Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siidaan hin beekamne gammoojjii Ameerikaa keessatti argame deebi’ee badee?
Siidaan siibilaa hin beekamne torban darbe gammoojji US bulchiinsa Yuutaah keessatti argame bakka isaa irraa bade jedhu anga'oonni.
Waajirri To’annoo Lafaa kutaa biyyaa Yuutaa siidaan kun ''qaama hin beekamneen'' kaafamuu isaa odeeffannoo mirkanaa’aa akka qabu ibseera.
Suuraaleen miidiyaa hawaasummaa irra jiran bakka sanatti dhakaa walirra tuulamee fi sibiilli xiqqoo qofa akka jiru mul’isu.
Argannoo siidaa meetira 3.7 dheeratu kanaa booda biyyattii guututti akkamiin siidaan kun achi kaa’amee kan jedhu irratti gaaffii kaaseera.
Guyyoota darban keessatti ammoo namootni hedduun bakkicha daawwataniiru.
Siidaan sibilaa hin beekamne kun kan jalqaba argame Sadaasa 18 irratti, yemmuu gartuun hoolota gaanfa guddaa lakkaa’an helikooptaraan bakkicha gubbaa balali’aa turanidha.
Oduun argannoo kanaa fi madda isaa irratti xinxalli jiru ariitiin miidiyaa hawaasummaa gubbatti qoodamaa ture.
Hedduun siidaan kun aartii ogeessa siidaan achi kaa’ame jechuun xiinxalu. Ta’us garuu namni siidaa kana achi dhaabuuf itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Paayileetni heelikooptaraa Yutaah Raayan Jimaata bakkicha daawwatee ture, guyyaa itti aanu yemmuu hiriyyaan isaa dawwannaaf achitti deebi’u siidichi akka hin jirre TV KSL’tti himeera.
''Sa’aatii 24 booda, hiriyyaankoo akkumakoo paayileetii helikooptaraa ta’e, maatii isaa waliin ilaaluuf yeroo deemu siidichi hin jiru ture,” jechuun eenyu akka kaase baruu akka barbaadu ibseera.
Wajjirri To’annoo Lafaa Yutaah ''siidaa qabeenya dhuunfaa ta’u mala” jedhu kana waajjirichi akka bakkichaa hin kaafne himeera.
''Yakka qabeenya dhuunfaa waliin wal qabatee jiru nuti hin qorannu dhimmi kun poolisiin qoratama,” jedha.
Namootni hedduun iddoo sana deemuun siidicharraa wanta hafee waliin suuraa ka’uun, miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansaniiru.
Torban darbe Wajjirri Eegumsa Ummata Yuutaa suuraa siidaa sibiilaa boca reektaangilaa qabu kan baasuus, namootni bakkichatti baayyatu yaaddoo jedhuun bakka isaa isa sirri ifa hin taasifne ture.
Ta’us garuu erga saatalaayita fayyadamuun bakkii siidaa kana inteerneeta irratti ifa godhamee booda, namootni dhibbaan lakka’aman gara baakkichaatti imalaniiru.
Ammayyuu garuu maddi siidaa kanaa ifa miti. Paayileetni heelikoptara siidaa kana jalqaba argatee Bereet Hachingi.
Siidaan kun tarii ‘artiistii haaraan’ ykn ammoo nama filmii 2001: Space Odyssey jedhamu jaallatuun dhaabame jedhee yaada. Filmii kana irratti uumama pilaaneta biraa irraa dhufan (alien) siidaan hin beekamne yemmuu dhaaban mul’isa.
Anga’oonni ammoo ''siidaa ykn aartii kamuu eeyyama malee lafa uummataa feederaalaan hogganamuurra ijaaruun hin eeyyamamu, pilaaneeta kamirraa yoo taateyyu,'' jechuun himeera.