Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Haaromsaa: Ministirri Dhimma Alaa Masirii gaggeessitoota biyyoota Afrikaa waliin dubbachaa jiru
Ministirri Dhimma Alaa Masirii Saamiih Shukrii biyyoota Afrikaa gara garaatti imaluun gaggeessitoota waliin dhimma Hidha Laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirturratti dubbachaa jiru.
Saamiih Shukrii Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Masiriin qabduu beeksiisaa ergaa Pirezidant Abdul Fattaah al-Siisii qabatanii biyyoota Afrikaa ja'a daawwachaa jiru.
Akka odeeffannoon dubbi himaa ministeera dhimma alaa Masiriirraa argame agarsiisutti ministirri dhimma alaa Masirii hanga ammaatti Keeniyaa, Komoroosiifi Afrikaa Kibbaatti kan imalan yoo ta'u, yeroo itti aanutti ammoo gaggeessitoota Senegaal, Rippabilika Dimokiraatawa Koongoofi Tuniiziyaa arganii waliin dubbachuuf jiru.
Saamiih Shukrii imala isaanii biyyoota Afrikaa jalqabaan kan daawwatan biyya yeroo ammaa kana miseensa yeroo Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taate Keeniyaadha.
Aabba Shukrii turtii isaanii Keeniyaa kanaan Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataa waliin walarguun dubbataniiru. Ergaan Pirezedant Al-Siisiis Pirezedant Uhuruu qaqqabiisaniiru.
Waajirri Pirezedaantii Keeniyaas, Pirezedaant Uhuruu Keeniyaataa, ministira dhimmi alaa Masirii waliin fedhii biyyoota lamaaniirratti, keessattuu qabeenya uumamaa waloo ta'an irratti faayidaa waloo biyyoota arditiirratti mariyataniiru jedhameera.
Ergamaan addaa Masirii kun, Keeniyaan miseensa yeroo Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) ta'uu yaadachiisuun, waldhabdee biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa ta'an gidduutti dhalatan dandeettii furuu akka qabdu Masiriin ni amanti jechuu isaanii Waajirri Pirezidaantii Keeniyaa fuula tiwiitara isaarratti baaseera.
Anga'aan kun turtii Keeniyaatti taasisaniin booda gara Komoroositti kan qajeelan ta'uu, dubbi himaan ministeera dhimma alaa biyyattii Ahimad Hafeez ibseera.
Dubbi himaan kun ministirri dhimma alaa pirezedantii Komoroos Azaalii Asumaaniitiin ergaa Pirezedant Al-siisiin erganis qaqqabsiisuu himeera.
Afrikaan Kibbaa ammoo biyya Saamiih Shukrii sadaffaarratti daawwatanidha. Ministirri dhimma alaa Masirii kun pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin wal arguu isaanii dubbi himaan biyyattii kun beeksisaniiru.
Saamiih Shukirii turtii Pirezedant Raamaafoosaa waliin taasisaniin mariin dhimma Hidha Haaromsaarratti taasifamu maalirra akka jiruufi ejjennoo Masiriis ibsaniiru.
Kun kanaan osoo jiruu, Itoophiyaan dhimma marii Hidha Haaromsaa biyyoota sadan gidduutti taasifamu miseensota Mana-maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitiif xalayaa barreessiteetti.
Xalayaan Itoophiyaa, Manni-maree Nageenyaa Masiriifi Sudaan haala Hidhaan kun itti guutamuufi oppireeshinii ilaalchisuun akka gara maree sadansaanii gidduutti gaggeeffamutti akka deebiyaniifi jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin akka kabajaniif dhiibbaa akka taasisan kan gaafatudha.
Xalayaa Pirezedantii Mana-maree Nageenyaa yerootiif barreeffameen, ministirri dhimma alaafi ministirri muummee itti-aanaa Obbo Dammaqaa Makonnin, mariin jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin taasifamu rakkoo Afrikaatiif fala Afrikaa ilaalcha jedhuun deeggarsa Mana-maree Nageenyaa argatee akka ture yaadateera.
Haata'u malee, Masiriifi Sudaan ilaalcha qajeelaa qabaachuun waliigaltee hunda fayyadamaa taasisu irra gahuudhaaf mariitti hin jiran jedheera.
Dhimmichis bifa "idil-addunyaa akka qabaatuuf" Itoophiyaarratti dhiibbaa geessisaas jiru jedheera.
Ministirri dhimma alaa xumura xalayaa isaanii kanaan, Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisuuniifi marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeefamu cinaatti dhiisuun, biyyoota sadan gidduutti wal amantaa dhabuu uuma jedheera.