Biraazil siidaa Kiristoos dheerinaan addunyaarratti sadaffaa ta'e ijaaraa jirti

Biraazil siidaa Kiristoos akka addunyaatti dheerina isaatiin sadaffaa ta'u ijaaraa jirti jedhame.

Siidaan Kiristoos Biraazil ijaaraa jirtu kun magaalaa Kibba biyyattiitti argamtu Enkaataadoo jedhamtutti yommuu ta'u meetira 43 dheerata.

Siidaan haaraa ijaaramaa jiru kun kan kanaan dura magaalaa Riiyoo Dee Jeneeriyootti ijaarame caaluu qofa osoo hin taane addunyaarratti dheerinaa sadaffaa ta'a jedhamee eegama.

Kutaan mataan siidaa kanaatiifi harki laamaan isaa gara bitaafi mirgaatti akka diriirfatan agarsiisan ijaaruun torban darbe xumurameera.

Yaada siidaa kana ijaaruu kan maddisiisan nama siyaasaa magaalattii Adiroohaaldoo Konaazaatii kan jedhaman yommuu ta'u, sababa koronaavaayirasiitiin baatii Bitootessa darbee lubbuu isaanii dhabaniiru.

Odeessaaleen siidaa ilaallatan birroo:

Ijaarsi siidaan Kiristoos bara kana keessa xumurama jedhamee eegamu kun baajata Dolaara Ameerikaa kuma 3500 ta'utu qabameeraaf jedhameera.

Waldaa Hawaasaa Kiristoosiin Jaallatan jedhaman ijaarsa siidaa kanaaf baasii barbaachisu kanaaf maallaqa namoota dhuufaafi dhaabbileen gara garaa irraa walitti qabaa akka jiran ibsaniiru.

Siidaan kun harka gama tokkoo irraa kaasee hanga harka gama isa biraatti meetira 36 kan dheeratu yommuu ta'u, [liiftii] daawwattuuta hanga saggoo/qolee siidaa kanaatti geessu ni tolfamaaf. Liiftiin kun ammoo dheerina meetira 40 kan geessu yoo ta'u magaalattii daawwachuuf kan nama dandeessisudha jedhameera.

Siidaawwan Kiristoosa dheerinaan kana caalan lama Indoneeshiyaafi Holaand keessatti argamu. Indoneeshiyaatti siidaan Kiristoos argamu 'Buntuu Buraakee' kan jedhamu meetira 52.55 kan dheeratu yommuu ta'u, kan Holaand keessatti argamu ammoo meetira 52.5 dheerata.

Guutummaa addunyaarra siidaawwan amantaa agarsiisan kan Maariyaam dubraafi warra Buduhaan dabalatee siidaawwan Kiristoosa kana kan caalan hedduun jiru.