Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sheek Jaarraa - ollaa lolli balaafamaa Israa’elii fi Paalestaayiin irraa ka’e
- Barreessaa, Paul Adams
- Gahee, BBC Diplomatic Correspondent, Jerusalem
Lafti lalisaa mooraa Samiiraa Dajaanii fi Adeel Budeerii odola qofaasaa jiru fakkaata. Biqiloota kuduraafi muduraa urgaa gaarii qaban bakka lolaaf sababa tahe kanatti argattu.
Manni dhakaa abbaa darbii tokkoo Samiiraafaa Baha Yeruusaaleem ollaa Sheek Jaarraa jedhamu manneen 14 jiraattota Paalestaayin 300 qubattoota Yuhudotaaf jecha buqqaafamuu yaadda’an keessa jiraatan keessaa tokko.
Dubbiin kunis Mana Murtii Waliigalaa Israa’el gaheera.
Adeemsi seeraa kuni Yeruusaalemitti hokkarri dhiyoo kana Israa’elii fi gareee hidhataa Paalestaayiin Hamaas gidduu yeroo ka’u dhaabbate.
Balaansaa garuu waan fagaaate deemu hin fakkaatu.
Adeel, ’’mana kanatti yeroon gammachuun dabarsine hafuuf deema. Yeroo lammataaf baqattoota taana,’’ sodaa jedhun qaba.
Maatiin lamman isaanii yeroo waraana walabummaa Israa’el bara 1948tti Lixa Yeruusaaleem irraa buqqa’an. Manneen maatii isaanii fageenya kiloomeetira muraasa irratti argamu.
Seerri Israa’el garuu tasumaa akka isaaniif kennamuu hin dandeenye hima.
Bara 1950tti piroojektiin Joordaan tokko Sheek Jaarraatti Paalestaayinoota buqqa’aniif mana akka ijaaru UN qarshii kenneef. Haa tahu malee, gariin lafa kanaa otoo Israa’el biyya hin tahiin dura qabeenya waldaalee Yuhuudota lamaa ture.
Erga Israa’el Baha Yeruusaaleem Joordaan irraa fudhatteen booda, bara 1967 yeroo waraana guyyaa jahaa waldaaleen lameen kunneen qabeenya isaanii deebisifachuuf tarkaanfii seeraa fudhatan.
Lafti wal-dhibdee qabu kuni dhiyoo siidaa awwaalchaa luba olaanaa Yuhudootaa kan ture Siimoon Isa Tolaa jedhamutti argama.
Gareewwan lafa kanatti qubatan lubichi kansaanii tahuu himuun Paalastaayinooti seeraan ala as qubatanii jedhuunii. Asitti waan hubatamuu qabu, seenaan wal-xaxaa abbummaa lafa kanaa sababa lola amma biyyoota kunneen hammacuuti.
Daandiin naannichaa callisaa dha. Tahus muddamni yeroo Ramadaanaa dhalatee hanga lola guyyoota jalqabaa Hamaasii fi Israa’eel mallattoowwan agarsiisan jiru.
Dhuma daandii hundarratti keellaan jira. Qubattootni Israa’el bilisummaan socho’u, lammii Paalestaayin yoo taateefi achi hin jiraattu yoo tahe garuu galuu hin dandeessu.
Manneen mul’atan keessaa edada nooraa dibame tokkorra fakkiin kaartaa Paalastaayiin bara 1948 turte agarsiisu kaafameera.
Kaartichi guftaan aadaa Arabootaa irratti marameen bocame. Dhaadannoon, ‘’Ollaa jabduu Sheek Jaarraatti baga nagaan dhuftan,’’ jedhu irratti barreefameera.
Ededa isa kaanirra immoo maqaan maatii bal’aa 28 achii buqqaafamuu yaadda’aa jiranii barreeffameera.
Gama faallaan immoo manni waggaa 10 dura qubattoota Israa’eliin fudhatame alaabaa Israa’el ofirraa mallattoo urjii Daawwit qabu fannifameera. Kana malees kaameeraawwan eegumsaa baayyeen kaa’amaniiru.
Qondaalotni Israa’el dubbiin Sheek Jaarraa dubbii lola ‘Riil Isteetii’ irraa waan darbu miti Yuhuudootni achi qubatanis seera isaanif falmu qabu jedhu.
