Itoophiyaatti hayyamni yeroo laguu dubartootaaf akka kennamu sochii taasifamu

Madda suuraa, ISTOCK
Tsiggeeredaan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinneetti. Erga laguu arguu jalqabdee ji'a ji'aan dhukkubbii hamaa dabarsaa turte.
Yeroo barattuu turtes guyyaa jalqabaa laguun itti dhufu barumsa dhaqxee hin beektu. Miirri dhukkubbii itti dhagahamuu kan jalqabu guyyoota kudhan dursuun tahus, guyyaa jalqabaa itti dhufu garuu dhukkubbiin isaa manaa ishee hin baasu.
''Laguun natti dhufuu guyyaa tokko dursuun dhukkubbiin natti caala. Miillikoo dhiita'a yookaan ammoo ji'uma ji'aan miirri dhukkubbii natti dhagahamuyyuu adda adda taha. Yeroon barattuu ture akka boruu natti dhufa jedhee barumsa irraan hafa ture. Yoon dhaqellee dhiiseen gala.''
Erga hojii jalqabdees guyyaa laguun ishee itti dhufu hojii hin galtu. Yoo dirqama kan galuu qabdu tahe ammoo kiniinii dachaa gootee fudhacuun deemti malee dhukkuubbiin isaa dhaabachuus miilla kaasuus akka ishee dhorku himti.
Dhiironni baay'een dhukkubbii laguu qabu baruuf gaafatu. Garaa ciniinnaa, mataa bowwoo, ho'a qaamaa dabaluu, mukaa'uufi dhiphachuu fi miira dadhabbii yeroo laguun itti dhufu dubartoota baay'ee mudata.
Giddugalli yaalii yuunvarsiiti biyya Nezerlaandis kan tahe Raadbaawundi jedhamu keessatti argamu ragaa dubartoota kuma 43 irraa sassaabeen %85 kan tahan irratti miirri garaa ciniinnaa jabaa tahe dhagahama.
%71 kan tahan miira jeeqamuu keessa kan galan yoo tahu, %71 ammoo mukaa'uu fi dadhabbiin isaanitti dhagahama.
Addunyaa kanarra uummata jira jedhamu keessaa biliyoona 3.9 kan tahan dubartoota tahuun ragaaleen himu. Itoophiyaattis lakkoofsi dubartootaa kan dhiirotaa caalee akka jiru ejensiin istaatiksii biyyattii ni hima.

Madda suuraa, Getty Images
Humna hojjetu keessattis lakkoofsi dubartootaa salphaa miti. Ragaa Baankiin Adunyaa waggaa sadii dura baaseenis Itoophiyaatti humna hojjetee bulu keessaa %46.5 ol kan tahan dubartoota.
Sosochii Seetawiit jedhamutti dubbii himtuu kan taate Hiwwot Abebe seerri hojjetaa fi hojjechiisaa Itoophiyaa haala dubartootaa kana hubachuudhaan hojii gaarii hojjeteera jette.
Boqonnaa haadholii yeroo dahumsaa kennuudhaan seerri biyyatti kan warra kaanii waliin wal biratti yoo ilaalamu dubartootaaf xiyyeeffannoon akka kenname agarsiisa jette.
Haa tahu malee dhukkubbii yero laguu yaada keessa kan galche seerri akak bahu qooda fudhattoota waliin duula jalqabneerra jette.
Dhaabbanni Seetawwit guutummaatti dubartootaan kan guutame yoo tahu, duula gaggeessuu qofa osoo hin taane dubartootaaf eeyyama yeroo laguu kennuu jalqabuus Hiwoot BBCtti himteetti.
Eeyyama kennuudhaanis hanga ammaatti bu'aa hojii irratti dhiibbaan mul'ate akka hin jirre himte.
''Dhukkubbiin yeroo laguu namaa namatti adda adda. Biiroo keenya keessatti guyyoota lamaa hanga guyyoota shaniitti jechuun hojiirra oolchina. Garuu dubartiin tokko mana ishee teessee hojjechuu yoo dandeesses tahe yoo lafa hojiitti argamuu dandeesses hojjechuu dandeessi,'' jette Hiwwoot.
Adunyaa irratti eeyyama yero laguu kana dubartootni mormanifi dhukkubbii hin qabne dhimma biraaf kan itti fayyadaman jiraachuu akka malanis himti.
Itti dabaluunis dhaabbileen dubartoota qacaruun kisaara akka tahetti ilaalanis akka jiran himti.
Dubartootni eeyyama yeroo dahumsa fudhatan dabalatee itti gaafatamummaa maatii isaan qaban barbaadamummaa isaanii gadi buusuuf sababa biraa tahas jedhan.
Hiwwoot kun dhimma koorniyaa osoo hin taane dhimma namummaati, falmiin kunis farra namummaati jette.
''Dubartootni dhukkubbii guddaa keessa osoo jiranii hojii haa galan jechuunis gara jabina,'' jechuun BBCtti himte.
