Sudaan hidha Abbayyaa guutuu irratti yaada Itoophiyaan dhiyeessite didde

Sudaan hidha haaromsaa guddicha laga abbayyaarratti hojjetamaa jiru marsaa lammaaf bishaan guutuuf yaada Itoophiyaan dhiyeessite fudhachuu didde.

Rooyitarsi qondaala biyya Sudaan akka maqaansaanii eeramu hin feenu tokko dubbisuun akka gabaasetti, yaadi Itoophiyaan marsaa lammaffaaf bishaan guutuuf dhiyeessite ''qabataamaa kan hin taanee fi ajandaa uumtee yeroo dheereffachuuf mala itti fayyadamteedha,'' jedheera.

Aanga'aan mootummaa kun akka Rooyitarsitti himanitti, yaadi kun durumaanuu dhiyaachuun kan irra ture, gaaddisa marii Gamtaa Afriikaa jalatti bakka qaamoleen dhimmi kun ilaallatu hundi argamanitti ta'uutu irra ture.

Ga'ee bishaan ilaalchisuun yaadi Itoophiyaan dhiyeessite ,''waan ni ta'a jedhamee hin yaadamneedha,'' kan jedhan qondaalli kun, Sudaan yaadi kun qabiyyee marii jaarsummaa keessa kan hin jirre ta'uu amanti jedhan.

Rooyitarsi dhimma kanarratti yaada gama Itoophiyaan jiru argachuuf Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Silashii Baqqalaaf gaaffii dhiyeessus deebii akka hin arganne ibseera.

Torbee darbe Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Maariyaam al-Mahdii xalayaa Mana Maree Nageenyaa UN'f barreessaniin, dhibdee dhimma hidha haaromsaarratti uumame gidduu seenuun akka fala kaa'anii fi Itoophiyaan ''addatti'' bishaan guutuurraa akka of qusattu akka itti himan eeraniiru.

Atakaaroo bishaan guutuu

Itoophiyaan bara darbe hidha haaromsaa ijaaraa jirtuuf bishaan guutuu eegaltus Masrii fi Sudaan irraa mormiin ishee mudateera.

Haalli kun akkasumatti osoo jiruu baranas yeroo lammaffaaf ji'a Adoolessaa keessa bishaan guutuuf kan murteessite yoo ta'u, eenyuyyuu kana gochuurraa akka ishee deebisuu hin dandeenye dhaadatti.

Ji'oota gannaa kana keessa bishaan hin guuttu taanaan kisaaraa guddaa akka ishee mudatu kan ibsite Itoophiyaan, osooma mariin jaarsummaa taa'amaa jiruu bishaan guutuu akka itti fuftu irra deddeebiin ibsaa turteetti.

Ministirri Jallisii Sudaan Pirofeesar Yaasir Abbaas torbee darbe akka ibsanitti, haalonni dantaa biyyasaanii kabachiisan tokko tokko yoo guutaman, Sudaan jala jalaa Itoophiyaa waliigaluu ni eegalti jedhanii turan.

Kanaafis Sudaan haaldureewwan sadi keesseetti.

Itoophiyaan bishaan erga guuttee bodallee marii akka itti fuftu mirkaneessuu, dhimmoota hanga ammaatti irratti waliigalaman irratti biyyoonni hunduu mallatteessuu fi sagantaan marii ifatti beekamuu qabu kanneen jedhan haaldureewwan Sudaan gaafatte keessaati.

Masrii fi Sudaan osoo waliigalteerra hin ga'amin Itoophiyaan gonkumaa bishaan guutuu hin qabdu ejjennoo jedhu qabaachaa turan.

Yaadi Sudaan torbee darbe dhiyeessite kun garuu ejjennoo kanarratti biyyattiin yaada jijjiirrataa jiraachuushee mul'iseera.