Sooriyaa: Waraanni Sooriyaa biyyoonni hedduun harka keessa galfatan hanga har'aatti maaliif furmaata dhabee?

Madda suuraa, Reuters
Mormiin karaa nagaa waggaa 10 dura pirezedaantii Sooriyaa irratti ka'e ture kan gara wal waraansa guutuutti jijjiirame. Sababa waraana kanaa ammoo lubbuun namoota 380,000 ol kan darbe yoo ta'u isaan keessaa 116,911 kan ta'an namoota nagaadha.
Waraanni Sooriyaa kun akkamiin jalqabee?

Madda suuraa, AFP
Sooriyaa keesstti osoo walitti bu'insi hin jalqabiin durayyu lammileen biyyattii hedduun hojii-dhabdummaa, malaammaltummaafi hanqina bilisummaa siyaasaa guddaa, bulchiinsa pirezedaant Bashir al-Asaad jalatti isaanitti hammaateef gungumaa turan.
Pirezedaant Bashir al-Asaad bara 2000 erga abbaan isaa Hafeez du'ee booda ture kan aangoo dhaalee itti fufe.
Bitooteessa 2011 keessa, mormiin namoota dimokiraasiin akka jiraatu fedhaniin magaalaa gama kibba biyyattii keessatti argamtu Deeraa jedhamtutti dhohe. Mormiin ka'e kun ammoo biyyoota ollaa sirna bulchiinsa hacuuccaa mormaniin hamilee dabalataa argate.
Yeroo mootummaan Sooriyaa warra yaada addaa qaban callisiisuuf jecha tarkaanfii humnaa fudhachuun namoota ajjeesuu jalqabu, guutummaa biyyattii keessatti akka pirezedaantichi aangoo gadhiisuu mormiin cime.
Tasgabbii dhabuun wayituma baballataa adeemu tarkaanfiin callisiisuuf fudhatamus akkasuma cimaa deeme. Deeggartoonni mormitootaas dura ofirraa ittisuufi itti aansuun ammoo humnoota nageenyaa naannoosaanii jiran qulqulleessuuf hidhannootti deebiyan.
Pirezedaant Alaasaad ammoo warra "shorokkeessitoota humna alaatiin deeggaraman" jedhan dhabamsiisuuf dhaadatan.
Hokkarri saffisaan cimaa dhufuudhaan biyyattiin gara waliin wal waraansatti seente. Finciltoonni dhibbaan lakkaa'aman uumamuun booda lolichi deeggartootaafi mormitoota Bashir al-Asaad gidduutti qofa ta'uun hafe. Humnoonni gurguddoo biyya alaas baabsii deemuu jalqabuun garee deeggaraniif maallaqa, meeshaalee waraanaafi loltoota erguu jalqaban.
Adaduma dubbiin hammaachaa dhufeenis dhaabbileen mankaraaressitoota jihaaddistootaa akka Islaamiik Isteet (IS) akkasumas al-Qaa'edaa keessatti hirmaachuu jalqaban. Kun ammoo hawaasa addunyaatiif yaaddoo guddaa ta'aa dhufe.
Kurdoonni warra Sooriyaa mirga ofiin of bulchuu barbaadu garuu humnoota Alasaadiin hin lolle ammoo walitti bu'insa kana akka inni kallattii biraa qabaatus taasieera.

Namoota meeqatu sababa lola kanaatiin du'e?

Madda suuraa, Reuters
Gareen mirgoota namoomaaf falmuufi UKtti argamu 'Sooriyaan Obervaatorii foor Huumaan Raayits (SOHR)' jedhamu, gabaasa maddeen Sooriyaadhaa qaburraa walitti sassaabee dhiyeesseen, hanga Mudde 2020'tti namoonni 387,118 kan ajjeefaman yoo ta'u, isaan keessaa 116,911 namoota nagaadha jedhe.
Lakkoofsi namoota du'anii dhaabbanni kun gabaase, namoota achi buuteen isaanii dhabame 205,300 tarii du'uu malu jedhan hin dabalatu. Namoota achi buuteen isaanii dhabame jedhaman kunneen keessaa kanneen 88,000 kan ta'an namoota nagaadha.
Eenyutu keessatti hirmaate?

