Rookkeettii Paarkar Soolaar Piroob: Naasaan rokkeettii gara aduutti furguggise

Dhaabbatni qorannoo hawaa Ameerikaa NASA'n yoomiyyuu caalaa aduutti siquun abuuruu jalqabuu beeksiseera.

Rokkeettiin abuurtuu Paarkar Soolaar Piroob jedhamtu buufata qorannoo hawaa Keep Kaanaaveraal jedhamu irraa furguggifamteetti.

Rokkeettiin abuurtuu kun seenaa keessatti mi'a ariifattuu nam-tolchee jedhamtettti. Icciitii bara dheeraa aduus gadi baafti jedhame eegama.

Rokkeettiin kun maqaa namaan moggaafamuun ishee jalqabaa yoo taatu, nama waa'ee sirna aduu bara 1958tti ibse Iguun Paarkar jedhamuun moggaafamte.

Paarkar nama ganna 91 yoo tahu, yeroo rookkeettiin furguggifamuuf jettuu taa'ee qubasaa nyaachaa ture.

Rokkeettiin abuurtuu kun sa'aa 07:31GMT ture yaalii furgoo hin milkaa'in guyyaa tokko dura godhameen booda gara hawaatti kan furguggifamte.

Abuurtuun kun qilleensa naannoo urjii lafaatti gadi seenuun baatii jaha pilaaneetii Veenas keessa erga turteen booda baatii dabalataa ja'aaf aduuttii siiqxee abuurti.