Siidaa Grunten: Iccitii dhabamuu siidaa qaama saalaa fakkaatuu maalii laata?

Siidaan boca qaama saalaa dhiiraa qabu kan eessaa dhufeensaa hin beekamnee fi tulluu Grunten irratti argamu dhabamuusaatiin walqabatee poolisiin Jarmanii barbaacha eegalaniiru.

Tulluun kun magaalaa Muunik irraa gara kibba dhihaatti argama.

Siidaan Grunten kun meetira lama kan dheeratu yoo ta'u, mukarraa bobbocamee kan hojjetameedha, umurii waggaa dheeraa kan qabuudhas jedhameera.

Siidaa guddaan waggaa dheeraaf dhaabbatee ture kun amma gufuusaa qofatu hafee jira, oomtuu irra hin jiru.

Namni jalqaba muka guddaa kana soofee boca kana itti baasee siidaa kana dhaabe hin beekamu.

Siidaan gaara meetira 1,738 irratti guddatee mul'atu kun iddoo aaragalfii namoota hedduu ture. Namni gaara sanarra ba'ee osoo siidaa kanatti hin bashannanin deebi'u hin jiru.

Siidaan kun 'Google Maps' irratti akka ''Siidaa mallattoo aadaatti'' beekamee ture. Garuu siidaan kiilogiraama 200 ulfaatu kun akkamiin gaara sanarraa muramee akka dhabamsiifame tilmaamuun rakkisaa ta'eera.

Seenaan siidaa kanaa miidiyaa Jarmanii tokkoon gabaafame akka mul'isutti, jalqaba siidaa kana garee dargaggootaatu waliin gurmaa'uun akka kennaa guyyaa dhalootaatti bobbocanii qopheessan.

Garuu namni kennaan kun qophaa'eef hin fudhanne. Isa booda dargaggoonni kunneen siidaa bobbocamee tolfame kana tulluu gubbaa baasanii dhaaban, namoonnis itti bashannanuu eegalan.

Kan yeroo jiru hagas mara hin beekamne siidaan kun torbee darbe keessa baduunsaa erga baramee booda waa'eensaa beekamuu eegale.

Barbaacha siidaa kanaaf sakatta'iinsa eegaluu kan isan poolisoonni garuu yoo argame maal goona kan jedhu gaaffii itti ta'eera.

Dubbi himaan poolisii Holger Stabik akka jedhanitti, abbaan siidaa waan hin beekamneef eenyuuf haqa akka barbaadan rakkataniiru.

Magaala dhiyeenyatti argamtu Rettenberg, jedhamtutti kantiibaa kan ta'an Nikolaus Weissinger, dhabamuun siidaa kanaa qaamii guddaadha jedhan.

Siidaawwan iccitii qaban tibbana mata duree oduu addunyaa ta'aniiru.

Torbee darbes siidaan meetira 3.7 dheeratu US, bulchiinsa Utaa keessatti argamee yeroo xiqqoo booda immoo dhabame.

Siidaan sibiilaa eessaa dhufteen isaa hin beekamne kun argamuunsaa osoo nama jaayibee hin ga'in dhabamuunsaammoo raajii biraa ta'eera.