Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Haaromsaa: Sudaan biyyoonni Afrikaa waliigaltee qabatamaarraa ga'uu akka deeggaraniif gaafatte
Sudaan dhimma Hidha Laga Abayyaarratti waliigaltee seera-qabeessa dhaabbataa tahe akka deeggaraniif biyyoota Afrikaaf waamicha dhiyeessite.
Ministeerronni hajaa alaafi jallisii Sudaan Kaartuumitti Dilbata ambaasaadaroota Afrikaa waliin waa'ee walgahii Kinshaasaatti bu'aa malee xumurameefi yaada Sudaan mariin Gamtaa Afrikaan hogganame gidduu-galtummaa qaamota afuriin haa taasifamu jedhu irratti viidiyoon marii'ataniiru.
Ityoophiyaan gamasheetiin Sudaaniifi Masiriif dhimma Hidha Haaromsaarratti marii biyyoota sadan gidduutti Gamtaa Afrikaan durfamuu akka kabajaniif waamicha dhiyeessiteetti.
Ittaanaan Ministira Muummeefi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makoonniin marii Gamtaa Afrikaan durfamuu ilaalchisee Mana-maree Nageenyaa Idil-addunyaaf xaalayaa barreessaniin ejjennoo Ityoophiyaa ifoomsaniiru.
Miseensoonni mana marichaa biyyoonni kunneen gara marii biyyoota sadanii Gamtaa Afrikaan durfamuutti akka deebi'an dhiibbaa uumuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru OBBo Dammaqaan.
Ministirri hajaa alaa Sudaan Maariyaam al-Mahaadii ammoo, ''Sudaan Hidhi Abbayyaa marsaa lammataa otoo hin guutamiin waliigaltee hundaaf murteessaa taherra gahamuu qaba,'' ejjennoo jedhu qabdi jedhan.
Waliigaltee hundaaf tahurra gahuuf, ''deeggarsa biyyoota Afrikaa barbaanna,'' jedhan dippiloomaatiin oolaanoo Sudaan.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiiy Ahimad Dilbata darbe ibsa kennaniin bishaan guutuun Hidhichaa marroo lammataa baatiiwwan "rooba cimaa Adoolessaafi Hagayya keessa waan gaggeeffamuuf Sudaanirraa lolaa hir'isaa," jedhan.
"Itoophiyaan Hidha kana kan ijaaraa jirtu bu'aa uummataaf yoo tahu, kaayyoo biyyoota oollaa yaa'a [Lagicha] kanaa miidhuu hin qabdu,'' jedhan.
Ministirri bishaan, jallisiifi inarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PHD) ergaa fuula tiwiiitara isaaniirratti kaleessa baasaniin ijaarsi ulaan jalaan bishaan gadhiisu [two bottom outlets (BO)] xumuramee sirriitti bishaan akka warra gadiif dabarsu qoratamee ilaalameera jedhan.
Ulaan jalaan bishaan gadhiisuuf tolfaman lama (2 BOs) dandeettii guutummaa yaa'a bishaan Abbayyaa kan waggaa dabarsuu danda'u. Kun ammoo biyyoota gajjallaa jiraniif yaa'i bishaanii osoo takkaallee addaan hin citiin akka dhiyaatu wabii kennaaf jedhan.
Ulaawwan 13 bishaan akka dabarsaniif ijaaramaa jiran biroon bishaan biyyoota gajjallaa jiraniif akka dabarsaniif humna dabalataa guddaadhas jedhan.
Akka Injinar Silashiin jedhanitti, kun ammoo balaa lolaa akka waqtii darbe Sudaan mudatee irraa ittisuudhaan, bishaan akka callisee bakka hin malletti hin badines qusata waan ta'eef Hidhichi miidhaa qaqqabsiisa jedhamee yaaddoon jiraachuu hin qabu.
Ministirri Mummee Sudaan Abdallaa Haamdook,Ebla 23,2021tti gita isaanii Masriifi Itoophiyaa waliin ''marii cufaa'' waamaniiru. Haa tahu malee mariin kuni adeemsifamuu isaaf waan mirkanaa'e hin jiru.
Al Mahaadiin Dilbata yeroo ejjennoo Sudaan ibsanitti Itoophiyaan yenna bishaan marsaa jalqabaa Adoolessa 2020 waliigaltee maleefi otoo nu hin beeksisiin guutte ''qajeelfama ollummaa cabsitee jedhan.
''Har'a lammiileen Sudaan miiliyoona 20 tahan yaaddoorra jiru,marsaa lammataa waliigaltee malee ni guunna yoo jettu immoo nageenya Sudaan ittuu yaaddessaa godha,'' jedhan.
Yeroo walgahii Kinshaasaa Sudaan yaada mariin Gamtaa Afrikaa,Mootummoota Gamtoomanii,Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaan hoggannamu haa adeemsifamu jedhu dhuyeessitee turte.
Kaartuum mariin gidduu-galtummaa qaamota afuriin geggeefamu qaawwa biyyoota naannoo yaa'a lagichaa jiran duuchuuf gargaaraa jedhan.
Dhimmooti jajjaboo jedhaman walgaltee hundaaf tahu kan wal-dhibdee hambsiuufi waliigaltee bishaan hirmaachuufi akkaataa wal-dhibdee itti hiikan dabalata.
Kana malees dhimmoota teeknikaa yeroo bishaanichi guutamuu fi hongee fuulduratti mudachuu malu dabalata.
Itoophiyaan dhimmota lama irratti yaada addaa qabdi kunis: haala walgaltee hunda amansiisuufi waliigaltee fuuldurattii bishaan hirmaachuu hidha guddichaa Abbayyaati
Itoophiyaan waliigaltee Sudaan dhiyeessitu kuffisuun ''seeraafi qajeelfama,'' akkaataa hidhichi bishaan itti guutamuufi hojiirra oolu kan jedhuun yaada dhiyeessiti.
Dabalataan Itoophiyaan haala waggaa 10 keessatti bishaan hirmaachuu jedhurratti akkataa waliigalteen Cooperative Framework Agreement (CFA), bara 2010 ajajutti haa taasifnu kan jedhuun yaada dhiyeessiti.Kunis biyyoota yaa'a olii piroojektii mataa isaanii akka jalqaban gargaara.
Sudaaniifi Masriin garuu waliigaltee Cooperative Framework Agreement (CFA), waan hin mallatteessineef, waliigalteen dhimma hidha Abbayyaa ' 2015 Declaration of Principles on the GERD' biyyoota sadii gidduutti mallatteefame waa'ee bishaan hirmaachuu homaa hin dubbatuu jedhu.
Hidhi Haaromsa Itoophiyaa baasii doolaara biliyoona shanii oliin hojjetamu yoo xumuramu, Afrikaa irraa hidha guddicha taha jedhamee eegama.
Itoophiyaanis uummata ishee walakkaa dukkana keessa jiraatuuf tajaajila ibsaa gahaa tahe dhiyeesiti jedhamee eegama. Hidhi kunis erga jalqabee amma waggootni kudhan kan darban yoo tahu, jalqaba waggoota shan keessatti xumurama jedhamee ture kan jalqabame.