Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaansa Ijoollee: Suuraan jalqabaa buufata hidhaa bara bulchiinsa Baayiden mul'ate
Bulchiinsi Baayiden erga suuraan buufata mana hidhaa Teksaas keessaa bahe ijoolleen walitti baay'achuun lafa ciisuu agarsiisee buufata dabalataa godaantotaaf akka banu hime.
Buufatni Teksaas, bakka Doonaa jedhamu mootummaan gaggeessu daangaa US fi Meksiikoo irra jirtu namoota 1,000 simatteetti.
Suuraan haala akkasii agarsiisu kun erga Joy Baayiden aangoo qabatanii isa jalqabaati. Qeeqxotni ammoo godaansi seeraan alaa gara Ameerikaatti taasifamu akka malee dabaluu isaaf Baayideniin himatu.
Ji'a Amajjii keessa erga aangoo qabatanii as dhorkaawwan tokko tokko namoota US seenan irratti bulchiinsa Tiraampiin darbanii ture kaasaniiru.
Bulchiinsi isaanii imaammata ijoollee maatiin waliin hin jirre daangaa irratti simachuun tursiisanii maatii US keessaa ispoonsera tahaniif mijeessuu irra duubatti akka deebi'an jedhus haqeera.
Wiixata darbe, barreesituun Waayit Haawus Jeen Psakii bulchiinsi Ameerikaa namoota biyya isaanii seenaniif bakka turtii guyyootaafi torbanoota dhufan keessatti dabalataan akka qopheessu himaniiru.
''Bakkeewwan ijoolleen tajaajila fayyaa argatan, meeshaalee barnootaa akkasumas tajaajila seeraa argatan,'' qopheessina jedhan.
Yaada kana kan kennite erga miseensa koongireensii Teksaas, Heenerii Kuulaariin suuraan kun gadhiifameeti. Miseensi paartii Dimokiraatotaa kun suuraa ijoollee lafa firaashii haphii irra uffata halkanii gaarii hin taane uffatanii ciisan maxxanse.
Suuraan torban irra kaafame kunis yeroo weerara koroonaavaayirasii kanatti yaaddoo fageenya isaanii hin eegganne jedhus kaaseera.
Buufataaleen Ittisaafi To'annoo Dhukkubaa US [CDC] dhukkubichi akka hin daddabarreef namootni meetira lama wal irraa fagaachuu qabu jedha.
Mr Kuulaar namootni buufaticha keessa galfaman pilaastikaan gola saddet walitti heddummachuun qoodameera. Aktivistootni ammoo namootni buufaticha keessa jiran nyaataafi saamunaa gahaa hin arganne jedhan.
"Suuraaleen kunneen waanuma yeroo dheeraaf dubbataa ture agarsiisa. Bakki eegumsa daangaa kun ijoolleef bakka turtii tahuu hin dandahu,'' jette Psakiin.
Erga Baayiden aangoo qabatanii Gaazexessitootni gidduugala hidhaa sana seenuun akka hin ilaalle dhorkamaniiru. Tahus Waayit Haawus akka eeyyamu ibsee ture.
Abbootiin seeraa ijoollee bakka bu'anii fi seera baastotni bakkicha daawwatan haalichaan akka miidhaman himaniiru.
Yeroo dhiyoon as lakkoofsi ijoollee maatii malee godaananii dabalaa jira. Mootummaan Ameerikaa Meksiikoo fi Guwaatameelaa waliin hiyyummaa fi walitti bu'insa dabalatee madda rakkichaa irratti hojjechuuf akka jedhus ibseera.
Erga Joy Baayiden aangoo qabatanii as gara Kibbaan lakkoofsi godaantotaa ijoollee maatiin waliin hin jirre kanneen buufata hidhaa immigireeshinii US keessa tursiifamanii dabalatee daangaa US galanii haalaan dabalee jira.
Erga ji'a Amajjiin as pirezidaantichi ijoolleen maatii isaanii waliin akka walitti makamaniif ajajaniiru. Kun ijaarsa dallaa daangaa Ameerikaa fi Meksiikoo dhaabuun sagantaalee seeraa immigireeshinii irra deebiin ilaaluufis murteesseera.
Buufataaleen bara bulchiinsa Tiraampi gariin haareffamuun kaan ammoo fooyya'uun ammas tajaajilaaf oolaniiru.