Madda suuraa, AFP
Waggoota 10 darban keessa Raashiyaafi Iraan deeggartoota mootummaa warra ijoo jedhamanidha; biyyoonni Lixaafi biyyoonni Galoo-galaanaa Arabaa ammoo sadarkaa gara garaan deeggarsa taasisaa turaniiru.
Raashiyaa - biyyi kun osoo waraanni Sooriyaa hin jalqabiin durallee buufata waaraanaa achii qabdi ture. Achumarraan Alasaadiin deeggaruun duula bara 2015 jalqabuun Raashiyaa lola kana keessatti sadarkaa biraatti ceesiseera.
Loltoonni Raashiyaa "shorokkeessitootarratti" xiyyeeffannee rukkunna yaa jedhaniyyu malee rogeeyyonni garuu finciltoota idileefi namoota nagaa haleelaa turan jechuun dubbatu.
Iraan - Iraan ammoo Alaasaadiin deeggaruudhaan loltoota dhibootaan akka bobbaafteefi maallaqa dolaara Ameerikaa biliyoona hedduu baasuutu dhaga'ama.
Milishoonni warra Shi'aa kumaatamaan lakkaa'aman Iraaniin hidhachiifamanii, leenji'anii maallaqaan deeggaramu. Irra caalaan ammoo sosochii Hezboollaa warra Libaanosidha. Kana malees, Iraaq, Afgaanistaanii fi Yamanilleen gama loltoota Sooriyaa goruun keessatti hirmaatu.
Biyyoonni akka US, UK fi Firaans ammoo gara jalqabaa gareewwan finciltoora "ilaalcha giddu-galeessa ta'e" qabu jedhanii yaadan deeggaraa turan.
Tumsi addunyaa USn durfamu ammoo haleellaa xiyyaaraa kan ture yommuu ta'u bara 2014 ammoo humnoota addaa kan Humnoota Dimokiraasii Sooriyaa (SDF) jedhamu tumsa milishoota Kurdootaafi Arabaatiin ijaarame deeggaru erganiiru. SDF daangaa yeroo tokko milishoota ISn kaaba-bahaatti qabatamee ture deebisaniiru.
Tarkii - Tarkiin ammoo deeggartuu mormitootaa ishee guddoodha garuu xiyyeeffannoon ishee gareewwan finciltootaa fayyadamuun milishaa Kurdooaa YPG kan SDF dhuunfatanii jiran qabachuudha. Tarkiin garee kana warra kanaan dura finciltoota Tarkii keessaa badan itti fufsiisan jechuun himatti.
Loltoonni Tarkiifi gareewwan finciltootaa waliin ta'uudhaan daangaa Sooriyaa gama kaabaan jiru bal'aa qabachuun sochii humnoonni mootummaa kutaa Idilbii jedhamu mormitootaan qabatamee jiru irratti taasisan dhorkanii turan.
Sa'ud Arabiyaa - fedhii dhiibbaa Iraan dura dhaabbachuudhaaf qabduun, jalqaba waraana sanarraa kaastee finciltoota hidhachiisuufi maallaqaan deeggaraa turteetti. Morkattuu ishee Galoo-galaanaa kan taate Qaataaris gareema finciltootaadhuma kana deggarti.
Israa'el- Israa'el ammoo gamasheetiin eanwhile, "da'oo loltummaa" Iraan Sooriyaa keessatti tolfaaa jirtuufi meeshaa waraanaa isheen Hezboollaattiifi milishoota Shi'aatti galaanaan fe'aa jirtudha dha jechuun yaadda'uun haleellaa xiyyaaraa irra deddeebiin gaggeessaa turteetti. .

Biyyattiin akkamiin miidhamaa turte?

