Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin Hidha Haaromsaa Abbayyaa Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin gidduutti Sambata jalqabuuf
Mariin Hidha Haaromsaa Abbayyaa ilaalchisuun biyyoota sadan: Itoophiyaa, Sudaaniifi Masirii gidduutti dura ta'aa haaraa Gamtaa Afrikaa (AU)n gaggeeffamu dhum-tobee kana taasifamuuf akka jiru Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PhD) himan.
Marii kanaaf duura ta'aa AU kan ta'an Pirezedantiin Dimokiraatawa Rippabilika Koongoo (DRC) Antoine Tshisekedi Tshilombo ministiroota dhimma alaafi ministiroota bishaaniif inarjii biyyoota sadanii afeeraniiru jedhan Injinar Silashii (PhD).
Akka fuula tiwiitaraa isaaniirratti barreessanirratti ekispertoonni AU, taajabdoonniifi ekispertoonni biyyoota sadaniis ni maricharratti ni hirmaatu.
"[Abbayyaa] qabeenya bishaanii daangaa qaxxaamurudha; Hidhaan Haaromsaa Abayyaa ammoo Itoophiyaaf pirojektii bu'uura misoomaa baayyee barbaachisaa inarjii maddisiisudha. Kana malees, biyyoota gajjalaa jiran keessattis misooma kan deeggaruufi lolaafi goginsa ittisuudhaan qabeenyi hedduu barbaadamu kun qixa sirrii ta'een akka faayidaarra ooluuf kan gargaarudha," jedhan.
"Itoophiyaan akkuma yeroo hundaa fayyadama [bishaan kanaa] osoo miidhaa guddaa hin qaqqabsiisiin qajeelummaan, walqixxummaafi qixa sirrii ta'een akka ta'u barbaaddi."
BBC Arabic gaaffiifi deebii Kaayirootti ambaasadddara Itoophiyaa Maarqos Takilee waliin taasiseen akka jedhanitti Itoophiyaan ammallee mariifi waltumsuun furmaata waar'aa furtuu akka ta'etti amanti jedhan.
Hanga ammaatti dhimmoota parsantaa 80 ta'an irratti furmaanni agameera kan jedhan ambaasaaddarichi, mariin marsaa haaraa dura ta'aa haaraa Gamtaa Afrikaan (AU)n, DRCtti gaggeeffamuuf ta'u jira jedhan.
Itoophiyaan jalqabumaa qabdee dhimma kana irratti biyyota isaan ilaallatu waliin mari'achuun waliigalteerra gahama jettee amanti jechuun, " Kun filannoo itti fufinsa qabu jalqabaati jennee amanna," jedhan.
Marii gaggeeffamaa tureen waliigaltee "declaration of principles" jedhu bara 2015 mallatteessuu ibsuun, Itoophiyaan marii qaamolee idil-addunyaa waliin taasifamu didde hin qabdu jedhan.
Itoophiyaan hanga ammaatti waliigaltee bara 2015 irratti amanti. Hidha guutuun Masiris tahe Sudaan waan miidhe hin qabu.
Marii yeroo darbe Ameerikaatti gaggeefame maaliif akka addaan kutan ilaalchisuun, suuta suuta wixinee qopheessanii fiduun bulchiinsi Ameerikaa akka qaama gidduugalee araarsuutti of dhiyeessera jedhan Abbaasaaddar Maarqos.
"Kanaaf yaaddoo qabnu akkaataa adeemsa seera jiruun ibsanne. Gaafa waanti nu hin adeemsifne dhufu keessaa bane. Kana barbaannaa jenne."
'...bishaan Masrii keessaa eenyullee 'coba' tokko fudhachuu hin danda'u.'
Kibxata darbe Pirezedaantiin Masirii Abdel Fattaah al Siisii sababa Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun bishaan biyyi isaanii argattu hir'annaan 'naannicha keessatti waan hamaatu ta'a' jechuun akeekkachiisanii ture.
"Ammas irra deebiyeen jedha, bishaan Masrii keessaa eenyullee 'coba' tokko fudhachuu hin danda'u. Kun ta'ee argamnaan garuu naannicha keessatti tasgabbii dhabiinsa hin yaadamiinitu uumamuuf deema," jedhan.
Masiriin waldhabdeen pirojektii humna ibsaa baasii $5bn ta'een ijaaramaa jiruufi hariiroo biyyoota sadan gidduu jiru hammeesse kana irratti uumame marii Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti taasifamuun akka furamu cimsitee gaafachuu itti fufti jedhan.
Itoophiyaan garuu karooruma qabatteen Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa ji'a Waxabajjii dhufu yeroo roobni waqtii Gannaa jalqabu marsaa lamaffaa guutuuf akka jirtu dubbatte.
Haata'u malee, Masiriifi Sudaan ammoo osoo kun hin ta'iin dura waliigalteen tokko akka lafa jiraatu barbaadu.
Mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamaa jiru sababa Masiriifi Sudaan giddu-galeessummaa qaamota idil-addunya kanneen akka UN, Gamtaa Awurooppaafi USA barbaadaniif danqamee jira.
Itoophiyaan gama isheetiin mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamu akkuma Gamtaa Afrikaatiin jalqabametti itti fufuu qaba ejjennoo jedhu qabdi.