Wayiniin qaruuraa tokko hawaarra bahee Dachee naanna'e dolaara mil. tokkotti gurguramuuf

Wayiniin Firaans buccuulleen/qaruuraan tokkoo kan hawaarra bahuun waggaa tokkoo oliif Dacheerra marsaa turte gurgurtaaf dhyaatte.

Wayiniin kun dhaabbata Fireench wayinii omishuun addunyaa irratti beekamaa ta'e 'Petrus' jedhamuun bara 2000 keessa omishame.

Kanaaf, qaruuraa Petruus 2000 jedhameera. Wayiniin qaruuraa Petruus 2000 kun ija wayinii guraacharraa kutaa Firaans Boordoo jedhamu keessatti hojjetame.

Qaruuraa Petruus 2000 dacheerra [orbiitiin] naanna'uudhaaf ji'oota 14 itti fudhateera. Akka Dacheerra naanna'u kan taasifameefis, akka qaama qorannoofi qo'annoo nyaataafi qonnaa baasii dhuunfaatiin gaggeeffamuu tokkoo ta'eetti.

Kibxata darbe wayiniin kun karaa gurgurtaa dhuunfaatiin akka gabaaf dhiyaateeru dhaabbanni caal-baasii Kiristiis jedhamu beeksiseera.

Caal-baasii kanaanis wayinii kana gurguruuf gatii dolaara miliyoona tokkotu tilmaamame.

Kiristiis keessa kan hojjetuufi Wayinii irratti beekuma guddaa kan qabu Tiim Triptree, BBCtti akka himetti qaruuraan wayinii duraanuu baramaa ta'e tokko kan isa hawaarraan Dachee naanna'aa ture kana waliin baruma tokko keessa omishame (Petruus 2000) waliin gurgurama.

"Kun ammoo namni abbaa carraa ta'ee bitate dhamdhama lamaan isaanii wal bira qabee akka ilaaluu danda'uuf".

Dhaabbanni Ispees Kaargoo Anlimiitid jedhamu wayinii qaruuraawwan 12 Sadaasa 2019 keessa gara Buufata Hawaa Idil-addunyaa (ISS)tti erge.

Turtii guyyoota 400 ol hawaa keessaan booda, harkisa laaa (gravity) zeeroo ta'e keessatti Kiiloo Meetirii 300 ta'u KM imaluun, wayiniin kun Amajji 2021 dara Dacheetti deebiyeera.

Saayintistoonni wayinii kana kan qoratan yoo ta'u, gareen wayinii dhamdhamanis Bitootessa keessa Yunvarsiitii Boordootti wayinii hawaarra ture kana wal bira qabanii ilaaluuf wayinii yeroo walfakkaataa omishame yaalaniiru.

Gaazexessituufi barreessituun beekamtuu kitaaba Inside Bordeaux jedu barreessite Jeen Anson namoota muraasa carraa kana argatan keessaati.

"Gaariidha ykn gaarii miti jechuudhaaf anaaf rakkisaa ture. Haata'u malee, shakkii tokko malee garuu addadha," jechuun BBCtti himte. It's hard for me to say if it was better or worse. But it was definitely different," she told the BBC. "Urgaan isaa caalaa gara daraaraafi hawataadha - kun ammoo wayiniin Petus omishi yeroo turaa deema kanuma agarsiisudha.

Aadde Jeen Anson Petruus akka gara hawaa deemu gochuun filannoo sirrii ture jetti - sababiin isaa wayiniin kun addunyaarratti maqaa gaarii qabaachuufi umurii dheeraa turuu isaarraa kan ka'een kan maluufidha.

"Wayiniiwwan waggoota 60, 70 fi isaa ol turuu danda'an baayyeen hin jiran. Petrusis isaan keessaa tokkodha," jetti.

Harkisni lafaa (gravity0 zeeraa ta'e wayinii irratti dhiibbaa qabaachuu isaa, ykn yoo imalli isaa Dacheerraa deemuufi gara Dacheetti deebiyuun dhiibbaa irratti uuma kan jedhu ilaalchisee waan beektu akka hin qabne himti.

"Garuu garaa garummaan ifa ta'e ni jira," jechuun ibsiti barreessituun kun.

Qaruuraawwan wayinii kun kan gara hawaatti ergaman baasii dhuunfaa dhaabbata Ispees Kaargoo Anlimiitid jedhamuun yoo ta'u akka qaama sagantaa qorannoo Mission WISE jedhamuutti.

Hundeessaafi gaggeessaan dhaabbatichaa Nikkoolaas Gaa'umee sagantaan kun dhiibbaawwan harkisa lafaa zeeroofi hawaa xiinxaluudhaan, "qonnaafi nyaata Dachee irratti boriif barbaannu kalaquuf nu gargaara, jedhe.

Galiin amma Kiristiis gurgurtaa caali-baasii kanarraa argachuuf jirus qorannoo Ispees Kaardoo Alimiitid hawaarratti taasisu maallaqaan caalaa deeggaruuf gargaara, jechuun Mr Triptree BBCtti himan.

Qorannoon kun "wayiniin hawaa keessatti bahaa akka deemu" agarsiisas jedhan.

"Maaltu beeka, tarii astironoomeroonni gara fuula duraatti wayinii qabatanii gara hawaa deemuu danda'u ta'a!" jedhan.

Kun qaruuraa tokkicha gurgurtaaf dhiyaatedha. Sadan isaanii dhamdhamaaf banamanii turan. Qaruuraawwan hafan saddeti ammoo qorannoo gara fuula duraatiif ol kaa'aman.

Dhaabbanni firaans kutaa Boordootti argamu Shaatoo Boordoo waggaatti wayinii qaruuraawwan 30,000 qofa kan omishu yoo ta'u, omishni isaa kun walitti fufiinsaan addunyaarratti kutaa wayinii hunda caalaa gati-jabeessa ta'uun ramadama. Yeroo baayyee wayiniin Petruus qaruuraan tokko dolaara 6000tti gurgurama.