Itoophiyaan hidha Haaromsaa bishaan guutuu dhaabuu dandeessii?

Wal-dhibdeen hidha haaromsaa irratti waggoota dheeraaf Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jidduu jiru marii hedduu boodallee furmaata waan argatu hin fakkaatu. Manni maree nageenyaa UN yeroo jalqabaaf har'a [Kamisa] dhimma hidha kanaarratti mari'achuuf deema.

Masrii fi Sudaan Itoophiyaan murtee ofii isheetiin ykn waliigaltee malee hidhicha marroo jalqabaaf bishaan guutuu eegaluu komataniiru.

Itoophiyaan hidha haaroamsaa laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu marroo lammataaf bishaan guutuu eegaluu ishee xalayaa Masrii fi Sudaaniif barreessiteen jalqaba torbee kanaa beeksiftee jirti.

Masrii fi Sudaan hidhichi qooda bishaanii argatan jalaa akka xiqqeessu eeruun kan falman yoo ta'u Itoophiyaan hidhichi lammilee ishee miliyoonotaan lakkaa'aman dukkana keessaa akka baasuuf falmiti.

Biyyoonni yaa'a gadi lamaan Itoophiyaan waliigaltee malee bishaan guutuu eegaluun, "yaada badaa qabaachuun" ta'e jettee hidhicha bishaan guutaa akka jirtutti fudhatu.

Kuni garuu hubannoo dogoggoraa hidha bishaan guutuun fedhiin wanta godhamu - akka bishaan ujummoo yoo barbaadan kan cufan ykn ammoo kan banan ta'e kenna.

Bishaan guutuu dhaabsisuun ni danda'amaa?

Lakki. Waqtii roobaa hanga Fulbaanaatti turu bishaan hidhicha duubatti kuufamu ofumaan dabalaa deema.

Sadarkaa ijaarsa hidhichaarratti hundaa'uun, hanga bishaan keenyan hidhichaa irra darbuutti ''ogummaan maandisummaa ykn fiiziiksiin hidhichi ammatti akka hin gunneef ittiin dhorkuun danda'amu hin jiru,'' jedhu Yunivarsitii Maanchistar irraa waggoota 10'f waa'ee hidha kanaa kan qorataa jiru Mohaammad Bashiir.

Sababiin kanaa hammi bishaan hidhicha seenaa jiru, hamma bishaan karaa ulaawwan lamaa hidhicha keessaa bahuu (guyyaatti kuubik meetirii miliyoona 60-110) waan caaluufi.

Viidiyoo kallattii 360 laga Abbayyaa/Naayil

Gabaasaan BBC Alastair Leithead fi gareen isaa bara 2018tti jalqaba Laga Abbaayyaa hanga Galaanatti makamuutti - Itoophiyaa fi Sudaan keessa darbanii hanga Masiriitti imalanii turan.

Bara 2011 wayita ijaarsi hidha haaromsaa eegalu lagi Abbayyaa/Naayil akkuma durii yaa'aa ture.

Ijaarsichi lagicha gamaa gamanaan osoo yaa'a uumamaa lagichaa hin danqiin hojjetamaa ture.

Waqtii boonaa wayita hammi bishaanii xiqqaatu yaa'aa lagichaa gara biraatti jallisanii iddoo uumamaan bishaan yaa'utti hidhaa ijaaraa turan.

Hidhicha jidduun isaa irra caalaa kan xumuramee yoo ta'u, bara 2024 hanga dheerinni isaa galaanaan oliitti meetira 640 irra gahuutti waggaa waggaan ittuma dabalaa adeemama.

Sadarkaan ittaan maal?

Bara jalqabaatti, Hidhi Haaromsaa bishaan kuubik meetirii biliyoona 4 qabate.

Jiddugaleessan lagi Abbayyaa bakka hidhi haaromsaa ijaaramaa jirutti waggaatti bishaan kuubik meetirii biliyoona 49 qaba jedhama.

Bara darbe waggoota 100 keessatti hammi bishaanii lagichaa riikardii olaanaa irra gahee ture. Kana jechuun hammi bishaanii Itoophiyaan bara darbe hidhicha duubatti hambifte daran xiqqaa ture jechuudha.

