Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hawaa irra attamiin waggaa tokkoof jiraatama?
Iskoot Keliin qorataa hawwaa waggoota afur dura soorama bahaniidha. Waggaa tokkoof hawaa irra jirataniiru.
Innis qorattoota sadii Raashiyaan Hagayya bara 2015'tti gara hawaatti ergite keessaa tokko turan.
Keeliin attamiin bufata hawwaa Idil-addunyaa irra waggaa tokkoof akka jiraatan BBCtti himaniiru.
Qorattootta garee lammii Raashiyaa kan ta'an Genedii Paadaakaalaa fi Miikaa'el Korniinakoo waliin osoo jiranu, to'attoonni buufatichaa wanti sibila fakkaatu tokko sakandiitti saffisa km 14 fiigaa gara isaanii imalaa akka jiru itti himan.
Hata'u malee, waantichi gara isaanii dhufaa jiru kun maal akka ta'e garuu adda baasu hindandenyee ture to'attoonni.
Lammii Ameerikaa kan ta'e Keelii fi jarri waliin turan lamaanis sibilli gara isaanii dhufu yoo xiyyaara samii isaan keessa jiranitti bu'ee du'uun isaanii mirkana ta'u hubatan.
Yeroon kunis yeroo Obbo Kelii kan dura balaliisaa xiyyaara waraanaa tureef haala lubbuuf itti sodaate ture. Garuu, ammoo yeroo hundi isaanii yoo saataalaayitiittiin rukutamte waanti gochu danda'an akka hinjirre hubatan.
"Osoo balaan sun mudate ture Mishaa, Genadiifi ani milii sakandii keessatti kallattii miliyoonotaan gar gar facaanee duna turre,'' jedha.
Jireenyi marsaan gareen hawaarratti taasisuus jireenya lafarraan hanga tokko wal fakkaata. Gochawwan akka viidiyoon waliin bilbiluu, qulleessuu, fi muxannoowwan hojii gaarii hintaane fa'i jiru.
Irra jireessi jireenya hawaa irraa garuu baayyee cimaadha.
Iskoot bara 2007 irraa kaasee yeroo sadii gara hawaatti imaleera. Haa ta'u malee, beekkamtii kan argate turti bara 2005 hanga 2016 hawaa irra taasiseen ture.
Isaan dura qorataan hawaa irra yeroo dheeraaf ture lammiin Ameerikaa Maayil Lopez ture. Innis guyyoota 100'f ture deebi'e.
Iskooti garuu rikordii sana cabsuun waggaa tokkoof turu danda'eera.
Iskootii wanti gara biraa ittiin beekamu jira. Innis obboleessa lakkuu Maark jedhamu qaba. Maarkis qorataa hawaati. Naasaa keessa hojjata.
Obbooleessa isaa Maark kan daqiiqaa jahaan isa angafuus, bulchiinsa Arizonaatti bara filannoo Ameerikaa 2020'tti seenaatara ta'un filatameera.
Mana jireenyaa isaa Korolorodaatti argamurraa gaazexessaa BBCtti karaa viidiyoo wayita haasa'eetti, Isoot wayita waggaa tokkoof hawaa irra tureetti gara lafaatti deebi'uuf guyyaa tokkoolleen yaadee akka hinbeekne dubbate.
''Osoon sababii qabatamaa waggaa tokkoon ol na tursiisuu argadhee achuman tura ture. Sana gochuufis ammoo gonkumaa dandeettii kiyya shakkee hinbeeku. Raawwadheeras'' jedheera.
Qorattoonni hawaa tokko tokkoos qofaa isaanii hawaarra turuun xin-sammuu isaaniirratti dhiibbaa qabaata.
Iskoot garuu akka namaatti rakkina sana hubadheera garuu inuma keessa darbama jedheera.
Dhimmi guddaan ''Hanga danda'ameetti of bashannansiisuuf yaaluudha. Namoota hundaaf salphaadha jechuu miti,'' jedheera.
Isaaf jireenya hawaa cimaan xiyyaara samii sana keessa akka garaatti bahu dadhabuu ture. Lafa akkasii dhiphoo keessa namoota waliin yeroo dheeraaf jiraachuun waan salphaa hinturre.
Gama biraatiin ammoo Iskoot qorattoota hawaa kan biraa waliin hiriyyummaa gaarii ummata.