Bara 2003tti waldaaleen Yuhudotaa lamaan mirga abbummaa lafa sanaa dhabbata Naahaalaat Shimoon Ltd jedhamu, kan teessoo isaa Ameerikaa godhateefi qubattoonni Yuhudotaa gara naannolee Paalastaayiin Jeruusaalemitti akka godaanan jajjabeessutti gurguran.
‘’Maatiin gatii kiraa otoo hin kaffaliin jiraatan ni buqqa’uu,’’ jedhu kantiibaawwan itti-aanoo Yeruusaaleem keessaa tokko kan tahan Fileer Hasaan-Naahoom.
Kanas murtoo mana murtii falmisiisaa bara 1987tti abbaa qabeenyummaa lafa sanaa waldaalee lamman Yuhudotaaf erga kenneen booda Paalastaayinooti garuu kireeffattoota mirgi isaanii eegame tahanii itti fufu jedhu eeruun dubbatu.
‘’Maaliif Baha Yeruusaaleem, Juudeenriin akka taatu barbaadan hin naan galu,’’ jedhu kantiibaan kuni. Juudeenriin jecha Naaziin Awurooppaa Yuhuudota irraa bilisa gochuuf fayyadame dha.
Yeroo sooma Ramadaanaa darbe kana Sheek Jaarraa keessatti dheekkamsatu ka’e.
Lolli waggaa kudhan guutuuf jiru hokkora guddaatti geeddarame.
Masjiida al-Aqsaa dhiyoo jirutti rakkoo hammaataatu ture. Yeruusaaleem waan ibiddi qabate fakkaatti ture.
Carraa kanatti fayyadamuun Hamaas Paalastaayinoota biratti fudhatamummaa isaa jabeessuu barbaadu, daandii Gaazaatti bahuun rookeetii kallattiin magaalattiitti dhukaasuu jalqabe.
Yeroo guyyaa 11 booda dhukaasa dhaabuun labsamu, Paalestaayinooti Yeruusaaleem jiran Hamaas mo’ate jechuun ayyaanefachaa turan.
‘’Sheek Jaarraan sababa hokkoraa tahuun waan akka tasaa uumame miti,’’ jedha qubannaa Yuhudotaa irratti waggaa 30f kan hojjetaa ture ogeessi seeraa Israa’el Daani’eel Seedmaan.
‘’Tattaaffiin jabaa Paalestaayinoota buqqisuu fi qubattoota Yuhuudotaa Macaafa Qulqulluu keessatti eeraniin bakka buusuutu jira. Kanatu tahaa jira.
Bara 1948tti Yuhudootnis Araboonnis buqqa’anii turan, isa booda garuu dubbii tokko hin taane,’’ jedha.
‘’Magaala tokko qabda, lola tokko qabda, saboota lama, lammeenuu qabeenya dhabaa jiru.’’
‘’Gariin qabeenyasaa deebifachuu danda’a, inni tokko immoo hin danda’u. Cubbuun Sheek Jaarraa inni jalqaba kana,’’ jedha ogeessichi.
Seedmaan akka jedhutti gandi Arabootaa afur, lama kan Sheek Jaarraa keessa jiruufi lama gara kibbaa kan Silwaan keessa jiru dha.
Kunis yaalii Israa’el waraana 1967 booda Paalestaayinoota Yuhudotaan bakka buusuuf taasistu agarsiisa jedha.
Dubbiin akka meeshaa ibidda dhukahu of keessaa qabuuti. ‘’Dhimma waanta ‘radioactive’ jedhamus ilaalaa jirra jedha ogeessi seerra kuni.
Adeeliifi Samiiraan goorroo lalisaa isaanii keessa taaa’anii gaafa Hagayya tokkoo achii akka buqqa’an isa itti himameef yaadda’aa jiru.
Mana waggaa 47 keessa jiraatan hambifachuufi dhiisuun isaanii baatii muraasa keessatti barama.
Adeel lolli kuni loogii qaba jedha.
‘’Amma kan ifa nuuf tahe nuti kan lolarra jirru qubattoota waliin osoo hin taane mootummaa wajjin,’’ jedha.
‘’Mootummaa Israa’el loluuf immoo humna hin qabnu,’’ jedha.
Hamaasis egeree Yeruusaalemiif lola taha garuu haalli kuni maatii Sheek Jaarraa 28’f akkuma durii yaaddoo dha.