Zaambiiyaan hidhamtoota umurii guutuuf boqonnaa torban lamaa kennuuf

Madda suuraa, Getty Images
Zaambiyaatti sirreeffamtoonni umurii guutuu itti murtaa'e erga qoratamanii booda ''naamusa gaarii'' agarsiisan maatiisaanii akka doowwataniif boqonnaan torban lamaa argachu akka jalqaban beeksiifte.
Haala seera haaraa pirezidaanti biyyattii Edigaar Lunguun mallattaa'een akka jedhameetti, sirreeffamtoonni hawaasaarraan balaa hin qaqabsiisan jedhaman filatamuun hayyamni ni kennamaaf.
Kanneen balleessaa isaaniitti gaabbaniifi gocha yakkaa irraa of qusatan ni hiikamu, jedhan Janaraalli Komishinarii Zaambiyaa Chiiselaa Chileshe.
Haata'u malee yoo Tajaajjilli Mana Sirreessaa biyyatti barreeffamaan Pirezidaantii Mr Lunguu biyyatiitiif mirkanneessee sirreeffamtoonni carraa kanatti ni fayyadamu.
''Garuu ammoo yakka yoo raawwatan hayyamnii isaanii jalaa mulqama,'' jedheera.
''Janaraalli Komishinarii akka jedhaniitti sirreeffamaadhaaf bahee dhimmoota dhuunfaa isaa akka hordofan, maatii akka gaafatuuf yeroo kennuun kunis haalawwan irratti hundaa'un waajjira Janaraala Komishiinaraatiin kan murtaa'uudha'' jedhan.
Haata'u malee seera kana lammiilee Zaambiiyaa hundi haala gaariin ilaalaa hin jiran. Muraasni isaanis ''yakkamtootaaf'' boqonnaa bashananaa jechuu seera haaraa kana qeequun tiwitara irratti qoodan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Haata'u malee kanneen adeemsa sirreeffamtoota umurii guutuuf torban lamaaf akka boqonnaa argatan yaaadame kana deeggarsanis hin dhabamne.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2












