Filannoo Itoophiyaa 2021: Boordiin Filannoo rakkoowwan filannoorratti muatan jedhe hiikaa jiraachuu hime

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Birtukaan Miidhaksaa haala filannoon itti deemaa jiru ilaalchisuun ibsa kennaniin "Guyyaan har'aa filattootaaf, paartileef akkasumas biyya keenyaaf guyyaa gaariidha,'' jedhan.

Qondaalli boordii filannoo kun haala amma jiru wayita ibsan, "Hanga ammaatti kan nama gammachiisuun rakkoon nageenyaaa nun mudanne," jedhan.

Naannoo filannoo Amboo 1 buufata filannoo tokko qofatti raawwachiistotni filannoo odeeffannoo isaan qaqqabeen akka bakka sanaa deeman taasifamaniis garuu rakkoon mudate hin turre jedhan.

Buufatichatti adeemsa filannoo deebisanii akka jalqabsiisan amantaa qaban himaniiru.

Akka biyyaatti buufataalee filannoon itti taasifamu keessaa harki caalmaan yeroodhaan adeemsi sagalee kennuu eegalame jedhan.

"Finfinneerratti buufataaleen filannoo 9 raawwachiistotni buufata filannootti argamuu dhabuusaaniitin buufataalen osoo hin banamiin turaniiru," jedhan.

Buufataalee kunneenitti raawwachiistota haaraa 27 ramaduun adeemsi filannoo eegalameera.

Magaala Finfinnee keessa buufata filanoo tokko keessatti galmeen filattootaa tokko badeera. Kuni garuu filattoota rakkoo keessa kan galchu miti jedhan.

Galmee haaraa erguun kaardii galmee filannoo fudhatan ilaalaa akka filatan taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Iddoowwan tokko tokkotti hanqinni meshaalee isaan mudachuu kan himan Burtukaan Midhaksaa, waraqaa filannoo mana maree naannoorratti kan mudate ta'uu himan.

Rakkoon kun keessattuu naannoo Benishaangul Gumuz magaala Asoosaatti mudachuu himuun waraqaa maxxansiisuun xayyaaraan gara magaalichaatti kan ergan ta'uu himaniiru.

Iddoo tokko yookin lamatti raawwachiistootni Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa taajjabdoota waldaalee siiviilii simachuu didanii akka turefi boodarra garuu rakkinichi furamuu walitti qabduun boordichaa himaniiru.

Naannoo Kibbaa naannoo filannoo Uubaa Dabratsahaay jedhamutti buufata filannoo tokko keessaa meeshaan filannoo hatamuusaafi poolisii walin hojjetamaa jiraachuu himan.

"Naannoo Amaaraafi naannoo Kibbaatti bakka buutotni paartilee siyaasaa akka fedha isaanitti socho'aa akka hin jirre, reebamaa jiraachusaanii, baajin isaanii saamamaa akka jiru, gara buufataalee filannoo seenuu dhorkamaa akka jiran odeeffannoon nu qaqqabeera," jedhan.

Kunis rakkoo paartii biyya bulchuun ala paartilee morkattoota biroo mudachaa jiru ta'uu himaniiru.

Caasaaleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo kana hatattamaan akka furan walitti qabduun boordichaa gaafataniiru.

Rakkoon kun hanga tokko naannoo Affaar keessattis mul'achuusaa himaniiru.

Kaadhimamtootni paartii Baaldaraas mana hidhaa jiran hogganaa paartichaa Obbo Iskindir Nagaa dabalatee kunneen biroo sadii sagalee kennusaanii kan gaafataman walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa, "mana sirreessaatti buufata filannoo hin hundeessine," jedhaniiru.