Godaansa: Reeffi daa’immaniifi dubartootaa qarqara galaanaatti argamuun rifaatii uume

Suurawwan reeffa daa’immaniifi dubartoota galaana keessatti du’anii Libyaa qarqara galaanaatti argamanii dhaabbataa gargaarsa Ispeeniin qoodameera.

Dhaabbati Mit-mootummaa Proactiva Open Arms jedhamu suuralee kana kan argatan Liibiyaa keessaa yoo ta’u, namootni kun godaantoota Awurooppaa seenuuf daandii hamaa galaana Meditarayaanii fayyadamanidha jedhameera.

Suuralee kana irratti reeffa da’immaniifi dubartootaa bookokee gariin cirrachaan awwalamee jiru mul’isa.

Waggaa kana godaantonni yoo xiqqaate 743 ta’an galaana Meditareeniyaanirratti du’aniiru.

Akka gabaasa Dhabaata Godaantoota idl-addunyaa UNn ba’een bara 2021tti qofa godaantonni 689 giddu-galeessa galaana Meditaraaniyaatti du’aniiru, bara 2020tti ammoo guutummaa galaanichaatti namoota 239 qofatu du’e.

“Rifannaa guddaa keessa jirra,” jechuun Dubbii himtuun Open Arms, Loora Lanuzaa BBCtti himteetti.

“Yeroo namootni Libyaa irraa baqachuu yaalan, akka ofirra deebi’an ykn akka galaana Meditaraaniiya irratti danqaman godhamuu hin qabu. Lubbuu namoota galaanarra jiraniii eeguuf, hojiin barbaachaafi lubbuu baraaruu gaggeefamuu qaba.

“Meditaraaniiyaan bakkaa awaalchaa addunyaa isa guddaa ta’eera,” jetti. ”Akkas ta’uu hin qabu.”

Suuraalee kana arguun Ministirri Muummee Xaaliyaan Maariyoo Diragii,“ Suuralee reeffi ijooleefi daa’immanii gargaara galana Liibiyaatti mul’achuun isaa fudhatama hin qabu,” jedhan.

Suuralee maxxanfaman keessa tokko reeffa daa’ima uffannaa galgalaa uffatee jiru agarsiisa. Cirachii gariin reeffa isaa dhokseera.

Suuraan biraa ammoo reeffa dubartii surree magariisa uffattee, tishartiinshee fuula ishee haguugee ciracharratti diriirtee jirtu mul’isa.

Oskaar Kaampis hundeessaa dhabbata Proactiva Open Arms’dha. Wiixata suuralee reeffa ‘ijoollee fi dubartoota fedhii fi abjuu jiraachuu qofa qabanii’ kana Tiwitara gubbatti maxxansee, reeffi isaani guyyaa sadiif achummatti dhiisamee akka ture barreeeera.

Gazeexxessituun Naansii Porsiyaa – kan suuralee kunneen internata irratti qoodde – garuu akka Tiwiitara irratti maddileen ishee Sanbata reeffa kana arganii angaa’ota beeksisuun, isaanis guyyuma sana lafa awwalchaa Abu Qamaashitti akka awwalaniin barreessitetti.

Lakkoofsi godaantootaa Meditaraniyaani ce’uun gara Awurooppaatti imalanii dabalaa jira. Wagga kana qofa godaantonni 13,000 ta’an Xaaliyaan seenaniiru.

Haalli qilleensa naannicha amma jiru qabbanaa’aa ta’uun isaa namootni dabalataan gara sanatti akka imalan taasisa sodaan jedhu dabaleera.

Torban darbe ammo da’immman dabalatee godaantonni 8,000 ta’an Moorokoo irraa ka’uun gara Ispeen, Kewutaa seenuu yaalaniru. Aanga’oonni goodantoota kumaatamaan lakka’aman duubatti deebisaniiru.

Bara 2015tti suuraan reeffa daa’ima ganna sadii Aylan Kurdii addunyaa dheekkamsiiseera.

Da’imni Siiriyaa kun maatiin isaa gara Awurooppatti ce’uu erga yaalanii booda reeffii isaa Tarkiitti ciraachaa keessa ciise argame.