Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaantota Kaaravaan: daangaa US-Meeksikootti loltootni 'waraana hin hidhatan'
Barreessaan raayyaa ittisa biyyaa US Jeemsi Maatiis, loltootni isaanii godaantota Kaaravaan ittisuuf daangaa US-Meeksikootti argaman waraana hin hidhatan namas hin hidhan jedhan.
Harka isaanirra meeshaan waraanaa hin jiru, qaama hidhate waliin falmu miti'' jechuun Maat kaleessa miidiyaaletti dubbataniiru.
Loltootni gara daangaatti bobbaafaman eegdota daangaarra balaan akka hin geenye gargaruufis jedhan.
Konkolaattotni godaantota gidduugaleessa Ameerikaa 3,000 fa'atanii turan magaala daangaa Meeksikootti argamtu Tiju'aana gahanii jiru.
Godaantotni kunniin biyyoota irra dhufan keessatti hiyyummaa, dararaafi jeequmsa jiru baqatanii bahan. Hedduun isaanii Hunduraas, Guwaatimaalaa fi Elsaalvadoor keessaa dhufan.
Preezidant Traamp garuu godaansa kanaan weerara ittiin jedheera. Kanumaafis loltoota dabalataa 5,800 gara daangaa kibba biyyattiitti ergeera.
Maatis gaazexessitootatti akka himanitti muummeen nageenya biyyaalessaa loltootni humna hangaan olii akka fayyadaman hayyama hin gaafanne jedhanii ''waayee isaa hin yaaddahiinaa'' jedhan.
Loltootni gaachana fi ulee qabatan yeroodhaaf godaantota daqiiqota muraasaf hidhuu angoo isaan dandeessisu qabu sa'aa tokkoyyuu guutuu hin qabu jedhan.
Godaantotni maal fedhu?
Godaantotni kuun hegeree ofiifi maatii isaanii bareechuuf jecha biyya isaanii dhiisanii godaansatti qajeelan.
Gariin isaanii biyya isaanii keessatti garee yakka dalaguuf gurmaa'aniin dhibbaan irra gaheera. Hedduun isaanii ijoollee isaanii qabataniigodaansatti bahan.
Kaan isaani hojii kaffaltii gaarii qabu argachuun maatii isaanii biyyatti hafan maallaqaan garaaguu abdachuun imalatti murteessan.
Hedduun abjuun isaanii US galuudha. gariin maatii achii qabanitti makamuu abdatu, kaanis jireenya isaanii fooyyefachuu.
Ammaan duras lammiileen biyyoota giduugaleessa Ameerikaa gara US galuuf kan yaalan ta'us imalli godaantotaa inni alanaa haalan xiqqo adda jedhameera.