Astiroonoomeroonni Nasa ergama buufata hawwaa idil-addunyaa xumuranii gara lafaatti deebiyan

Astironoomeroonni Nasa afur ergama hawaa idil-addunyaa (ISS) xumuran nagaan gara lafaatti deebiyan. Kun waggaa 53 keessatti astironoomeroonni ergamarra turan saatii halkaniin qubachuun isa jalqabaati jedhameera.

Astiroonoomeroonni afran kunneen keessaa sadii garee Nasa irraa tokko ammoo ejensii hawaa Jappaan Jaxa jedhamurraa yoo ta'an, turii ji'a ja'aaf hawwaarra taasisaniin booda gara lafaatti deebiyan.

Astinooroomeroonni kunneen rookeetii SpaceX Kiriiwu Diraagoon Resiiliyaansiin ture kan Filooriidaa magaalaa Panaamaa keessa sa'aatii 02:56 EDT (07:56 BST) irratti qubatan.

Jarri kun buufata hawwaa idil-addunyaa (ISS) keessaa dursanii ba'uuf karoora qabu ture, garuu haalli qilleensa Filooriidaa mijachuu dhabuusaatiin barfaanii ka'an.

"Gareen baraartota galaanarraa Goo Naavigaator jedhamu, bidiruu lama dabalatanii, Kiriiwu Diraagoon adeemsa baasuurra kan jiran yoo ta'u, kun ammoo carraaqqii nageenya rookeetii astironoomeroota qabattee jirtu mirkaneessuu gargaara," jedhe Nasan ibsa baaseen.

"Gareen bidiruu saffisaa kun erga hojii isaanii xumuraniiin booda, dooniin Goo Naavigaator jedhamu baraaruuf deemte kunis bakka sana qaqqabuun Kiriiwu Diraagon astiroonoomeroota waliin ol baastee mullisti."

Green kun osoo Pensaakollaa Filooriidaa irraa gara Hawustoon Teksaas osoo hin geeffamiin dura haalli fayyaa isaanii ni ilaalama jedha ibsi Nasa.

Gareen Nasa sa'aatii halkaniin gara lafaatti deebiyuun qubatte Apollo-8 turte. Apollo-8 halkan Mudde 27 bara 1968 kan gara lafaatti deebitee qubatte yommuu taatu, ergama rookeetii yeroo jalqabaatiif nama fe'attee Ji'arra qubattedha.

Ergamni hawaa dhiyeenya kanaa kun hojii Nasa fi SpaceX qaama Saganta Komershiyaal Kiruuti.

SpaceX qabeenya Eloon Maask yommuu ta'u, michuu daldalaa Nasa'n ittiin hawaatti balali'uu filatudha.

Nasa'n yeroo rookeetiin astiroonoomeroota qabatte kun ISS irraa kaatutti kallattiin kan waraabe yoo ta'u, suutuma suutaan yeroo imala ishee gara Dacheetti deebi'uu jalqabdu dukkana keessa seenaa dhufte.

Amallee astironoomeroonni torba ISS irratti hafnii kan jiran yoo ta'u, namoota afur torban darbe SpaceX birootiin achirra qubatan dabalata.

Rookeetiin kun yeroo kaatutti, astironoomeroota keessaa tokko kan ta'e Mikaa'el Hopkiins akkas jedhe: "Nu keessumsiisuu keessaniif galatoomaa. Dacheetti deebitanii wal arguuf jirra."

Astironoomeroonni kunneen - Hopkins, Viktor Giloover, Shaanoon Wookeriifi Soo'ichii Noguchii - Sadaasa darbe ture konkolaattuu SpaceX hojjeteen ergama guutummaatti ISS taasifameen kan gara hawaatti imalan.

Isa dura, Caamsaa 2020 keessa, astironoomeroonni US lama ergama yaalii gara ISS'tti taasisuun hanga Adoolessaatti achi turaniiru.

Kun ammoo erga sagantaa hawwaa bara 2011 tiin booda ergama US irraa gara hawwaatti taasifame isa jalqabaati. Isa dura ammoo astironoomeroonni Ameerikaa rookeetii Raashiyaatiin gara hawwaatti imalanii turan.