Yeroo laguun itti dhufu dhukkubbii mudatu cinatti hammi xurii dhngala'u dubartoota dhiphina keessa galcha.
Tsiggeredaa yeroo ji'a Caamsaa keessa aduun cimu mana barumsaatti akka itti hin tolle himti.
''Ji'a Caamsaa keessa ho'i cimaa jira. Qulqullinakoo kaniin itti eeggadhu jijjiirachuuf yeroon boqonnaa hamma gahuttan eega. Yeroo ho'aa laguun koo uffatakoo akka hin tuqneefis jalaan uffata gabaabaan dabalee uffadha. Kun ammoo waan biraa ho'a natti dabaludha,'' jette.
Hiwoot manneen barnootaa keessatti meeshaaleen yeroo laguu qulqullina eeggachuuf oolan akka jiraataniifi hubannaan akka dabaluuf hojjetamaa jiraachuu himte.
Haa tahu malee sadarkaa biyyaalessaatti barattootni dubaraa dhukkubbiin yeroo laguu yoo itti cime eeyyama akka argatan kan taasisu hojiin jalqabe hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Laguu akka qaaniitti...
Laguu akka qaaniitti ilaaluun Itoophiyaa keessatti keessumaa naannoo magaalotaatti hir'ataa dhufus ammayyuu dubartootni adeemsa uumamaa kanaan miidhaman baay'eetu jiru.
Tsiggeeredaan laguu yeroo jedhamu sodaachuun kan fiigu mucaa adaadaa ishee akka fakkeenyaatti kaaste.
''Laguun baay'ee sodaatama ture. Dhiigni na sodaachisa jedha ture. Dhimma kana hubachiisuuf erga mari'atanii booda amma modesiis laguus gaafa jedhan taa'umsa isaa irraa isa ka'u dhiiseera'' jechuun kolfaa dubbatte.
Haa tahu malee dhukkubbii yeroo laguu namatti dhufu irratti hubannaan sirrii hin taane dhiirota tokko tokkoon qofa osoo hin taane dubartoota dhukkubbicha hin qabne biras akka jiru himte.
''Maatii irraa jalqabee hanga bakka hojiitti arbeesiteetta yookaan sobdeeti, yaadotni jedhan na mudataniiru'' jette Tsiggeeredaan.
Akka carraa tahee garuu dhaabbata laguu dubartootaa irratti hojjettu Noobel Kaappi jedhamu keessatti hojii jalqabde. Knaafuu yeroo laguun itti dhufu hojii akka hin deemneefi dhaabbanni ishees akka ishee gargaaru dubbatti.
Itoophiyaatti seerri hojjetaa fi hojjechiisaa sababa dhukkubaan yeroo laguu dubartiif eeyyamni kennamu hin jiru. Hojii irraa yoo haftes waraqaa ragaa dhukkubsachuu agarsiisu mana yaalaa irraa qabachuu qabdi.
Kun ammoo adeemsa uumamaa kana akka dhukkubaatti ilaalchisa jechuun akka falmiitti kan kaasanis jiiru.
Addunyaa irraa biyyootni eeyyama laguu kennan jiruu?
Addunyaa irratti biyyootni haala adda addaan yeroo laguu dubartootaaf eeyyama kennan dabalaa dhufaniiru. Isaan keessaa Afrikaa irraa Zaambiyaan tokko.
Zaambiyaan ji'atti guyyaa tokko yeroo laguu dubartootaaf eeyyamni akka kennamu murteessiteetti.
Addunyaa irratti ammoo jalqaba irratti kan argamtu Jaappaan yoo taaatu, erga eeyyama yeroo laguu kennuu jalqabdee waggootni 71 darbaniiru.
Kooriyaa Kibbaas gara waggaa 60 kan lakkoofsisfte yoo tahu ji'atti guyyaa lama eeyyamti. Yoo dubartootni guyyaa lamaan kana hin fayyadamiin hafanillee maallaqatti shallaguun kaffaltiif.
Taayiwaan guyyaa sadii yeroo laguuf kenniti. Chaayinaafi Indiyaa keessatti fudhatama guddaa argataa kan dhufe yoo tahu, kutaaleen bulchiinsaa Chaayinaa gariin akka seeraatti raggaasisaniiru.
Itoophiyaattis yaada kana beeksisuuf dhaabbileen sadii dhimma kana irratti duula jalqabaniiru. Noobil Kaappii fi Addis Paawor Haawus dhimmi kun ajandaa akka tahuu fi seera hojjetaa fi hojjechiisaa keessa akka galuuf hojjechaa jiru.
''Dhimmi kun waan haguugamaa tureef jalqaba namootni akka irratti dubbatanii fi mariyatan gochuu barbaanna,'' jetti Hiwwoot.
Tsiggeredaa Itoophiyaa keessatti hojjechiiftotni dhukkubbii yeroo laguu kana akka hubatanii fi yoo kan hojjetan tahes yeroo sanatti dhukkubbicha gidduugaleessa kan godhate tahee arguu akka feetu himte.

















