Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhaa Laga Abbayyaa: Itoophiyaan Hidha Haaromsaa marroo lammataaf bishaan guutuu eegaluu Masriin mormite
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtuuf marroo lammeessoof bishaan guutuu jalqabuushee Masriif ifatti beeksiste jechuun Rooyitars gabaase.
Ministirri Jallisii Masrii Mohaammad Abdel Atii gaafa Wiixataa, Ministira Bishaan, Jallisii fi Annisaa Itoophiyaa Dr Inj. Silashii Baqqalaa irraa xalayaan hidhicha bishaan guutuu marroo lammeessoo jalqabuusaa himu isaan qaqqabuu ibsa baasaniin himan.
Masriinis gamasheetiin murtee Itoophiyaan fudhatte kana 'tasumaa hin fudhattu' jechuun ejjennooshee himuu Rooyitarsi ministira kana wabeeffachuun gabaaseera.
Itoophiyaan 'kophaa ishee murteessitee' hidhicha guutuu eegaluun seera idil-addunyaa cabsa kan jedhan ministirichi, tarkaanfii Itoophiyaan kana xalayaan Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC)f beeksisuus himaniiru.
Gaaffii Sudaan fi Masriin dhimmichi dhimma nageenya naannichaa jeequ ta'uu eeruun, manni marechaa akka jidduu seenu gaafatan hordofee manni marechaa Kamisa dhufu dhimma hidha kanaarratti kora taa'a jedhamee eegama.
Itoophiyaan ifatti hidhicha marroo lammataaf bishaan guutuu eegaluu hin himne, ta'us akkaatuma sagantaa qabameen guutinsi bishaanii akka adeemsifamu himaa turte.
Itoophiyaan gama isheen dhimmichi dhimma nageenyaa waan hin taaneef mana maree nageenyaa UNf dhiyaachuu hin qabu, wal-dhibdeen biyyoota sadan jidduu jiru marii Gamtaan Afrikaa dursuun furamuu qaba ejjennoo jedhu qabdi.
Itoophiyaan bara darbe hidha haaromsaa ijaaraa jirtuuf marsaa jalqabaan bishaan guutuu eegaltus Masrii fi Sudaan irraa mormiin ishee mudateera.
Masrii fi Sudaan osoo waliigalteerra hin ga'amin Itoophiyaan gonkumaa bishaan guutuu hin qabdu ejjennoo jedhu qabaachaa turan.
Biyyoonni lamaan kunniin hangi bishaan argannu nu jalaa hir'ata jechuun irra deddeebiin mormii dhiyeessaa turan.
Itoophiyaan garuu bishaan hidhichaa lammiileeshee miliyoona 65'f humna elektirikaa dhiyeessuuf akkashee fayyadu himuun yaaddooni biyyoonni kunneen kaasaan sirrii akka hintaane himti.
Dabaluunis ji'oota gannaa kana keessa bishaan hin guuttu taanaan kisaaraan guddaa akka ishee mudatu kan ibsite Itoophiyaan, osooma mariin jaarsummaa taa'amaa jiruu bishaan guutuu akka itti fuftu irra deddeebiin ibsaa turteetti.