Hindiitti Kolleejiin 'Laguun shamarran qaanneessuuf' jecha paantii akka basaniif dirqisiise

Madda suuraa, Getty Images
Ilaalchi Hindoonni dubartoota laguurra jiran irratti qaban ammas mata duree dubbii ta'uutti deebii'eera.
Baratoonni kolleejii lixa Hindiitti kan argamtu bulchiinsa Gujaaraati keessatti hoosteela keessa jiraatan, laguurraa akka hinjirree mirkaneessuuf paantiisaanii baafachuun barsiiftoota dubartootaatti agarsiisuuf dirqisiifamu himan.
Dubartiin gaheessi umuriin 68 taa'ee tokkos barattoota shamaranii kutaa yaasuun mana fincaaniitti geessite tokkoon tokkoo shamarranii uffata jalaa ykn paantii baasuun akka itti agarsiisan dirqisiifte.
Taateen kunis magaalaa Bhujiitti kan mudate guyyaa Kibxata ture. Barattoota Institutii shamaranii 'Shree Sahajanand (SSGI)' kan garee amantaa Hinduu cimsaniin gaggeefamuutti digrii barataa jiranittu uffata jalaa baasuun akka agarsiisan gaafataman.
Isaanis aanga'oonni hosteela keessa jiraatanii guyyaa Wiixataa barattoonni shamaranii laguurra jiran seera hordofu qaban cabsaniiru jedhuun diinii kolleejichaatti komii dhiyeessa.
Akka seera sanaatti shamarran tibba laguurra jiran bakka sagadaa fi gola nyaanni itti bilchaatu gadhuurraa kan dhorkaman yoo ta'u, barattoota kaan xiquunsi hin heyyamamuuf.
Sa'aatiin nyaataattis warra kaan irraa fagaachuun taa'anii erga sooratanii booda kan itti nyaatanis ofumaan qulleefachuutu irraa eegama. Kutaa keessattis teessoo isa dhumaarra taa'uutu irraa eegama.

Madda suuraa, BBC Gujarati
Barattuun tokkoo BBC Gujarati'tti akka himteetti yeroo hunda wayita laguun shamarraniitti dhufu maqaa saanii galmeessuun aanga'ootaaf mirkanneessa.
Garuu baatiiwwan darban lamaaf barattuun maqaashee galchite tokkoolleen hinjirtu.
Kaafuu guyyaa Wiixataa aanga'oonni Hositeelichaa shamarran laguurra osoo jiranuu kutaa nyaanni itti bilchaatu seena jiru, gara mana waaqeeffanaatti siqaniiru akkasumas jiraattoota hosteelichaa kan biraa waliin wal qunnaman jedhuu diinii Koleejichaatti komii dhiyyeessan.
Barattoonni akka jedhanittis guyyaa itti aanu aanga'ootaa fi diinii hostelichaa funduratti uffata akka baasanii taasifamuun qaaneeffamaniiru.
Mudannoo isaan irratti raawwatame kanas ''muxannoo baayyee nama dhukkubu'' kan miidhaa amma 'sammuun dararamu'' gahuudha jechuun ibsaniiru barattoonni.

Abbaan shamarree takkaa akka himaniitti wayita inni koolleejicha gahuuttis intalli isaafi barattoonni biraa gara isaatti fiiguun bo'aa turan. ''Baayyee naasuu guddaa keessa turan'' jedhe.
Guyyaa Kamisaa gareen barattootaa qondaaltoonni kolleejichaa gacha ''sukkaneessaa kanan'' irraan gahee akka gaafatamuuf waamicha taasisuun kaampaasicha keessatti mormiin gaggeessaniiru.
Miseensi boordii kolleejichaa ammoo taateen mudate ''waan hinmalleedha'' jechuun, qorannoo akka gaggeefamuuf hajajni darbuu himee kanneen balleessa raawwatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu himeera.
Garuu Dashana Dholakia itti aanaan chaansilara yunivarsitii kan kolleejiin kun waliin hidhata qabuu balleessaan kan barattootaati jettee jirti. Akka isheen jetteettis barattoonni seera cabsaniiru, kanaafis muraasni dhiifama gaafataniiru jette.
Haa ta'u malee barattoonni muraasni BBC Gujatatiitti akka himaniitti, waa'ee taatee sanaa akka hindubbanneef dhiibbaa bulchiinsa kolleejichaa jala jiru.
Guyyaa Jimaataa Komishiniin Dhimma Dubartoota Bulchiinsa Gujaraata ''gocha qaanneessaa'' kanarraatti qorannoon akka gaggeeffamuuf hajajee ture. Kana maleees barattoonni sodaa tokko malee bahan waan isaan irra qaqabe akka himaniif gaafaateera. Poolisiinis himannicha qabateera.

Madda suuraa, Menstrupedia
Biyyattii keessatti shamarran sababii laguutiin walqabatee wayita qaaniif saaxilaman kun kan jalqabaa miti.
Sababiidhuma wal fakkaatuuf waggaa sadiin dura barattoonni shamarranii 70 mana barnootaa shamarranii kaaba Hindiitti argamu tokko keessatti uffata jalaa baasuun akka agarsiisan taasifamaniiru. Kunis barattoota irratti kan raawatame erga to'attuun kutaa bulmaata dubartootaa dhiiga mana fincaanii keessatti agarteen booda ture.
Gochi laguun walqabatee dubartoota irra gahu kunis biyya Hindiitti kan hundee gadi faggeeffate yoo ta'u, kunis sababii ilaalcha dubartiin laguurra jirtu qulqullu miti jedhamee yaadamuun kan wal qabatuudha.
Sababii kanaanis dubartoonni tibba laguurra jira taateewwan hawaasummaa fi amantaa irra ni dhorkamu. Kana malee bakkeewwan amantaaf lafa nyaanni itti bilcheefamu galuun hin hayyamamuuf.
Dubartoonni magaalaa baratan ammoo ilaalcha akana fuuldura dhaabbachu erga eegalanii bubbulaniiru.
Bara 2018 ammoo manni murtii olaanaan biyyatti karri mana sagadaa Sabarimaalaa dubartoota umurii hundaaf banaa akka ta'uuf hajaja dabarsee ture. Dubartoonni akka ol hinseennee dhorkuun loogii raawwachuudha jedhee tures.
Garuu waggaa tokkoon booda erga mormii cimaan naannichatti gaggeeffameen booda abbaa alangaa murticha keessa deebii'uun akka ilaalu walii gale.
Kan baayyee nama dhibu namoota murtee sana mormaa turan keessaa irra caalli dubartoota yoo ta'u, kunis ilaalchi dogongoraan laguun wal qabate kun hangam hawaasa keessatti hunde kan gadi fageeffate ta'u kan agarsiisuudha.