Bara kanatti karoorri Itoophiyaa jalqabaa bishaan dabalataa kubiik meetirii biliyoona 13.5 qabuu ture.

Haata'u malee suuraawwan saataalaayiitii Sudaan xiinxalte akka agarsiisanitti keenyan hidhichaa hanga karoorfameetti ol ka'ee waan hin ijaaramneef bishaan bishaan hangi jedhame qabamuu dhiisuu mala.

Itoophiyaan garuu xalayaa jalqaba torban kanaatti Sudaanii fi Masriif ergiteen, hanguma bishaan jalqaba karoorfamee qabachuuf akka jirtu beeksifte.

Tibba waqtii bonaatti hangi bishaan kuufamee xiqqoo yoo hir'atu keenyan hidhichaa dabalataan ol ijaaramuun waggaa sadaffaatti ammoo bishaan dabalataa akka qabatu taasisa.

Odeessaalee dabaataa:

Itoophiyaan hanga bishaan hidhichi qabachuu danda'u kuubik meetirii biliyoona 74 gahuuf, waqtii roobaa waggoota afurii hanga jahaa dabalataan akka gaafatu himti.

Yeroo sadarkaa sanarra gaheettis, haroon hidhicha duubatti uumamu km 250 (maayilsii 155) kan bal'atu ta'a.

Waqtii roobaa tokko darbee kan biraa haga dhufuutti hammi bishaanii hidhichi qabatuu kuubik meetirii biliyoona 49.3tti gadi bu'a.

Masriin maaliif yaaddooftee?

Guutummaan guutuutti sadarkaa jedhamutti fedhii bishaanii isheef laga Naayil irratti kan hirkatte Masriin hammi bishaanii argattu najalaa xiqqaata jettee yaaddofti.

Hammi bishaanii gadi dhiifamuuf dhaabbiin akka murtaa'u feeti.

Wayita hidhichi bishaaniin guutamu Masriin hanga bishaanii jalaa hir'achuu malu hidha Aswaan irraa gadhiisuun bakka buufachuu dandeessi, garuu ammoo yaaddoon kan jiru wayita hidhi haaromsaa guutummaatti hojii eegalutti.

Itophiyaan erga hidhichi bishaan guutamee xumurameen booda, bishaan haganan gadi dhiisa jettee himuu rincicaa jirti.

Dhimmi Itoophiyaan dursa kennituuf yeroo hundaa bishaan gahaan hidha akka Afriikaatti kan jalqabaa ta'e kana sochoosu hidhicha keessa jiraachuudha.

Yeroo hangi bishaanii akkuma yeroo kanii ta'e ykn yeroo olaanaa ta'e rakkoon uumamu hin jiru, Masriin kan yaaddofte wayita gogiinsi waggootaaf turu uumame maaltu akka ta'udha.

Wayita goginsi jiru hammi bishaan laga Abbayyaa waan xiqqaatuuf Itoophiyaan hidha haaromsaa keessatti kuufachuu itti fufnaan sadarkaan bishaan Hidha Aswaan keessaa gadi bu'uu eegala.

Akkasumas hidhawwan laga Abbayyaarratti ijaaraman kan biroos yeroo gogiinsi jiru deebisanii guutuu irratti gaaffiin jira.

Sudaan hoo maaliif mormiti?

Baatilee 12 darban keessatti ejjennoon dhimma hidha haaromsaa irratti Sudaan qabdu deeggarsa irraa gara mormiitti jijjiirameera.

Kunis ka'uumsi isaa guutinsa bishaanii bara darbeerraa akka eegalu hima Bashiir.

Sadarkaa yaadaatti hidhi Haaromsaa yaa'a bishaanii laga Abbayyaa wal-qixxeessee Sudaan lolaaf akka hin saaxilamne godha jedhamee yaadama.

Haa ta'u malee bara darbe wayita Itoophiyaan ulaawwan ittiin bishaan gadhiiftu afur keessaa sadi cuftu Sudaan ni rifatte.

Kunis buufatawwan raabsa bishaanii Sudaan kan biyyattiin jallisiif itti fayyadamturratti hanga tokko hammi bishaanii akka gadi bu'u taasise.