Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nasa'n ergama lama gara pilaaneetii Venus erguuf akka jiru beeksise
Nasa'n ergama lama, kan haala qilleensaa fi teessumaa akkasumas waan Pilaaneetiin Viinas of keessaa qabu qoratu garas erguuf akka jedhu beeksise.
Ergamoonni lameen mata mataan maallaqi doolaara miiliyoona 500 kan ramadameef yoo ta'u, ergamni isaaniis bara 2028 fi 2030 gidduutti raawwata.
Hoogganaan Nasa Biil Neelsan, ''ergamoonni lameen kunneen pilaaneetii nuti waggoota 30 keessatti irra qubannee hin beekne bira deemuun haala achi jiru qoratanii nuuf himu,'' jedhan.
Pilaaneetii kana daawwachuun waan achi jiru qorachuun bara 1990 keessa xiyyaar-samii ''Magellan Orbiter'' jedhamuun raawwatamee ture.
Xiyyaar-samiin kun yeroo sana bara 1990-1994'tti haala waliigalaa teessummaa fi qabiyyee pilaaneetii Viinas qorachuun addunyaaf ibsee ture.
Ergamoonni lameen amma gara pilaaneetii Viinas imaluuf filataman kunneen dandeettiin beekumsa saayinsii fi hawaa isaanii sirnaan erga xiinxalamee booda kan filatamaniidha.
Viinas biiftuutti aantee pilaaneetii lammaffaa yoo taatu, sirna soolaarii keessatti pilaaneetii akkaan ho'ituudha.
Ho'i dirra ishii digirii seelshiyesii 500 yoo ta'u haalli qilleensaa ishee kun gosa sibiilaa lead jedhamu baqsuu danda'a.
Ergamni jalqabaa 'Davinci+' kan jedhamuudha.
Dheeratee yoo barreeffamu ''Deep Atmosphere Venus Investigation of Noble gases, Chemistry, and Imaging'' jedhama.
Ergamni inni kun haala qilleensaa pilaaneetii Viinas qorachuun haala uumama pilaanetii kanaa odeeffannoo addunyaan ga'a. Akkasumas Viinas irra garbii fi galaanni jiraachuu fi dhibuu adda baasa.
Ergamni inni lammaffaan 'Veritas' jedhama.
Kun ammoo yoo dheeratee barreeffamu ''Venus Emissivity, Radio Science, InSAR, Topography, and Spectroscopy'' jechuudha.
Ergamni inni kun ammoo dirra irra keessa pilaaneetii Viinas qorachuun seenaa uumama pilaaneetichaa addunyaaf ibsa. Pilaaneetiin kun akkamiin dacheerraa bifa adda ta'e qabaachuu akka dandeesses ni qorata.