Madda suuraa, AFP
Akka SOHR jedhutti du'aatii kuma dhibba hedduu qaqqabsiisuun alatti sababa waraana Sooriyaa kanaan namoonni nagaa miliyoona 2.1 ta'an madaa'aniiru ykn qaamaa hir'ataniiru.
Osoo waraanni hin jalqabamiin baayyina ummataa Sooriyaa miliyoona 22 ta'an keessaa walakkaa kan ta'an qe'ee isaaniirraa baqataniiru.
Kanneen miliyoona 6.7 ta'an achumaa achi keessatti buqqa'anii hedduun isaanii kaampii keessa kan jiraatan yoo ta'u kanneen miliyoona 5.6 ta'an biroon ammoo biyya alaatti akka godaantotaatti galmaa'aniiru. Biyyoonni ollaa akka Libaanos,
Jordaaniifi Tarkiin baqattoota Sooriyaa kana %93 kan simatan yommuu ta'u, seenaa yeroo dhiyoo keessatti gadaansa baqattootaa guddicha ta'ee galmaa'eera. Daa'imman miliyoona tokko ta'an godaantota Sooriyaarraa biyya itti baqatanitti dhalataniiru.

Akka UN jedhutti hanga Amajji 2021tti namoonni Sooriyaa keessa jiran miliyoona 13.4 ta'an gargaarsa namoomaatu isaan barbaachisa. Isaan keessaa ammoo milyoona 6 kan ta'an darkaa daran hama keessa waan jiraniif gargaarsa addaatu isaan barbaachisa.

Bu'uuraaleen misoomaa biyyattii keessa jiraniifi ollaa jiran waraana waggaa kudhan ture kanaan manca'aniiru. Bakkawwan seena qabeeyyii Sooriyaa keessatti argaman garri caalan barbaada'aaniiru.
Qorannoon yakkawwan waraanaa UN qaamoleen hundumtinuu "seera akka malee cabsuun" yakka raawwataniiru jedha.

Yeroo ammaa eenyutu biyyattii to'atee jiraa?

Madda suuraa, AFP
Mootummaan magaalaa guddicha Sooriyaa deebisee qabateera garuu garri guddaan biyyattii ammallee finciltoota, jihaaddistootaafi SDF kan Kurdootaan durfamuun qabamee jira.
Bakka mormitoonni ciminaan qabatanii jiran kutaa kaaba-lixaa Idilbii jedhamuufi garii Haamaa kaabaafi lixa Aleeppoodha.

Waraanni kun dhaabbataa laata?

Madda suuraa, AFP
Waraanni Sooriyaa keessatti qaamoleen hedduu hirmaachisee waggoota kudhan ture kun yeroo dhiyoo keessatti kan dhaabbatu hin fakkaatu. Garuu furmaanni siyaasaa akka barbaachisu hundumtuu irratti waliigaleera.
Waliigaltee Jenevaa bara 2012 kan qaamni ce'umsaa "kan waliigaltee hundaan ijaarame" akka gaggeessu yaadame akka hojiirra ooluuf Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii (UNSC) waamicha taasisee jira.
Mariin nagaa karaa UN gaggeeffame marsaa sagaliif gaggeeffame jijjiirama osoo hin fiduun karaatti hafeera. Kanaaf ammoo sababiin gareen mormitootaa mariin nagaa gaggeeffamuudhaaf dursa Pirezedaant Alasaad aangoorraa ka'uu qaba waan jedhaniif inni ammoo diduunidha.
Raashiyaa, Iraan fi Tarkiin marii siyaasaa wal-maddee adeemsa Astaanaa jedhamu bara 2017 keessa hundeessanii turan.
Waggaa itti aanu keessa koreen miseensota 150 qabu hundeeffamuun gaggeessumma UNtiin heera mootummaa haarawaa gara filannoo haqaafi bilisaatti geessu akka barreessaniif waliigalteerra gahameera. Haata'u malee, amajji 2021, ergamaa addaa UN kan ta'e Ge'iir Pedersan heera kana wixineessuullee hin jalqabne jechuun gaddaa dubbata.
Obbo Pedersan dabalataan akka himanitti, loltoonni humnoota alaa shan yeroo ammaa Sooriyaa keessa dammaqinsaan socho'aa jiran kanatti, ammallee furmaanni harka Sooriyaanotaa jira jechuun fakkeessuu hin danda'an.