Iskooti namoota waliin hawaa irra ture erga lafatti deebii'ee booda hiriyyuummaa gaariin itti fufeera. Dhaabbanni Hawaa Addunyaas fakkeenya walta'insa biyyootaa akka ta'e dubbata.
Iskoot wayita hawaa irra tureetti hojiin alattis ni bashannana ture. Keessattu uffata jaldeessaa uffachuun baayyee isa gammachisa ture.
Uffata bifa jaldeessaa qabu sana ammoo obbooleessa isaa lakkuu naasaa keessa hojjatuutu kenneef.
Obbolaan kunneen kan guddatan Niiw Jeersii keessatti yoo ta'an maatiin isaanii poolisoota turan.
Isaanis ijjoolluummaa isaanii qabanii waan balaafamaa yaaluu jaalatu turan. Yeroo garaa garaattis balaan irra gahee beeka.
Mana barnootaa gallaanis Maarki baayyee cimaa ture. Iskoot ammoo faallaa isaa waan hunda dagataa ture. Erga kolleejii galanii booda Maarki akka isa gorsaa ture Iskoot ni yaadata.
Jalqabarratti Iskooti balaliisaa xiyyaara waraanaa ta'e.
Bara waraanaa qarqara galaanaatti duulee ture. Bara 1996'tti ammoo Naasaatti makaman.
Obbolaa lamaan kunis xiyyaara samii waliin imalanii beeku.
Bara 2003'tti xiyyaarri samii Kolombiyaa jedhamtu wayita gara dacheetti deebiitu kufte qorattoonni torba du'aniiru.
Mudannoon sunis kan ittiin imalli sammii balaafamaa ta'u mul'iseedha. Imaammanni nageenya Naasaa ittiin qeeqamee ture.
Namoota yeroo sana du'an keessaa tokko hiriyaa Iskoot ture.
Wayita BBC dubbiseettis yaa'ii idil-addunyaa nageenya xiyyaara hawaa irratti haasaa taasisuuf qophaa'aa ture.
Iskooti wayita gara hawaa waggaa tokkoof imaluutti dhimmoota xiyyeeffannaa qorattoota hawwate keessa tokko qorannoo qaccee sanyii ture.
Isaanis namni tokko yeroo dheeraaf yoo hawaa irra jiraatu dhiibbaa irra gahu qorachuuf obboleessa isaa lakkuu waliin wal bira qabanii qorachuf ture.
Achinis qaama Iskoot obboleessa isaa lafa ture waliin wal bira qabuun, jijjirama xin-sammuu, dandeettii dhukkuba dandamachuu fi caasaa qaccee sanyii xinxalaniiru.
Qacceen sanyii Iskooti irratti jijjiramni cararaaf saaxilamu irraan gahee mullatee ture.
Akkasumas Iskoot erga hawaa gara lafaatti deebi'ee jijjirama dhiigaa, hamma qaamaa, kiromozomii agarsiisee ture. Erga gara lafaatti deebi'een booda ammoo bakkuma durii isaatti debi'eera.
Qorattoonnis qorannoo obbolaa lakkuu irratti taasisaniin namoota gara Maarsiitti erguuf karoorsaniif ragaa kenneefiira.
Maarsii kan lafarraa fageenye maayilsii miiliyoona 34 irratti argamtu gahanii gara lafaatti deebi'uuf baatii sagal fudhata.
Qorattoonni gara sana deemanis cararaaf kan saaxilaman dachaa 10'n waan ta'eef tarii dhibee kaansarii ykn dhukkuba gara biraatiif saaxilamu danda'u jechuun yaadda'u.
''Filannoon jiru haala ittiin of ittisan argachuu ykn ariitiin Maarsii irra qaqabuudha. Ta'u baannaan garuu balaan qaqabu akka danda'u amanuun imaluudha'' jedha Iskooti.
Iskooti amma Naasaa keessa sorama bahuun haadha warraa isaanii waliin Deenvar jiraataa jiru. Waltajjiiwwan adda addaa irratti waa'ee hawaa haasaa taasisuufi barreessuun yeroo isaanii dabarsu.
Kana boodas tarii xiyyaar samii (rookeettii) gara hawaatti ergamuuf balaliisaan yoo barbaadame Iskoot waamamu danda'u ta'a.