliif gaarii hintaaneef nu dhorkan ta'u malu. Ykn baayyee waan ofii keenya jaalannuuf ta'u danda'a.