Israa'eel Sooriyaatti bakka gabbisa nikuleeraati jechuun shakkite haleeluu ishee amante

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Waraanni Israa'eel Sooriyaatti bakka kuusaa nikulaaraatti jechuun shakkite bara 2007 haleeluu ishee ifatti amanteetti.
Xiyyeefannaan haleellaa naannoo baha Deeyer-al-Zooritti godhame sun ''kan balaa Israa'eelii fi gutuu naannichaatti argaman hundaaf kan hiriseedha,' jechuun dubbatama.
Akka jedhamutti, bakki misooma nikulaaraa sunis bakkuma xumura jala gahee turetti cufame. Kan kana godhees Israa'eel ta'u yeroo dheeraaf yaadama kan ture ta'us, hanga ammaatti gochuushee kana hin amanne turte.
Bakki haleellaan irratti raawwatame sun garuu bakka nikuulaarri akka hinturre Sooriyaan irra deddeebi'uun haalte turte.
Dhabbanni Humna Atoomii Adduunyaas bakki jedhame kun kan omisha nikulaaraa'' ta'u akka malu'' dubbataniiru.
Akkasumas gargaarsa kooriyaa Kaabaan kan ijaarameedha jechunnis yaada kennaniiru.
Waligaltee dagaagina nikuukaara dhorkuu keessatti miseensa kan taate Sooriyaan, dhimma kana haalteetti.
Qondaalonni waraanaa Isiraa'eel maal jedhan?
Israa'eel haleellaa humna xiyyaaraan Fulbaana 5-6, 2007 naannoo gamoojjii Sooriyaa bakka nikulaaraa al-Kubaarti raawwatee ilaalchisee suuraafi ragaalee walfakkaato haaraa ifa gooteetti.
''Halkan Fulbaana 5-6, 2007 irraa haleellaa xiyyaarri waraana Isrraa'eel taasiseen bakka kuufama nikuulaara Sooriyaa keessatti ijaaramee xumuramuuf jedhu guutummaa guutuutti barbaadeesseera, jechuun waraanni Israa'eel ibseera.
Bakki jedhame kunis xiyyaara waraanaa F-16 afurii fi F-15 afuriin akka haleelame Israa'eel dubbatti.
''Haleellaan bakka nikuleeraa irratti bara 2007 godhame kun , mootummaan Israa'eel misooma fi daagiina meeshaalee jireenya biyyatti sodaa jala galchan kamiyyu akka hundeeffaman kan hin hayyamne ta'usheef ergaa kan dabarsuudha,'' jechuunis ibsi kun addesseera.
''Ergaan keenyaa kan bara 2007 kana ture, har'as taanaan ergaadhuma kana qabna gara fuulduraattis ergaa itti fufuudha.''
Israa'eel haaluma kana babal'isuun Sooriyaa keessatti lakkoofsaan guddachaa kan dhufe humana waraana Iraan ilaalchistee dhihoo kana akeekkachiisa laateetti.













