Filannoo Itoophiyaa 2021: Paartiin mormituu filannoo Itoophiyaa gaggeeffamaa jirurratti yaaddoon qaba jedhe

Paartilee morkattootaa filannoo biyyaalessaa 6ffaa kanarratti hirmaataa keessaa tokko kan ta'e paartiin Haqa Hawaasummaa Lammilee Itoophiyaaf (IZEMA)n, naannoo Kibbaa keessatti filannoon 'waliin dha'ameera' jechuun mootummaa himate.

Miseensi IZEMA naannoo Kibbaa magaalaa Hawaasaa tokko akka rippoortara BBC achi jirutti himetti taajjabdoonni paartii isaatiin ramadaman 'kaadiree mootummaatiin bakka buufamaniiru' jedhe.

Miseensi IZEMA Asaffaa Wandimmuu naannoo Kibbaa godina Guraageetti namoota maqaa 'IZEMA' jedhu baajii isaaniirratti barreeffatanii taajjabaa jiran hin beeku jedhe.

Asaffaan itti dabaluun, waraqaan filannoo tokko tokkos yeroo godina Guraagee qaqqabanitti hojiin ala ta'aniiru jedhe.

Dubbi Himaan IZEMA, Naatinaa'el Fallaqaa, BBCtti akka himetti, himannaawwan jedhaman hanga tokko paartichi hubateera jedhan.

"Wanta Hawaasaatti ta'e quba qabaachuu baannullee, wanta godina Guraageetti mudate hanga tokko odeeffannoo ni qabna," jedhe Obbo Naatinaa'el Fallaqaa.

Haata'u malee, dhimma kana irratti Obbo Naatinaa'el yaada bal'aa kennuu hin barbaadne.

Walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Birtukaan Miidhagsaa paartileen mormitootaa hangi tokko yaaddoo qaban kaasaniiru jedhan.

Birtukaan ibsa akkaataa filannichi itti deemaa jirurratti kennaniin, yaaddoo paartileen mormitoota kaasan kana, "paartii biyya bulchaa jirurraa kan hafe paartileen hundumtu, keessumaa naannoo Amaaraa irraa komii qaban nuuf ergaa jiru," jiru jedhan.

Walitti-qabduun kun miseensonni paartii biyya bulchaa jiruu filannoo keessa seenuu hin barbaachifnerraa akka of qusataniifis gaafataniiru.

Akka Birtukaan jedhanitti, bakkeewwan tokko tokkotti keessumaa naannolee Amaaraafi Kibbaa keessatti raawwachiftonni paartilee siyaasaa bilisaan socho'uu akka hin dandeenyeefi maaltu lafarratti ta'aa akka jiru taajjabuu hin dandeenye.

Komii rukutamuufi buufata filannoo akka hin seenne dhorkamuu jedhanis akka isaan qaqqabe walitti-qabduun Boorichaa himaniiru.

Dura Ta'aan IZEMA Birhaanuu Naggaa (Ph) gama isaaniitiin, rakkoon darbee darbee jiraatu guddaa ta'ee jijjiirama ykn dhiibbaa sagalee ummataarratti fidu hin ta'u jedheen abdadha jedhan.

Gamtaan Awurooppaa (EU)n filannichi sadarkaa addunyaa hin guutu jechuun taajabdoota erguuf ture haquu isaarratti yaada akkamii akka qaban kan gaafataman Dr. Birhaanuun, "Amanamummaan filannichaa wanta nuti hojjennerratti hundaa'a malee wanta US ykn biyyi biraan jedhe miti. Filannoo kana nuti hawaasa idil-adunyaatiif jennee osoo hin taane ofiif jennee amanamaa taasisna," jedhan.