Nasa’n Addeessarraa dhagaa akka fidu dhaabbata tokkoof doolaara 1 kaffaluuf

Dhaabbati qorannoo hawaa Ameerikaa Nasa wal dorgommii booda, dhaabbati tokko dhakaa Baatii yookaan Addeessa akka guuree fiduuf doolara 1 kaffaluuf jedha.

Gaafa Kamisaa dhaabbati Lunar Outpost dhaabbata qorannoo hawaa US’f samuuda sassaabuuf kontiraata argateera.

Kun kontiraatoota arfan Nasa’n samuudota Baatii gatii gadi aanaan sassaabuuf badhaase keessaa tokkodha.

Kanneen kontiraatota kan mo’atan biroon dhaabbata Kaaliforniyaa jiru Mastern Space System jedhamuufi kan Tokiyoo jiru fi damee isaa Awuroppaa ispace jedhamudha.

Nasa’n dhaabbilee kanaaf biyyoo ykn dhagaa ulfaatina giraama 50 fi 500 gidduu jiru sassaabaniin tokko tokkoof kaffalaafi.

“Dhaabbileen kun erga samuuda sassaabanii booda ragaa argamuu fi odeeffanoo biroo argatan waliin nuuf kennu,” jedhan dubbi himaan Nasa.

“Karoorri kun imala 2023tti taasifamuuf jirudha, garuu dhaabbilee adda addaa biroo waliin hojjachaa waan jiruuf guyyaan imalaa as dhiyaachuu danda’a,” jechuun Hogganaan Lunar Outpost Jastin Saayiras BBCtti himeera.

Dhaabatti robootiksi Lunar Post kibba Baatii irraa dhakaa sassaabuuf doolara 1tu kaffalamaafi.

Dhaabbilee kanneen hojichaaf kan s'eessu kaffaltii maallaqaa kan miti. Kaampaaniiwwan kunniin bu’aa argatan biraa qabu.

Fakkeenyaaf qorannoo saayinsii imala kanaaf barbaachisan, kan akka wantoota Baatii irraa akka funaanuu akka shaakalan gargaaru qaba.

Dhaabbati kun dhabbilee akka Blue Origin fi biroo hedduu kan gara Baatiitti imaluu irratti hojjechaa jiran waliin haasa’aa jira.

Kun waa’ee maallaqaa miti

“Gatiin hanga doolaara tokkittillee fakkeenya barbaachisaa Nasa’n qopheessedha,” jetti ogeessi hawaa Sinead O’salivaan.

“Kun wanti gatii mallaqaa qabu osoo hin taane, gabaa daldaltoota Lafaa irraa darbuun uumuun aadaa daldalaa fi seeraa uumuudha,” jetti.

Waliigalteen kanaan dhaabbileen sadan kun sadarkaa sadiin kaffaltii argatu.

Fandiin badhaasa kanaa %10 yeroo dorgommicha injifatanitti, %10 yeroo dhaabbatichii rokeetii samuuda sassaabuuf ergu, kan hafe %80 ammoo yemmuu Nasa’n samuuda dhabbileen kun argatan mirkaneessudha.

“Doolarri 1 kun kaffaltii xixxiqaa garuu barbaachisaa sadii doolara 0.10, 0.10 fi 0.80’n nuuf kaffalama,” jechuun Saayres ni qoosa.

Beeksisi Nasa kun Kamisa kan taasifame yemmuu ta’u, kun yeroo Chaayinaan hojii samuuda Baatii sassabuu ofii ishee gaggeessu eegaltettidha.

Rokkeetiin Chaayinaa Chang’e-5 jedhamu amma samuuda sassaabee baatii irraa gara Lafaatti deebi’aa jira.