Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaar-samiin Isra'eel addeessarratti burkutoofte
Ergama gara dirra addeessaaf xiyyaarri samii ergamte rakkinni motoraa mudateetu dirra addeessaarra akkuma qaqqabdeen hunkutoofte.
Xiyyaarri samii Bersheet kaampanii dhunfaatu maallaqaan deggare addeessarra qubatte.
Bersheet suuta qubachuuf turte, garuu rakkina teekinikaatu mudate.
Ergamni qabattees suuraa kaasuu fi yaalii akka gaggeessituuf ture.
Israa'eel biyya addeessarra xiyyaara samii qubsiifte 4ffaa taati jedhamee abdatamee ture.
Amma yoonatti dhaabbilee qo'annoo hawaa mootummaan deeggaraman Gamtaa Sooviyeet, USA fi Chaayinaa qofaatu milkaa'e.
Piroojekticha kan wixineesse fi deeggare Mooris Kaan ''yaallerra, milka'uu dhabnus'' jedhee dubbate.
''Baayyee itti boonna, iddoon itti imallee ajaa'iba'' jedhe.
Muummichi Ministiraa biyyatti Beenjamiin Neetanyahoon iddoo to'annoo ergama kanaa Telaviiv cinaatti argamtuu ilaala turan.
'Yoo tokkichaan milka'uu dhabe, irra deebi'aa yaalaa' jedhanis.
Bersheet guyyoota torba gara samiitti imaltee qaqqabde garuu, xiyyaara kana keessa namni hin turre.
Pirojeektii kana xumuruuf doolarri miliyoona 100 kan baasi ta'e fi qo'annnoo dirra addeessaaf maallaqa xiqqaa baafame ta'uun galma'e.
Haa ta'u malee walqunnamtiin Xiyyaaricha waliin ture erga motorri badee sekondii booda addan citee.
Ogeessii qo'annoo hawaa fi barruu Saayinisiif kan barreessuu Dr. Kimbirilii Karteer ''haalli xumura Bersheet gaddisisaadha garuu, garee xiyyaara kana ol erge hundatti booneera'' jetti.
Ergamni gara addeessaa guyyoota muraasa qofaa fudhata garuu, Bersheet Filooriidaarraa furguggifamtee galma baateef ga'uu torban itti fudhate.
Otoo harkisa addeessaatiin hin qabamiin dirraa addeessaarra qubachuuf yeroo fudhate.
Fageenyi Addessii lafarraa qabdu giddugaleessaa 380,000km - Beresheet garuu fageenya kana dachaa 15 imaluun qaqqabde.
Xiyyaarri samii kun m 1.5 kan dheerattuu yoo taatu, qubsiisuun daqiiqaa 20 fudhateera. Sirni to'annoo kan hojjatamu dursa ergama kana sa'aatiin to'atu irratti tolfameeni.
Xiyyaarri samii kun kaameeraa qulqullina jabaa qabuun suura kaasu, ofishiis deebistee kaasuu fa'aaf ergamte ture. Otoo hin caccabiin duras of suura kaasa turte.
Kana malees dirree maagineetummaa safaruun iddoo qubattus adda baasu dandeessi.
Pirofesarri Saanyinsii pilaanetotaa fi hawaa Moonikaa Gireedii Yuunversiitii Oppin jedhamurraa iddoo qubannaa sirriitti hubachuun dirree Maagineetii ji'aa safaruun akkataa Addeessi itti uumamtes beekuuf fayyadaa jedhani.
Qubsiiftonni fageenya Addeessi lafarraa qabdu sirrii ta'e dhaabbata qo'annoo hawaa Ameerikaarraa argachuuf deeggarsas gaafachuusaanitu himama.
Qo'annoo abuurraa hawaa waggoota 60 keessatti biyyoota sadiitu addeessarra xiyyaara samii qubsiisu danda'e.
Bara 1966 yeroo jalqabaatiif Xiyyaara samii addeessarra qubsiisuutu yaadatama.